Dhaabbanni boba'aa Saa'udii guddichi Aramco oomisha dachaan dabaluufani jedhe

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbanni boba'aa mootummaa Saa'udii guddichi 'Aramco' hanga oomisha bobaa'aa isaa haalaan dabaluuf karoorfachu beeksiise. Kunis erga bara 2021tti bu'aansaa dachaadhaan dabalee booda jedhame.
Dhaabbatichi waggoota shanan dhufaniitti oomishasaa haalaan guddisuuf kan karoorse.
Baatiiwwan muraasa keessa dhiyeessii boba'aafi gaazii hir'achuun walqabate gatiin annisaa garmalee dabalaa jira.
Kana malees waraanni Yuukireen keessaafi annisaa Raashiyaa irratti hirkachuuf fedhii dhabuun maddeen annisaa dabalataa barbaachu irratti dhiibbaa taasiseera.
Dhaabbanni Saa'udii 'Aramco' waggoottan dhufan shanii hanga saddeetii keessatti oomisha dabaluuf kan karoorfate ta'ulleen, hoggantoota siyaasaa waa'ee dhiibbaa gatii boba'aatiin yaadda'aa jiraniin simatameera.
Ministirri Muummee UK Booriis Joonsan dhiheenya kana akka boba'aa dabalataa yeroo gabaabaa keessatti gabaa adduunyaatti gadhiistu gaafachuuf Saa'udii Arabiyaa daawwatanii ture.
Saa'udi Arabiyaan dhaabbata biyyoota Al-ergitoota Boba'aa (opec) keessaa oomishtuu boba'aa guddoodha. Kanaafuu oomisha dabaluu jechuun gatii boba'aa kan ammaan tana waggoota 14 keessatti isa olaanaarratti argamu hir'isuuf ni gargaara.
Haata'u malee, biyyattiin sarbama mirga namoomaa hedduun komatamti. Waldhabdee biyya ollaa Yaman waliin qabdu, ajjeechaa gaazexessaa Jamaal Kaashogjii bara 2018, hidhaa namoota nagaa fi addabbii du'aa babal'ateenis ni himatamti.
Paartiin Hojjattoottaa (Labour Party) ammoo mootummaan UK abbaa irree tokko irraa kan gara biraa deemaa jira jechuun komata.
Chansilar Rishii Sunaak, Ministirri muummee Booriis dhimma daballii dhiyeessitirratti Saa'udii waliin haasa'uun ''siirriidha'' jedhan.
''Osoo carraawwan jiran hundatti fayyadamuun anniisaa rakasa argachuu hin dandeenyeefi ummata biyya kanaaf boba'aa dabalataa hin argamsiifnee dogongora ta'a,'' jedhan Rishii Sunaak wayita BBCtti dubbataniitti.
MM Booriis Joonsan tibba dawwanaa isaaniitti waa'ee sarbama mirgoota irratti ''marii gaarii'' taasiseera jedhan.
Gabaan boba'aa dhiibbaa jijjiramni diinagdee tibba weerara koronaatti mudate, dhiyeessiifi fedhii irratti taasiseen wal qabatee baay'ee geeddaramee.
Bara 2020tti dhaabbani Saa'udii 'Aramco' haaluma kufaatii diinagdee addunyaatiin walqabatee bu'aansaa baay'ee hir'atee ture.
Haata'u malee biyyoonni baay'een deebiisanii karra saanii banuun wal qabatee gatiin boba'aa bara 2021 keessaa haalaan dabale. Kubaaniiyyaawwan anniisaa oomishan gurguddaa hundaaf galiin dabaleera.
Dhaabbanni Saa'udii akka jedhuutti, hanga waggoota shanan dhufaniitti baasii kaappitaala isaa bara kanaa gara doolaaraa biiliyoona 45-50tti ol guddisuuf karoorfate. Baasiin kaappitaala bar darbee doolaara biiliyoona 3.9 ture.
Sa'udiin oomisha gaazii ishee hanga bara 2030tti parsantaa 50n guddisuuf karoorfattee jirti. SBiyyattiin baatii Bitooteessaa keessa guyyaatti boba'aa barmeela miliyoona 10 ol oomishte.
Kubbaaniyyaan boba'aa bara 2021tti, bu'aasaa bara 2020 doolaara biliyoona 49 ture dachaa oliin guddisuun doolaara biliyoona 110 argate.














