Beetaliheem Girmaa: Qorattuu Eeroospeesii bu'aa bayii hedduu keessatti abjuu ishee ganamaa milkeessite

Beetaliheem Girmaa

Madda suuraa, Beetaliheem Girmaa

Beetaliheem Girmaa jedhamti. Mana barnootaa Kaateediraalii Kaatolikii Lidataatti barnoota sadarkaa lammataa erga xumurteen booda Yuunivarsiitii Finfinnee seente.

Yuunivarsiitii Finfinneetti Siiviil Injinariingii barachuu eegaltus fiixa hin baasne. Sababni ammoo abjuun ishee ganamaa waan biraati.

"Daa'ima xiqqoo yeroon ture, maal ta'uu feeta yoo naan jedhan, Astiroonaatiin jedha ture. Yeroos Itoophiyaa keessatti waa'ee hawaa hin haasa'amu ture," jetti.

Wayita yuunivarsiitii seentu garuu sababoota adda addaan Siiviil Injinariingii barachuu eegalte. Sababni tokko abbaan ishee Siviil Injinariingiin eebbifamuu isaa ture.

Fedhiin baruumsichaaf qabdu garuu yeroo dheeraa hin turre. Bu'a qabeettiis ta'uu hin dandeenye.

Kanaaf "gara fedhii kootii, gara wantan jaaladhuutti deebi'uu akkan qabun yaade," jetti.

Fedhii ishee milkeessuuf ammoo gara Chaayinaa imaluuf murteessite.

"Chaayinaa deemee Yuunivarsiitii Eroonotiksiifi Astiroonitiksii Naanjaangitti Eronootikaal Injinariingii barachuu eegale. Digirii jalqabaa Eronootikaal Injinariingiin argadhe," jechuun himti.

Beetaliheem Girmaa wayita eebbifamtu

Madda suuraa, Beetaliheem Girmaa

Ibsa waa'ee suuraa, Beetaliheem qabxii olaanaa galmeessisuun eebbifamte

Eronootiiksiin saayinsii balaliinsaati. Saxaaxa ykn dizaayinii xiyyaaraa ykn wantoota balali'an biroo baasuus ni dabalata.

"Daa'imummaa kootti wantootan jaaladhun qaba ture. Waa'ee balaliinsaa fi hawaa fedhii guddaan qaba ture. Sanirratti yeroos dandeettii barnoota herreegaa qaban ture. Kanaaf gara damee kanaatti kanan dhufe."

Beetaliheem qabxii olaanaa galmeessisuun eebbifamte. Gosti barnootaa ishee hedduu kan baratame waan hin taaneef namoonni waa'ee barumsa kanaa ishee gaafatu.

"Wayitan kaampaasii turee boqonnaaf gara Itoophiyaa yoon dhufu, maal barachaa jirta? jedhanii na gaafatu. Yeroon itti himu rifatanii, biyya kana keessatti si baasaa jedhanii na gaafatu. Nama hedduutti gaaffii ta'a ture."

"Namni hedduun kasaaraa akka ta'e ture kan yaadu. Garuu addunyaa keenyarratti namoonni jijjiirama fidan hedduun karaa bu'aa hin buusu jedhamerra deemaniiti jijjiirama fiduu kan danda'an," jetti BBCtti yoo dubbattu.

Akkamiree bu'aa siif fidee? gaaffii BBC ture.

"Sirriitti. Buu'aa buuseera kan jedhamu garuu hiikkoon isaa gargar ta'uu mala."

"Bu'aa qabaachuun galii argamsiisuu qofaan miti. Hojiin jaaladhu hojjechuun anaaf bu'aadha. Itti aanseeti waa'een galii kan dhufuu qabu jedheen amana.

''Waanan jaaladhu yoon hojjedhe sadarkaan barbaadurra gahuu nan danda'a. San booda bu'aa buusuun nan danda'a, ani karaa kanarran deemuu fedhe," jette.

Jiruu barnootaa qormaati itti hedduummatu

Gara jiruu barnootaa isheetti xiqqoo booddee isin haa deebifnu.

Gosa barnootaa ishee namaaf ibsuurraa eegaleeti qormaati kan ishee mudachuu jalqabe.

"Eroonootikaal Injinariingii namootni hedduun waan hin hubanneef 'Injinariingii Xiyyaaraa' jedheen deebisaaf ture," jetti.

Beetaliheem barnoota yuunivarsiitii Finfinnee adda kuttee gara Chaayinaa erga deemteen booda ganna tokkoof afaan barachuu qabdi turte.

Kana jidduutti hiriyoonni ishee gatanii eebbifaman, gariin hojiis eegalan. Ammas xiqqoo booddeetti isin haa deebifnu.

Mucaa xinnoo wayita turte abbaan ishii sababa kaansariin lubbuun waan darbeef kan ishee guddise haadha isheeti. "Haatikoo qofaashee na barsiifte" jetti.

Haati ishee gara biyya alaa erganii barsiisuuf humna waan hin qabneef gara Chaayinaa kan deemte carraa barnootaa kaffaltii walakkaa ofiin kaffaluun irra jiraatu yeroo boqonnaa hojjettee kaffalachuuf murteessiteeti.

Wayita Chaayinaa geessu garuu akka yaadde hin taaneef.

"Dhaqxee gaafa agartu addadha. Xiqqoo ni ulfaata. Akkan yaade salphaa hin turre. Ta'us garuu karaa ulfaataa sana keessa darbuun eenyummaakoo har'aa qaree jira jedheen yaada," jetti.

Qormaata kana hunda keessa tartee barattuu waggaa lammaffaa taatee boqonnaaf Itoophiyaa wayita dhuftee qormaati biraa - balaan konkolaataa ishee mudate.

Hiriyoota ishee waliin bashannanaaf gara Bishooftuu osoo deemaa jiraniiti balaan kan irra gahe.

"Akka natti himanitti taanaan gara Bishooftuu deemaa osoo jirruu karaa guddicha (haayiweey) irratti konkolaataan tokko nutti bu'ee, nu gatee deeme. Achi hospitaala nu geessan.

"Hanga yoonaatti maaltu akka ta'e hin yaadadhu. Kanin yaadadhu wayitan of-baru hospitaala ciiseen jira, socho'uu hin danda'un ture. Mataan koo rukutamee waan tureef rakkoon yeroo gabaabaaf waa irraanfachuu na mudatee ture.

"Ijji koo bitaan bakkaa socho'ee waan tureef wantin argu lama ta'ee natti mul'ata ture. Lafeen sarbaa kootiis cabee ture, tarkaanfachuu hin danda'un ture. Kiraanchiinan deemaa ture. Balaa hamaa akkanaatu narra gahe ture."

"Naman amma argee daqiiqaa shan booda nan irraanfadhan ture. Boodarra yeroo keessa narraa bade," jetti.

Mana yaalaa torbee tokko akka turte kan himtu Beetaliheem, osoo yaaliirra jirtuu yeroon barnootaaf gara Chaayinaa deebi'uu qabdu jalaa barfate.

Yuunivarsiitiin ishiis barumsarraa ishee dhorkuu akka danda'u imeelii qoreef. Hakimootni ammoo wal'aansa dabalataa ji'oota sadiif turu hordofuu akka qabdu itti himan.

"Barnoota kootiif haarsaa hedduu waanin kafaleef jecha, hakimootni waan naan jedhan dhiiseen kiraanchii qabadheen shaanxaa koo harkisaa gara Chaayinaa deebi'e," jechuun haala yeroos ture yaadatti.

"Qaama koo keessa qorichi hedduun waan tureef, seeraan barnoota hordofuu hin dandeenye. Na dhukkuba, daree keessatti hirribni na qaba ture. Hojii hojjechuu hin dandeenye. Xiyyeeffannaan qo'achuufis nan rakkadhe, kanaaf qabxiin koos gadi bu'u eegale."

Haata'u malee balaan ishiirra gahe caalaatti jiraachuuf hawwii akka qabaattuu ishee godhe. "Yeroo itti jireenyi koo jijjiirame natti fakkaata" jetti.

Ijji ishee bitaan ammallee waan tokko lama godhee walirra buusee itti mul'isa. "Jireenyi mijataa ta'uun irra hin jiraatu. Qormaatni hedduummatus ittu fufuu qaba. Jireenyi guutuu ta'uu hin qabu," jetti.

Wayita balaan konkolaataa ishee mudate ishee waliin duubarra teessee kan turte hiriyaan ishee Baankookitti yaalamtee fayyitee jirti.

Afur ta'uun waa'ee balaa konkolaataa sanaafi waa'ee mudannoo isaanii kitaaba barreessaa akka jiran himti Beetaliheem.

Beetaliheem waahillan ishee waliin diroonii irratti yoo hojjetan

Madda suuraa, Beetaliheem Girmaa

Ibsa waa'ee suuraa, Beetaliheem diroonii fayyadamuun qonna hammayyeessuu irratti hojjetaa jirti

Imala gara Itoophiyaa

Betaliheem abjuushee dhugoomfattee ogummaa isheetiin ummata tajaajilaa jirti. Yeroo ammaa Saayinsii Hawaa fi Teknolojii Itoophiyaatti gargaartuu qorattuu ta'un tajaajilti.

''Tokko pirojektii diroonii (xiyyaara nam-maleessa)dha. Pirojektoota biroollee qabna,'' jechuun dhimmoota biraa keessa hojjetaa jirtu himti.

Injinaringiin gama barnoota Eeroo Ispeesii digirii lammataafi sadaffaa akka eegalu barnootawwan fudhatamuu qaban adda baasuu keessatti qooda fudhatteetti.

Ammammoo pirojektii diroonii qoricha farra aramaa akkasumas xaa'oo naqu tolchuu keessa qoofa fudhataa jirti.

Tekinolojiin kuni yoo milkaa'e wiirtuu diinagdee biyyattii kan ta'e qonna ammayyeessuufi oomishias akka dabalu gumaachuu danda'a.

''Farri aramaafi xaa'oo fayyaafuu gaarii miti. Qonnaan bulaan fagoo taa'ee dirooniidhaan dalaguun faayidaa hedduu qaba,'' jechuun dubbatti.

Ergamni ijoo Inistitiyutii Saayinsii Hawaafi Tekinolijii Itoophiyaa humna namaa ijaaruudha. Wantoota biyya keessa dalagamuu danda'an hojjechuus dabalata.

Betaliheem dhihoo qorattoota umrii 30 gadii indasirii Hawaa Afrikaa keessa jiran 10 keessaa tokko taateetti.

Kudhan keessaa dubartootni muraasa. Itoophiyaa keessaa dargaggoonni lama Itoophiyaa keessaa filamaniiru.

Betaliheem namoota kudhan keessaa tokko ta'uun filatamuun ''ilaalcha namootaarratti jijjiirama guddaa kan fidu,'' jechuun ibsiti.

Betaliheem kilabii 'Itiyoo Ispees Kiids Kilab' jedhamu keessas hirmaatti.

Kilabiin kuni Itoophiyaa keessa gama saayinsii hawaa daa'imman fedhii qaban jabeessuu, gargaaruufi hubannoo isaanii guddisuuf kan hundaa'edha.

Daa'imman jaha inistitiyutichaan filataman fudhataniiti eegalani. Amma ijoollee biroo simachuuf qophii xumuraa jiru.

BBC: Abdiin saayinsiin hawaa Itoophiyaa fide maali? Qormaannoo?

Betaliheem: Eegalun isaa biyya keenyaafi alaa ogeeyyii jiran ofitti harkisuu eegaleera. Qormaanni meeshaawwan elektironiksii hunda jechuun danda'ama alaa dhufu.

Baasii bittaaf bahu alatti yeroo dheeraa fudhata. Pirojektonni tokko tokko yeroon akka hin xumuramnees ni godhu. Dameen dhuunfaa meeshaalee kana fiduu danda'an yoo jiraatan carraa guddaadha jedheen yaada.

Buufata hawaa hanga ammaa daawwachuuf carraa hin arganne. Betaliheem osoo carraa kana argatte ''space x osoon daawwadhe nan gammada,'' jechuun himti.

Isa caalaa garuu ''osoon waan tokko gumaache'' natti tola jechuun ibsiti.

Namoota ogummaa ishee keessa jiran keessaa Elan Maask fakeenya godhatti. ''Eelan Maask wantoota hin danda'aman jedhaman hojjetee nama agarsiisedha,'' jechuun ibsiti.

Fuuladuratti kalaqaxuu tekinolojii ta'uu feeti.

Imala ishee hanga ammaan gammachuu akka qabdu himti. Maatiin ishees akka ishee gargaaran dubbatti.

Qabxii gaariin waan eebbifamteef yunivarsitiin Chaayinaa digirii lammaffaa akka itti fuftu carraa barnoota bilisaa kenneefi ture.

Isheen garuu ''biyyakootti deebi'ee hojjechuun fedha ture'' jechuun dubbatti. Digirii lammataa ishee fuuladuratti barachuuf yaada qabdi.

BBC: Waggoota kudhan booda eessatti si agarru?

Betaliheem: Waggoota kudhan keessa dhaabbata meeshaalee teknolojii dhiheessuufi Afrikaa keessa guddicha ta'e akkasumas dargaggoota Afrikaaf kalaqxuu hojii ni taati. Uumaanis na gargaara [kolfa]