Mallattoon Pilaaneetii jalqabaa sirna gaalaaksii keenyaan ala jiru argame

Hojii aartii X-Ray binary agarsiisu

Madda suuraa, ESO / L. Calçada

    • Barreessaa, Pool Riinkon
    • Gahee, Gulaalaa Saayinsii, Marsariitii BBC News

Astiroonomaroonni sirna gaalaaksii keenya keessatti argamtuun alatti pilaaneetii jalqabaa argachuuf mallattooleen mul'achuu ibsan.

Hanga ammaatti astiroonoomaroonni addunyaawwan, 'exoplanets' jedhamuun ibsaman 5,000 kan aduun olitti urjiiwwanirra naanna'an kan argatan ta'us, hundi isaanii miilk weey gaalaaksii keessatti argamu.

Pilaaneetiin jalqabaa miilk weeyiin alatti argamuu hin ooltu jedhamte guddina hanga pilaaneetii Saatern gahu akka qabdu Teeleskooppiin X-Ray Chandra jedhamu qabeenyummaan isaa kan dhaabbata NASA ta'e bira gahuun gabaasameera.

Akka gabaasa kanaatti pilaaneetiin kun Messier 51 galaxy keessatti argame.

Gaalaaksiin kun gaalaaksii miilk weey jedhamu kan aardiin keenya keessatti argamturraa bara ifaa miiliyoona 28 fagaatee argama.

Bu'aan qorannoo haaraa kun imala pilaaneetiin tokko urjiiwwan marsu itti qaxxaamuruufi ifa urjiilee fi haala ifaa pilaanetichaa teeleskooppiin qorachuu irratti hundaa'e.

Tooftaan kun amma dura addunyaawwan ykn exoplanets kumoota hedduu ittiin argachuuf gargaareera.

Dr Rosanne Di Stefano fi hirriyyoonni isaanii gadi fageenya ifa x-ray addunyaa haaraa kanaa meeshaa 'X-ray bright binary' jedhamuun argame qorachaa turan.

''Malli uumnee itti fayyadamne gaalaaksiiwwan biroo keessatti sirna pilaaneetii jiran yeroo jalqabaaf adda baasuuf ammatti mala dandeessisu isa takkittiidha'' jedhan gidduugala Astiroo-fiiziiksii Harvard-Smithsonian keessatti kan qoratan Dr. Di stefano'n BBC'tti yoo himan.

Malli kun meeshaa 'x-ray binary' irratti pilaaneetii haaraa argachuuf maa addaatis jedhaniiru.

Buufata to'annoo Chandra X-Ray

Madda suuraa, NASA

Dr. Di Stefanon malli amma dura miilk weey gaalaaksii keessatti addunyaawwan jiran adda baasuuf itti gargaaramaa turan gaalaaksii biraa abuuruuf yeroo yaalu caccabuus himaniiru.

Messier 51

Madda suuraa, NASA / ESA / S. Beckwith / HHT

Astoroonootiin dubartiin argama qaama pilaaneetii haaraa ta'uu malu kanaa Dr. Di Stefano malli 'microlensing' jedhamu pilaanetoota gaalaaksiiwwan biroo keessa jiran eekuuf abdii horaa jiru jedhaniiru.

Argannoon isaanii kun bu'uura amansiisaa akka qabu himanii ogeeyyiin biroon argannoo haaraa itti dabaluu akka danda'anis dubbataniiru.

''Adeemsa saayinsiitu akkasitti hojjeta'' jechuunis ibsan.

Bu'aan argannoo isaanii barruu Nature Astronomy jedhu irratti baheera.