NASAn karoora gara Addeessaa deebi'uuf qabate bara 2025'tti dabarse

Madda suuraa, NASA
- Barreessaa, Pool Riinkon
- Gahee, Gulaalaa Saayinsii, marsariitii BBC News
Erga bara 1972 as yeroo jalqabaaf namoota Addeessarra qubachiisuuf karoorri qabatee ture waggaa tokkoon achi butamu dhaabbanni qorannoo hawaa Ameerikaa Nasa'n beeksiseera.
Dhaabbatichi duraan bara 2024 gara Addeessaatti deebi'uuf karoorfatee ture, amma 2025tti dabarse.
Sababni karoorri kun achi butameef hanqina maallaqaa fi falmii seeraa xiyyaar-samii ittiin qubatamuun wal-qabatudha.
Hogganaan dhaabbatichaa Biil Neelsan ibsa Kibxata miidiyaaleef kennaniin karoorri dhaabbatichaa achi butamuu kan ibsan.
Sagantaa 'Artemis' jedhu jalatti Nasa'n dubartii jalqabaa fi dhiira 13ffaa gara Addeessaa erga.
Nasa'n xiyyaar-samii ittiin qubatan akka tolchuuf dhaabbata sooressa beekamaa Eelon Maski, SpaceX jedhamuuf kontiraata kennee ture.
Kun falmii seeraa kaasee Manni Murtii federaalaa US'tti dhiyaatus abbaan seeraa murticha mirkaneesse.
Falmii seeraa kan kaasee sooressa beekamaa biraa abbaa qabeenyaa Amaazoon Jeef Beezoos yoo ta'u, kontiraatichi morkattoota tokkoo oliif kennamuu qaba jedha Beezoos.
Dhaabbanni Beezoos 'Blue Origin' kaampaaniiwwan eeroospeesii biroo sadi waliin ta'uun ture xiyyaar-samii kana tolchuuf kan dorgome.
Haata'u malee kontiraaticha kophaa isaa kan dorgome SpaceX'f kennee, akka sababaatti ammoo hanqina maallaqaa koongirasii Ameerikaa irraa isa mudate dhiyeesse.

Madda suuraa, NASA
Aab Neelsan falmiin seeraa kun gariin karoorri dhaabbatichaa akka achi butamuu sababa ta'uu himan.
"Haga danda'ametti saffisaa fi haala nageenyi isaa eegameen gara Addeessaa deebi'uun waan dhaabbati keenya dursa kennuufidha.
''Haata'u malee falmiin seeraa dhiyeenya kanaa sababoota kaan waliin ta'uun, karoorri nama addeessarra qubachiisuu keenya bara 2025 dura akka hin milkoofne taasise," jedhan.
Namootni dhimma kana hordofan garuu karoorichi akka hin milkoofne hanqinni maallaqaa sababa ijoo ta'uu himu.
Bu'uura murtee manni murtii federaalaa US torbee darbe dabarseen, xiyyaar-samiin dhaabbanni SpaceX hojjete, kan wayita ammaa Kibba Teeksaas keessatti yaaliin irratti godhamaa jiru Addeessarra qubachuuf oolti.
Nasan bara dhufu Guraandhala keessa sagantaa 'Artemis' jalatti xiyyaar-samii nam-maleessa gara Addeessaa furguggisa.

Madda suuraa, NASA
Xiyyaar-samiin kun torbanoota sadiif naannawa Addeessaarra balali'uun sirna xiyyaar-samichaa irratti yaaliin ni godhama.
Itti aansuun xiyyaar-samiin astiroonootota qabatte - 'Artemis 2' - bara 2024 gara Addeessaa imala jedhan Aab Neelsan. Kunis naannawa Addeessaarra balali'ee deebi'a.
'Artemis 3' erga bara 1972 'Apollo 17' booda ergama isa jalqabaa namni ittiin Addeessarra qubatudha.
Xiyyaar-samiin kun Addeessa bantii Kibbaa iddoo kuufamni bishaanii fi cabbii jiru, kan gonkumaa ifti aduu hin geenye akka qubatu himame.
Cabbiin achi jiru kun addeessarratti boba'aa rokkeettii tolchuuf kan oolu yoo ta'u, baasii abuurraa addeessaa ni xiqqeessa jedhamee amanama. Kunis boba'aan amma booda dacheerraa waan hin fe'amneefi.
Ergama kanaan yeroo jalqabaaf namni adii (faranjii) hin taane addeessarra akka qubatu eegama. Kun garuu 'Artemis 3' ykn ammoo imala sana boodaa biroon ta'uun adda hin baane.













