Itoophiyaan konkolaattota elektirikii Volkiswaagan daandii Finfinneerra guutan maaliif dhorkite?

konkolaattota elektirikaa Voolswaagen

Madda suuraa, Getty Images

Mootummaan Itoophiyaa torban darbe konkolaattota elektirikii ID.4 fi ID.6 jedhamaniifi kan moodeelii kaampaanii biyya Jarman Voolkiswaagan jedhamuun Chaayinaa keessatti oomishaman Itoophiyaa akka hin galle dhorkaa kaaheera.

Konkolaattonni elektiriikaa mimmiidhagoon Voolkiswaagan kun yeroo gabaabaa keessatti gosa konkolaattotaa daandiiwwan Finfinnee keessatti baay'inaan mul'ataniidha.

Ministeerri Geejibaa fi Loojistikii Itoophiyaa torban darbe keessa gosti konkolaataa elektirikaa volkiswaagan kun yeroof gabaa Itoophiyaaf akka hin seene dhorkamuu kan ibse iyyata Imbaasii Jarman Itoophiyaa keessatti argamu irraa isa qaqqabeen ta'uu ibseera.

''Biyya Chaayinaatti hojjetamee Itoophiyaa galaa kan jiru konkolaataan elektirikaa volkiswaagan hayyama seeraa kan hin qabne ta'uu kubbaaniyyaan Jarman karaa Imbaasii isaan ministeera keenyaaf xalayaa ergeen beeksiseera'' jedha ibsi gabaabaan ministeerichi torban darbe baase.

BBC'n dhimma kana ilaalchisee kubbaaniyyaa biyya Jarman volkiswaagan gaafatee akka hubatetti, sababiiwwan dhimma seeraa fi wabii argachuu wajjiin walqabateen dhorkaan kun kaa'ame.

Ministeerri Geejjibaa fi Loojistiikii Itoophiyaa gamasaatiin gara biyya keessaa akka hin seennee kan taasisee, sababii konkolaattonni kunneen 'daandii Itoophiyaa irra konkolaachisuuf gahumsa qabaachuu (roadworthy)' kan jedhu mirkanneessuu qabuufi jedheera.

Hayyamaa fi wabii hin qaban

Kubbaaniyyaan Jarman konkolaataa omishu volkiswaagan yaada BBC'f kenneen konkolaattotni isaa Chaayinaatti hojjetaman gabaa Itoophiyaa akka hin seenne akka dhorkamu kan gaafate karaa embasii Jarman Finfinneetti argamuun ta'uu ibseera.

Korporeet kominikeeshiniin kubbaaniyyaa kanaa gama imeeliidhaan yaada BBC'f kenneen konkolaattotni elektirikii ID.4, ID.6 X fi ID.6 CROZZ jedhaman achuma gabaa Chaayinaan alatti gurguramuu akka hin qabne seeraan labsamuu beeksise.

Konkolaattonni elektirikii gabaa Chaayinaaf tolfaman kun Chaayinaan alatti yoo gurguraman konkolaattotni kun kubbaniyyicha irraa wabii konkolaataa akka hin arganne dhaabbatichi ibseera.

Konkolaattonni ID.4, ID.6X fi ID.6 CROZZ kunniin daandiiwwan Chaayinaaf jedhamanii qofa waan hojjetamaniif Chaayinaan alatti wabii isaan barbaachisu hin qabanii jedheera kubbaaniyyichi.

Konkolaattotni beekamtii malee Itoophiyaa keessatti gurguramaa jiran kun ''gidduugaloota suphaa, qorannoo fi jijjiirraa kaampaanichi mirkaneessee Itoophiyaa keessaa qabu keessatti tajaajila kamuu argachuu hin danda'an'' jedheera.

'Konkolaattonni kun daandiilee Itoophiyaaf mijatoodhaa kan jedhu mirkaneessuuf'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ministeera Geejibaa fi Loojistikii Itoophiyaatti hojii gaggeessaa olaanaan tajaajila geejiba uummataa obbo Kedilmaagist Ibraahim yaada BBC'f kennaniin dhorkaan amma ministeerichi kaaye irra jireessan ''konkolaattotni kun daandiilee Itoophiyaaf mijatoodhaa kan jedhu mirkaneessuuf qofadha'' jedhan.

Waggoota dura gosti konkolaattotaa kun Itoophiyaa galuu yeroo eegalan ''qajeelfamni addatti isaan ilaallatu qophaa'ee hin turre'' jedhan.

''Konkolaattota Elektirii irratti qajeelfamoonni fi istaandaardiin qophaa'uun irra ture. Sababni isaas teeknolojichi dursee dhufeera garuu adeemsuma kana dura tureen biyya galaa turan. Amma garuu osoo qajeelfama qopheessaa jirruu komiin kun dhufe.''

Konkolaattootni kun hangam isaaniitu maamiltoota harka galanii akka jiraniifi hangam isaaniitu mankuusaa daldaltootaa jiru kan jedhu ammatti lakkoofsaan addda baasuuf hojjechaa akka jiran himaniiru.

''Konkolaattotni biyya keenya jiran hangam akka ta'an beekuun ni danda'ama. Sababni isaas ammatti lakkoofsa gabatee argachaa kan jiran Finfinneetti waan ta'eef, Finfinnee keessatti ragaa kana qindeessaa jirra. Gidduugala gurgurtaa kan jiraniifi lakkoofsa gabatee kan argatan lakkoofsi isaanii dabalaa waan jiruuf kana adda baasaa jirra.''

Mootummaan eegumsa naannoo ilaalcha keessa galchuun konkolaattota Elektiraaka biyya galan jajjabeesuuf gibira irraa bilisa galchaa akka tures obbo Kadilmaagist himaniiru.

Hireen konkolaattota kanaa biyya keessa galanii jiraniiwoo akkam ta'a gaaffii jedhuuf deebii kan kennan obbo Kedilmaagist, torban kana keessa eembasii Jarman waliin gaaffiilee jiran mara irratti dubbachuuf beellama qabachuu isaanii himan.

Konkolaattotni maamiltoota meeqa harka galanii jiru kan jedhu ammatti deebii hin argatiiniyyuu malee namoota hedduun bitatanii oofaa jiru.

Ofii dhimmi kun nageenya konkolaataa amma harka abbootii qabeenyaa galanii jiraniif yaaddoo ta'aa?

Obbo Kedilmaagist ''yaaddoon nageenya konkolaataa ni jira jedhee hin yaadu. garuu kana guyyaa gabaabaa keessatti gabaasa isaa ni dhiyeessina'' jedhan.

Kubbaaniyyaan Voolswaagan gurgurtootni hayyama hin qabne konkolaattota kana seera qabeessa fakkeesuufi dhoksaan irra deddeebiin biyyoota biroo galchuuf yaalameera jechuun, maamiltootni konkolaattota kana bituu dura eeggannoo akka godhan dhaameera.

Kubbaaniyyaan guddichi konkolaattota omishu Voolswaagen hanga bara 2030'tti konkolaattota elektikii ID gabaa Chaayinaaf dhiyeessu keessaa dhibbeentaa shantama achuma Chaayinaa keessatti omishuuf bara 2021 ture waliigaltee kan raawwate.

Konkolaattotni kun gosa isaaniirratti hundaa'uun Itoophiyaa keessatti birrii miiliyoona 4.2 hanga miiliyoona 5.4'tti gurguramaa turan.

Bara 2021 irraa eegalee kan omishamuu eegalan gosti ID kun horse power 177- 225 qabu.

Konkolaattotni kun baatiriin isaanii kw 240'n takkaa yoo guutame hanga km 580 ittiin imaluu danda'u. Imaltoota shanii hanga torbaas fe'uu danda'u. Fuulduraafi duubaan kaameraan kan itti godhame yeroo ta'u, sirna sagaleefi teeknolojiiwwan yeroo ammaan kan guutamaniidha.