Qamadiin Chaayinaan hawaa keessatti sanyii fooyyessitee biqilchitu maali?

Madda suuraa, Akkaadaamii Saayinsii Qonnaa Chaayinaa
Ijaan yoo ilaalamu gosa qamadii guutuu addunyaa irratti wayita ammaa omishamaa jiruun adda hin jiru. Garuu qamadiin oyiruu babal'aa Kaaba-Baha Chaayina keessa jiran irratti omishamaa jiru adda.
Sanyiin qamadii kanaa hawaa keessatti fooyyeffamee kan biqilfamedha.
Gosti qamadii 'Luyuan 502' jedhamu kun Chaayinaa keessatti gosa qamadii hedduumminaan omishamu isa lammaffaati.
Qamadiin kun sanyiin isaa kiiloomeetira 340 ol fagaatee hawaa keessatti fooyya'ee tolfame.
Haala harkisni lafaa fi gaachanni maagineetawaa pilaaneetii keenyaa hin jirreetti sanyiin qamadii kanaa jijjiirama DNA hongee fi dhukkuba akka dandamatu isa gargaaru horatee biqile.
Gosoota midhaan nyaataa gara garaa hawaa keessatti sanyiin isaanii madaqfamee tolfamu keessaa kun fakkeenya isa tokkodha.
Harkisni lafaa daran xiqqaa fi carallaan hawaa sanyiin midhaan kanaa akka jijjiiramu godha. Adeemsi kun 'space mutagenesis' jedhamee beekama.
Jijjiiramawwan sanyii midhaan kanaa irratti uumaman gariin midhaanichi akka hin biqille godha, kaan ammoo faayidaa caalu itti hora. Gariin haala qilleensaa rakkisaa akka dandamatan ta'anii yoo jijjiiraman, gariin ammoo muka tokkorratti ija hedduu akka naqatan gochuun omishtummaa dabala.
Yeroo gabaabaa keessatti omisha akka kennan akkasumas bishaan xiqqaan akka guddatanitti kan sanyiin isaanii jijjiirames jira.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sirna nyaataa addunyaa jijjiirama qilleensaa fi adeemsa dhiyeessii saaxilamaa ta'een qormaatni guddaan isa mudachaa jiruuf, sanyii midhaanii hawaa keessatti fooyyessuun midhaan nyaataa rakkinoota kanneen akka dandamatan gargaara jedhu qorattoonni.
"Hawaa keessatti sanyii midhaanii fooyyessuun jijjiirama gaarii fida" jedhan qorataan sanyii midhaanii Akkaadamii Saayinsii Qonnaa Chaayinaa Liwu Lushiyaangi.
Fakkenyaaf omishtummaan sanyii qamadii 'Luyuan 502' gosoota qamadii kaan Chaayinaa keessatti omishamanii dhibbeentaa 11n caala. Humna hongee fi dhukkuboota qamadii baramoo ta'an ittiin dandamatus ni qaba akka Eejansiin Humna Atoomii Idil-addunyaa jedhutti.
Eejansichi walta'iinsa idil-addunyaa carallaa fayyadamuun sanyii midhaanii haaraa uumuuf tolfame qindeessa.
"[Luyuan 502] milkaa'ina qabataadha" jedha Liwu. "Omishtummaa fi dandamannaa guddaa qaba. Bakkeewwan haala qilleensaa garagaraa qaban hedduu keessatti omishamuu danda'a," jedha.
Dandamannaa olaanaa waan qabuuf qonnaan bultoota Chaayinaa haala teessumaa lafaa fi haala qilleensaa garagaraa keessatti omishan birratti fudhatama argateera.
Sanyiin qamadii kun sanyiiwwan 200 ol Chaayinaan waggoota 30 darban keessa hawaa keessatti fooyyessitee tolchite keessaa tokko jedha Liwu.
Saayintiistonni Chaayinaa qamadii qofa osoo hin taane sanyii ruuzii, saliixa, jirbii, timaatimaa fi gosoota midhaanii akkasumas kuduraa fi muduraa kaan hawaa keessatti fooyyessanii jiru.
Chaayinaan qorannoo 'space mutagenesis' kan jalqabde bara 1987 yoo ta'u, biyya addunyaa tokkitti walitti fufiinsaan tooftaa kanatti dhimma bahaa jirtudha.
Akka Liwu jedhutti sanyiin qaaraa mi'aawaa (sweet pepper) 'Yujiao 1' jedhamu biyyattiin yeroo duraaf bara 1990 hawaa keessatti foyyessitee uumte, gosoota qaaraa kaan caalaa firii gurguddaa kan naqatuu fi dhukkubas kan dandamatu ture.
Qoodni guddaan Chaayinaan waggoota as dhihoo qorannoo hawaa keessatti qabaachaa jirtu gama qorannoo sanyii midhaanii fooyyessuutiin akka isaan gargaare hima Liwu.
Sanyiin midhaanii qorattoonni Chaayinaa gara hawaa erga guyyoota afurii hanga ji'oota turu. Sanyiin gara hawaa geeffame achitti erga fooyya'e booda deebifamee lafarratti biqilfama.
Qorattoonni sanyii lafarrati biqilfame irratti hordoffii erga godhanii booda sanyii omishtummaan isaa akka dabalutti jijjiirame akkasumas bishaan xiqqaan biqiluu danda'uu fi hongee dandamatu filatanii qonnaan bultootaan gahu.

Madda suuraa, Getty Images
Chaayinaan qorannoo hawaa keessatti sanyii midhaanii fooyyessuun addunyaarraa biyya dursaa jirtu taatulle, qorannicha qorattoonni Ameerikaa fi Sooviyeet Yuuniyen akka jalqaban amanama.
Yaadichi sanyii midhaanii carallaa niwukileeraaf saaxiluun jijjiirama DNA akka uummatu gochuu bara 1920moota keessa shaakalamaa ture ka'uumsa godhachuu hin oolle.
Naannoo bara 1950 Ameerikaa dabalatee biyyoonni hedduun tooftaa carallaa niwukileeraa fayyadamuun sanyii midhaanii fooyyessuu (nuclear mutagenesis) itti dhimma bahaa turanillee, baroota as kaluu tooftaa kana dhiisaa dhufan.
Chaayinaan garuu tooftaa lamaanuu carallaa niwukileera fayyadamuu fi gara hawaatti erguutti fayyadamuun sanyii midhaanii fooyya'e 800 uumuu himti.
Addunyaan bara 2050tti uummata biliyoona lama sooruu kan dandeessu omishtummaa midhaanii amma jiru dhibbeentaa 70n guddisuu yoo dandeesse qofa jedha Liwu. Kana gochuuf ammoo sanyii midhaanii fooyyessuun dirqama jedha.












