Itoophiyaan buufata odeeffannoo saatalaayitii simatu eebbifte

Buufata odeeffannoo saatalaayitii guuru

Madda suuraa, Ministry of Innovation and Technology - Ethiopia

Inistitiyuutiin Saayinsii Hawaa fi Teeknoolojii Itoophiyaa Inxooxxotti buufata odeeffannoo sassaabu eebbise.

Hoogganaan Inistitiyuutii Saayinsii Hawaa fi Teeknoolojii Itoophiyaa obbo Abdiisaa Yilmaa sirna eebbaarratti waan jedhan saatalaayitii lafa qorattu qabduufi saatalayitoota biyya ormaa shan irraa odeeffannoo sassaabuuf buufata ijaartedhaa jedhan.

Saatalaayitoota lafa mil'atan kan Chaayinaa, Biraaziil, UK fi Gamtaa Awirooppaan bulan irraa odeeffannoo sassabuufis waliigalteen godhamuus ibsaniiru.

Itoophiyaan saatalaayitii lafa mil'attu ol erguu ishee dura biyya hammaa Itoophiyaa gahuuf buufatni odeeffannoo saatalaayitii sassaabu gahaan waan hin jirreef ijaarsi buufata amma eebbifamee yaadamuus ibsameera.

Biyyoonni biroon saatalaayitoota dhibbaan lakkaawwaman kan qaban ta'us Itoophiyaan gahuumsa akka sanaa hanga horattuutti gaheen buufata odeeffannoo Saatalaayitii sassaabu kanaa guddaa akka ta'u himameera.

Piroojeektiin kun rijaarsi isaa xumuramuuf waggaa sadiifi baasii yiiroo miliyoona sadii fixuu hoogganaan dhaabbatichaa ibsaniiru.

Ijaarsa kana keessatti injinaroonniifi Saayintistootni biyyoota afurtama ta'anii hirmaateeras jedhameera.

Buufatichi ammatti saatalaayitoota lafa mil'atan shanirraa odeeffannoo kan sassaabu ta'uus hojii babal'isuu fuula duratti hojjetamuun buufatichi saatalaayitoota Metiriyoolojiirraa odeeffannoo akka guuru ni taasifamas jedhameera.

Odeeffannoowwan guuraman kunniin hojii qonnaa, balaawwan uumamaa raaguu fi barbaacha albuudaaf galtee akka ta'aniis eebba har'aa irratti ibsameera.

Deetaan Ministira Inniiveeshiniifi Teeknoolojii obbo Ahimadiin Mohaammad buufatni kun ijaaramuun Itoophiyaan gama hawaan akka jabaattu gargaara jedhan.