Singaapoor dhaabbii konkolaataa gamoorraa lafa qonnaatti jijjiiraa jirti

Lafa qonnaa gamoorra jiru

Madda suuraa, NATURE'S INTERNATIONAL COMMODITY

Ayiliin Gooh qonna dhaabbii konkolaataa (parking) fiixee gamoorra jiru hogganti.

Hojiin kunimmoo waan laayyoo miti - guyyaatti kuduraafi muduraa kg400 tahu raabsitootaaf dhiyeessa.

"Siingaapoor biyya xiqqoo taatus garuu dhaabbii konkolaataa baay'ee qabna. Abjuun keenya asitti qonna qabaachuufi fedhii kuduraafi muduraa hawaasa kanaa guutuudha," jetti Gooh.

Qonni fiixee gamoorraa yoo xiqqaate 12 tahantu magaalaa Kibba Baha Eeshiyaa kanatti kuduraa biqilchaa jiru. 

Mootummaan iddoo qonnaaf hin baramne akkasii bara 2020tti dha kan kireessuu eegale.

Kanas oomisha nyaataa biyya keessaa dabaluuf jecha jalqabe. Biyyi uummata miliyoona 5.5 qabdu kuni yeroo ammaa nyaata harka 90 ol alaa galchiti.

Odola uummata baay'ee fi lafa xiqqoo qabdu kana keessatti lafti qaalii dha. Akka addunyaattillee Singaapoor gatii qabeenyaa kanneen akka lafaa baayyee qaalii tahe qabdi.

''Guyyuma guyyaan qonna kanarraa galfachaa jirra. Garuu kuduraa biqilchinu irratti hundaa’a. Guyyaatti kg 100-400 tahuu danda’a," jetti Gooh.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Lafa qonnaa kana jalqabuun gara doolaara kuma 700 ol jalaa fudhachuu himuun, qarshiin baay'ee meeshaa biqilootni dafanii akka qaqqaban taasisan irratti baasne jetti.

Mootummaa irraa deeggarsa argattus Goh garuu daldalli kuni isheef bu’aa badaa akka hin qabne himti.

Hojjettoota kudhan qabaachuufi kiraa iddoo kanaaf waggaatti gara doolaara kuma 90 akka kaffaltu ibsiti. Dhaaba konkolaataa biraas hojii kanaaf qopheessaa jiraachuu himti.

''Hojii kana yeroo weerara kooviid gatii jalqabneef meeshaa guuruufi kaanillee xiqqoo qaalii ture,’’ jetti.

''Fiixee gamoo irratti qonna hojjechuun kuni kan jalqabaafi mootummaadhaan badhaafamedhas,’’ jetti.

Qonnaan bultoonni biroos karaa qarshii itti argatan biraa falachaaa jiru.

Nikoolaas Gooh lafa qonnaa fiixee gamoorraa qaburratti namoonni kuduraafi muduraa biqilchuun ji’atti akka kaffalan taasisaa jira.

Yaadni kuni namoota naannoo dhihoo jiraatan biratti fudhatama kan argate yoo tahu, ''akka daldalaatti otoo hin taane hawaasa deeggaruuf waan hojjennu,’’ jedha.