Mucaa ganna sadii daa'imman 24 biraa du'anii haleellaarraa oolte

Eemii

Yeroo kaaba Taayilaanditti namichi miseensi looltuu duraanii tokko qawwee fi haaduu qabatee, wiirtuu oolmaa daa’immannii cabsuun seenetti, mucaan umurii ganna sadii Eemiin hiriyyaa ishee waliin rafaa turte.

Kutaan daa’immaan umuriin isaanii naannoo ganna sadii ta’an 11 qabu tokko keessatti daa’imman kun fakkii kaasaa fi barreesaa turan.

Naannawa sa’aatii afurrratti barsiiftoonni suuraalee ijoollee isaanii gammadoo maatiif erganii turan.

Sa’aatii lama booda, sa’aatii hirribaa daa’immaniitti qondaala poolisii kan ture Paanyaa Kamraab yeroo gamoo sana seene.

Namoonni ijaan argan akka jedhanitti, Paanyaan jalqaba barsiiftu ulfa ji’a saddeet dabalatee hojjeetootatti erga dhukaasee ajjeesseen booda, kutaalee olmaa daa’immanii sadii humnaan seene. 

Isaan booda bakka daa'iman rafanii turaniitti hiriyyoota Eemii hunda ajjeese.

Akkamiin akka isheen lubbuun oolte hin beekamu. Eemiin dammaqtee reeffa hiriyyoota ishee bira cina ciifte argamte.

“Yeroo hirribaa dammaqtuu maal akka uumamaa jiru hin hubanne,” jechuun akaakkayyuun ishee umurii ganna 59, Somsaak Siriitoong dubbataniiru.

“Yeroo hirribaa dammaqxu hiriyyoonni ishee ammayyuu waan rafaa jiran itti fakkaate. Qoondalli poolisii fuula ishee huccuun haguugee dhiiga sana hunda irraa fageesuuf ishee baatee ba’e.”

Lubbu baraartonni hammenyaa jiru sana akka isheen hin agarre gochuuf gara darbii lammaffaatti ishee geessan.

Sana booda kutaalee biroo lamaan keessa daa’imman lubbuun oolan yoo jiraataniif jecha barbaacha eegalan.

Haleellaa hamaa Kamisa Nong Buwaa Lampuu keessatti gaggeeffame keessaa Eemiin daa’ima takkittii lubbuun oolteedha.

Hadha warraa fi ilma buddeenaa namicha haleellaa kana gaggeesse dabalatee walumaa dalatti namoota 37’tu du’e. Isaan keessaa 24 daa’immandha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

“Lubbuun ooluu isheetti baayyee gammadeerra. Yeroon jalqaba argeen jabeesseen hammadheenni,” jedha Somsaak.

Harmeen Eemii Panompaay Siriitong, umurii ganna 35, Baangkook keessaa hojjetti. Daa’iimman olmaa daa’immanii sana keessa turan hundi akka ajjeefaman ture kan dhageesse, kanaaf daa’imni ishee lubbuun ooltetti yeroo jedhame amanu hin dandeenye.

“Dhuma irratti viidiyoon bilbilame Eemii yemmuun arge tasgabbiidhaanin guutame,” jetti.

Magaalaan xiqqoon kun maatilee gaddarra jiraniin waan guuteef, guyyoota muraasa jalqabaaf akkoo fi akakaan Eemii maal akka jedhaniin walaallaniiru.

Yeroo isheen mana borootti kophee ishee ‘Hello Kitty’ jaallattuun taphattu, hanga dandeenyutti sagalee keenya gadi qabne odeessina.

Hirriyyaan ishee, umurii ganna sadii Pattarawuut eessa akka jirtu nu gaafatti.

Yeroo hunda wal hammatanii rafu turani. Olmaa daa’immanii ishee ni jaallatii, barsiisota ishee waliin ta’uus barbaaddi. 

“Dhuma irratti akkoon ishee barsiistuu ishee dabalatee, hiriyyoonni ishee hundi akka du’anii fi olmaan daa’immanii akka cufameeru itti himte,” jetti harmeen ishee.

“Guyyaa hunda mana barumsaa deemu barbaaddi. Irra daddeebiin manni barumsaa ishee akka cufame itti himuu qabna. Daa’ima waan taateef waa’ee du’aa hin hubattu.”

Sirni awwaalchaa fi kadhannaan Budiistii manneeen amantaa magaalatti keessatti jalqaba guyyaa gaddaa sadii ilaalchisee gaggeeffamaa jira.

Kamraaba haleellaa kana maaliif raawwate kan jedhe ammatti hin beekamu, ta’us garuu poolisiin akka jedhutti Waxabajjii keea sababa qoricha sammuu hadoochuu fayyadamuun hojii isaarraa ari’ame.

Magaalaan xiqqoo kaaba-lixa Taayilaanditti argamtu kun maatilee miidhaman kunneen gargaaruuf yaalaa jirti.

Ta’us garuu namootni hedduun waa’ee meeshalee waraanaa baayyatanii jiranii fi rakkoo qorichoota sammuu hadoochanii biyyattiitti baayyachuu qeeqaniiru.

“Maatileen: ‘Ijoollee isaaniif bakki nagaan eessa’ jedhanii gaafatu. Baayyee gaddeerra, anga’oonni kamuu nageenya keenya akka eeganiif nan kadhadhaani,” jechuun eessumni Eemii, Veraachaay Siritoong gaafateera.