Lammiilee Ameerikaa boba’aa gatii rakasaan argachuuf Meeksikootti imalan

Madda suuraa, Getty Images
US keessatti gatiin boba’aa akka dabalaa deemeen – lammileen Ameerikaa konkolaataa isaaniitti boba'aa guuttachuuf mala gatii guddaa isaan hin baasifne barbaadachaa jiru – darbaniiyyu lammileen tokko tokko biyyootii biraa irraa furmaata barbaadaa jiru.
Bulchiinsa Kaaliforniyaa, kan US keessatti nannoolee gatii boba’aa olaanaa qabaachuun tokko taate keesatti, lammiileen tokko tokko gatii boba’aa rakasaan argachuuf daangaa US- Meeksikoo ce’anii imalaaa jiru.
Utuu Guraandhala keessa Raashiyaan Yuukireeniin hin wareeriin durayyu, US keessatti gatiin boba’aa dabalaa deemaa ture.
Akka Wajjiirii hojjetootaa US jedhutti, Amajjii 2021 hanga Amajjii 2022 gidduutti gatiin boba’aa %40 dabaleera.
Addunyaa keessatti Raashiyaan omisha boba’aan sadarkaa sadaffaarra kan jirtu yoo ta’u, waldhabdeen kun ammoo gatiin boba’aa US fi biyyootii biroo keessatti akka dabalu taasiseera.
Jalqaba ji’a kanaatti, gatiin boba’aa liitira 3.7 ykn gaalonii tokko doolaara 4.33 ga’ee ture – kun wagga 14 keessatti gatii isa olaanaadha – akka Waldaan Konkolaattotaa Ameerikaa (AAA) jedhutti.
- Dhaabbanni boba'aa Saa'udii guddichi oomisha dachaan dabaluufi jedhe
- Waraanni Yukireen keessatti deemaa jiru kufaatii dinagdee addunyaa qaqqabsiisinnaa?
- Sababa waraana Yukireen gatiin boba'aa akkaataa waggaa 13 keessatti dabalee hin beekneen dabale
- Gatiin boba'aa Itoophiyaa biyyoota ollaa waliin yoo ilaalamu maal fakkaata?
Yeroo ammaatti Kaalifoorniyaa keessatti gatiin boba’aa gaalonii tokko (liitira 3.7) doolara 5.91 tokko yoo ta’us akka biyyaalessaatti ammo doolara 4.24 akka ta’e gabaasi AAA ni ibsa.
Meeksikoo keessatti, bakka jalaqaba ji’a kanaa pireezidant Andirees Maanuweel akka gatiin boba’aa hir’isu waadaa seenetti, haalli jiru addadha.
TikTok irratti, jiraataan Saandiyeegoo, kan daangaa irraa km 23 qofa fagaatee jiru, Huuliyoo Vaquweero, akkamiim konkalaataa isaa doolara 40’n taankii guutuu boba’aa akka bitate ibseera.
"Pessoos dhibbaa saddeetiinan, guutadhe. Taankii guutuu,” jechaa viidiyoo waraabeen wiirtuu boba’aa fi taankii konkolaataa isaa guute agarsiiseera.
BBCtti akka himetti torban tokko booda Kaalifoorniyatti taankii guutuu doolara $70’n bitate.

Madda suuraa, Julio Vaquero/TikTok
Huuliyoon Tiyuhaanaa, Meeksikoo irraa daqiiqa 20 fagaate kan jiraatu yoo ta’u, ji’a lamatti al takka achitti imala, garuu yoo gatiin boba’aa dabalaa deema ta’e gatii hir’isaadhaan boba’aa argachuuf gara Meeksikootti torban torbaniin imaluun akka irra jiraatu ibseera.
Meeksikootti boba’aan galoonii tokko doolara 3.45 kan ta’e, isa Saandiyeegootti gaalooniin okko doolara 6 ta’e biratti yoo madaalamu baay'ee gaariidha.
Jiraataan Kaalifoorniyaa Kibbaa biraa, Keen Baarnes, isaa fi haati warraa isaa ammatti boba’aaf jecha Meeksikootti imalu baatanis, “Ameerikaatii ba’uu isaanii dura beekaa akka boba’aa hin guuttanne” BBC’tti himeera.
Barnes daangaa irraa gara km 32 qofa faagatee kan jiraatu ta’us, yoo Meeksikoo deemuuf karoorfate, “daangaa erga darbee booda, boba’aa akka guutattu BBC’tti himeera.
Ammatti konkolataa elektirikii isaanii fayyadamuu akka filatanis himeera.
Gatiin isaa olaanaa ta’us, feedhiin boba’aa akka biyyaatti dabaluu isaa dhabbanni gatii boba’aa ibsu GasBuddy ibseera. Feedhiin boba’aa Bitootessa keessa %2.9’n dabaleera, maaliif akka ta’e garuu ifa miti jedheera.
Hoogganaan xinxalaa boba’aa GasBuddy, Paatrik de Haan akka jedhutti namoota maallaqa olfaachu fedhaniif, boba’aa gatii gadi-aanaan argachuuf daandii dheeraa imaluun fayyaduu danda’a – garuu hangam akka gadi-aanaa ta’ee fi hagam faggattee akka deemuun sirra jiru irratti hunda’a.
Boba’aa gatii gadi aanaa argachuuf imala taasifamu irratti De Haan akeekkachiisa kennaniin, “taankii guddaa kan akka konkolaataa RV qabda yoo ta’e malee,” yeroo lama imaluun gaarii miti jedhaniiru.
GasBuddy fayyadamama boba’aa hir’isuu fi haala boba’aa hedduu hin baasneen konkolaachisuun gaarii akka ta’e gorsa.















