Artistiin Taanzaaniyaa konkolaataa elektirikii meeshaa naannoon hojjete

Konkolaataa elektirikaa

Kaartonistiin (gosa oogummaa fakkii) lammii Taanzaaniyaa Masuud Kippaanyaa konkolaataa elektirikiin hojjettuufi biyya keessatti tolfamuun kan jalqabaa taate hojjetee ifa godhe.

Konkolaataa meeshaalee naannoodhumatti argaman irraa hojjete kanaaf maqaa biraandii 'Kaypee Motor' jedhu kenneefiira abbaan kalaqaa kun.

Konkolaataan kun km 50-60 imaluuf sa'aatii jahaaf chaarjeffamuu qabdi jedhameera.

Konkolaataan kun ammatti daandiiwwan biyyattiirra akka konkolaattu hayyama argachuu baattus abbaan kalaqaa Masuud dhiyootti hayyama akka argatu adbii qaba.

Keessoo konkolaataa

Masuud Kipaanyaa BBC Iswaahiilii waliin gaaffifi deebii taasiseen konkolaata kana ofiin hojjechuu isaa ammallee namootni amanuuf rakkachuu himeera. Konkolaataa kana hojjetee xumuruufis ji'oota 11 itti fudhachuu dubbate.

''Konkolaataa akkaan jabaa chaarjara mataa isaa qabuufi naannoo hin faalledha'' jedhe.

''Lammiileen biyya alaa dhufanii waan akkasii akka nuu hojjetan eeguu hin qabnu'' jechuunis dubbate.

Konkolaataa kana hojjechuun baasii hedduu akka isa gaafate kan himu artistiin kun shilingii Taanzaaniyaa miiliyoona saddeetitti($3,400) gurguruu akka barbaadu BBC'tti himeera. Gatii raabsaa qaalii hin taanedha jechuunis dubbate.

Konkolaataa hojjechuuf yaadni erga walirra bu'uufii eegalee waggaa sagal ta'uus dubbateera.

line

Odeessaalee wal fakkaatan biroo: