Shamarree rakkoon qonnaan bultootaa gumbii ammayyaa kalaquuf ishee kakaase

Shamarree Daraartuu Darajjee Yunivarsiitii Jimmaa Inistitiyuutii Tekinoloojiitti barsiiftuu mummee barnootaa Baayomedikaaliiti.
Kana malees barnoota digirii lammaaffaashee muummee barnootaa Baayomedikaal Imeejing jedhamuun barachaa kan jirtu yoo ta'u, barumsasheen cinatti hojiilee kalaqaa hojjetti.
Hojiilee kunneen keessaa tokko immoo gumbii ammayyaa rakkoo qonnaan bultootaa bu'uura godhachuun hojjettedha.
"Gumbiin qonnaan bultootni itti fayyadaman biyyee/dhoqeerraa waan hojjetamuuf kan ukkaamfamedha. Kanaafis midhaanichi daana'oodhaan nyaatama," jetti Daraartuun.
Gumbiin qonnaan bultootni bifa aadaan hojjechuun itti fayyadaman, midhaan qonnaan bultootaa mancaatiif kan saaxilu ta'uu kan himtu shamarreen tun, rakkoon kunis hammaataafii qonnaan bultoota rakkoo hanqina wabii nyaataaf kan saaxilu ta'uu dubbatti.
Rakkoo addunyaa…
Sagantaan Nyaata Addunyaa /WFP/ sadarkaa addunyaatti omishni soorataa sadarkaa kanaan dura mul'atee hinbeekneen daran olguddachuusaa hima.
Haa ta'u malee soorata omishamu keessaa harki tokko sadaffaan omisha booda akka manca'u dhaabbatichi hima.
Biyyoota guddataa jiran keessatti midhaan qonnaan bultootni sadarkaa xiqqaa omishan keessaa hanga dhibbeentaa 40 kan ta'u sababa hanqina iddoo kuusaa mijataarraa kan ka'e akka manca'u ragaan Sagantaa Nyaata Addunyaa /WFP/ agarsiisa.
Rakkoon iddoo kuusaa midhaanii amansiisaa ta'e dhabuu kun midhaan qonnaan bultootni humnafii yeroo isaanii aarsaa godhanii omishan ilbiisotaan nyaatameefii jiidhinaan miidhamee akka manca'u taasisa.
Mancaatiin midhaanii kunis sadarkaa addunyaatti maatiiwwan miiliyoonaan lakka'aman hanqina wabii nyaataaf akka saaxilamaniif sababa isa ijoo dha.
Qonnaan bultoota Itoophiyaa…
"Qonnaan bultootni baay'ee rakkatu. Midhaan daana'oodhaan jalaa nyaatama," jetti shamarree Daraartuu Darajjee
Gumbii ykn dagoogoon qonnaan bultootni Itoophiyaa baay'inaan itti fayyadaman muka fi dhoqqee irraa kan hojjetamedha.
Kunis ilbiisootni haala salphaa ta'een gumbii keessaa seenuun midhaan keessatti akka walhoran taasisa.
Kana malees gumbiin bifa aadaatiin hojjetamu kun qilleensi haalaan keessatti kan hinsochoonefii ho'inni keessatti uumamu walhormaata ilbiisota akka daana'oof haala mijataa kan uumu akka ta'e shamarree Daraartuu Darajjee himti.
"Gumbiin qonnaan bultootni amma itti fayyadamaa jiran ilbiisootni keessa seenuun midhaan balleessu" jetti shamarree Daraartuu.
"Kanaafis midhaan qonnaan bultootni omishan keessaa hanga dhibbeentaa 44.7 kan ta'u ni manca'a" jechuunis himti.
Kalaqa gumbii ammayyaa…
Shamarree Daraartuu rakkoo qonnaan bultootaa bu'uura godhachuun sibiila Aluminiyeemii fayyadamuun gumbii ammayyaa hojjechuushee himti.
Gumbiin sibiilarraa hojjetame kun ilbiisotni garagaraa haala salphaa ta'een gara midhaanichaa akka hinseenne kan ittisu ta'uu dubbatti.
Gumbiin kun "mala qilleensa ittiin seensisu qaba. Kunis gumbicha keessa hoo'i akka hin uumamne taasisa. Kanaafis ilbiisotni gara gumbii yoo seenanillee dafanii akka du'an taasisa" jetti shamarree Daraartuu.
Tekinoloojiin qilleensi gara gumbii akka seenu taasisu kunis madda anniisaa baatirii fayyadamuun kan hojjetudha.
"Gara fulduraatti garuu anniisaa aduu fayyadamee akka hojjetu gochuuf yaadaa jirra" jechuun himti.
Gumbiin midhaanii shamarree Daraartuu kalqaxe inni xiqqaan midhaan Kiilogiraama 50 qabachuu kan danda'u yemmuu ta'u fedhii namootaa irratti hundaa'uun gumbiiwwan midhaanii gurguddaa hojjechuun akka danda'amus dubbatti.
Sadarkaa kalaqichi irratti argamu…
Shamarree Daraartuu Darajjee gumbii ammayyaa kana dhuunfaadhaan hojjechaa akka jirtufii gorsaa ishee mariisisu akka qabdus himti.
Gama biraatiin projektiishee haalaan hojiirra akka hin oolchineef gufuu kan itti ta'e rakkoo maallaqaa furuuf dorgommiilee garagaraa irratti hirmaachaa akka jirtu himteerti.
Haaluma kanaanis yeroo ammaa dorgommii 'TotalEnergies startupper' jedhamurratti dorgommii marsaa duraa akka dabartefii dorgommii marsaa lammaffaa irratti hirmaachaa akka jirtu BBCti himteerti.
"Amma kan nuqabee jiru rakkoo maallaqaati. Dorgommii kana yoo dabarre haala salphaan qonnaan bultoota biraan gahuu dandeenya" jechuunis shamarree Daraartuu Darajjee himti.
















