Intalli lammii Ameerikaa jalqaba hawaa daawwatee karaa kubbaaniyyaa Beezoos hawaa daawwatte

Maanguddoo waggaa 74 Looraa Sheeppard fi namoota gara hawaa imalan kaan

Madda suuraa, Getty Images

Intala lammii Ameerikaa jalqaba hawaa daawwatee Alaan Sheeppard kan taate Looraa Sheeppard, abbaanshee gara hawaa imalee waggaa 60 booda isheenis karaa kubbaaniyyaa Beezoos hawaa daawwatte.

Maanguddoon umrii waggaa 74 Looraa Sheeppard Charkilii, namoota taaksii imala hawaa Jeef Beezoos-Biluu Oriijin- jedhamtuun gara hawaa imalanii deebi'an ja'a keessatti argamti.

Imaltoonni kunneen meeshaa hawaa keessa balali'uuf gargaaru Sab Orbitaal jedhamuun erga humna harkisa lafaa hubatanii booda gara dacheetti deebi'an.

Kubbaaniyyaan Jeef Beezoos-Biluu Oriijin- jedhamu bara 2021 keessa xiyyaar-samiiwwan sadi gara hawaatti ergeera.

Bara 1998 du'aan addunyaa kanarraa kan boqote abbaan Looraa, bara 1962 Caamsaa 5 meeshaa-Meerkurii jedhamtuun gara hawaa imaluun lammii Ameerikaa yeroo jalqabaaf gara hawaa imale jedhamuun maqaansaa barreeffameera.

Taphataa gameessi duraanii garee kubbaa miilaa biyyaalessaa Ameerikaa fi sagantaa TV-Good Morning America jedhu kan gaggeessu Maayikil Starahan namoota gara hawaa imalanii deebi'an ja'an keessatti argama.

Kanarraa kan hafe namoonni afran xiyyaar-samii Sambata galagala gara hawaa furguggifamteen imalan giphii isaanii keessaa doolaara kuma hedduu kaffalanii ittiin imalan.

Biluu Oriijin xiyyaar-samii gara hawaatti erge kanaan-Niiw Sheeppard jedhee maqaa moggaase. Yaadannoonsaan lammii Ameerikaa yeroo jalqabaaf gara hawaa imaleef akka ta'u ibse.

Haala qilleensaa hamaa turerraa kan ka'e yeroo qabameef guyyaa lama boodatti hafuun gara hawaa imalte-Niiw Sheeppard.

Balaliinsi alanaa sarara kanaan dura Biluu Oriijin taasisaa ture kan hordofe yoo ta'u wayita imaltoonni deebi'an Jeef Beezoos gammoojjii Teeksaas keessatti simateera.

Olka'iinsa lafaa kiilomeetira 100 irra geessee kan deebite xiyyaar-samiin kun, humna harkisa lafaa zeeroodhaan daqiiqaawwan 10 hawaarra turte.

Kunis imala Sheeppard waggoota hedduu dura taasise daqiiqaa shaniin boodatti hafa.