Waraana waliinii Itoophiyaa: Hakiima dhukkubsattoota wal'aanuuf qorsa hin qabne

Patients at hospitals in Tigray have faced a lack of medicine and equipment when they have come to be treated

Madda suuraa, AFP

Kaaba Itoophiyaa Naannoo Tigraay bakka waraanni waliinii waggoota lamaaf siquuf adeemaa jiruufi uggura jala jirutti, hanqina dhiyeessa qorsa bu'uuraan dhukkubsattoonni du'aa jiru.

Qaamoleen walwaraanan lamaan marii nagaa Afrikaa Kibbaatti taasifamuf kan waliigalan hojjaa tahu, dhimmoota marii kanarratti dursi itti kennamuu qabu keessaa rakkoon namoomaa isa jalqabaa akka tahu doktorri tokko gaafate.

Hospitaala guddicha Maqalee keessatti hakiima kan tahe Dr Faasikaa Amdasillaasee, haalli jiru hamtuu tahuu hima.

''Qorichoota hadoochuu (anaesthesia), 'giluukoosii' fi antibaayootiksii hanqina qabna. Kanaanis dhukkubsattoonni rakkoon walxaxaa wahii yoo mudatu, waanti gootu hinjiru, harka kee martee ilaaluu malee,'' jedhe hakiimni kun.

Dr Faasikaa BBCtti kana kan dubbate gama bilbila WhatsApp'n, qunnamtii intarneeta saatalaayitaan gargaarameetu.

Kanneen yaalii fayyaa barbaadan argachuu hindanda'an, doktoroonnis isaan qarqaaruu hin danda'an.

Ganna lamaaf naannoon Tigraay qunnamtii addunyaa wajjin qabdurraa addaan cittee jirti.

Waraanni mootummaa Federaalaafi Humnoota Tigraay gidduutti Sadaasa 2020 eegale ganna lama guutuuf kan dhiyaate oggaa tahu, erga Waxabajjii 2021 TPLF bakkeewwan naannichaa gara caalu deebisuun to'atee as naannichi danqaa cimaa jala jira.

Tigrayan troops were welcomed back to Mekelle in June 2021 but that is when the region was cut off from the rest of the world

Madda suuraa, AFP

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ergasii dhiyeessiin meeshaalee dhaabbate, tajaajilli baankii fi sarara bilbilaa addaan cite.

Akka UN jedhutti, lolli kun dhiyeessa meeshaalee waan danqeef, naannichatti namoonni miiliyoona 5.4 tahan qarqaarsa nyaataa barbaadu.

Qorichoonni garii fi meeshaaleen akkaan barbaachisan kaan gama Dhaabbata Fayyaa Addunyaa - WHO fi Fannoo Diimaan kan dhufan tahus, hanga barbaachisu gahaa hinturre.

Inumaatuu erga Hagayya dabre irra deebiin waraanni eegale kaasee dhiyeessiin guutummaatti galuu hanqate.

''Dhukkubsattoota yaalii goonuuf qorsi hinjiru, meeshaalee baqaqsanii yaaluuf nu gargaaran hinqabnu, talaallii daa'immaniif kenninu hin qabnu, qorsa insuliinii dhukkubsattoota shukkaaraaf kenninu hinqabnu,'' jechuun Dr Faasikaa sagantaa BBC Newsday'tti himan.

''Namoonni dhukkuboota garagaraa qaban akkaan rakkoo keessa jiru. Wal'aansa malee manatti akka galan itti himaa jirra.''

Qorichi namoota kaansarii qaban wal'aanuuf gargaaru guutummaatti hinjiru. Raadiyooteraappiin ammoo kan argamu Finfinnee qofatti, isa argachuuf garas imaluun ammoo tasumaa hin yaadamu.

''Dhukkubsattoonni kaansarii du'aaf dhiifamaniiru,'' jechuun haala jiru ibsan hakiimni kun.

'Dhukkubsattoonni yeroo hin qaban'

Ogeeyyiin fayyaa dhukkubsattoota kaleen isaanii miidhamees, sababa meeshaaleen dialysis darbee darbee waan dhufuuf, taa'anii ilaaluu malee isaan qarqaaruu hin dandeenye.

''Yeroo dhumaatif kan dhufe Waxabajjii keessa ture, erga Hagayyaatii guutummaatti ugguratu jira. Torbee kana ammoo dhukkubsattoota 25 wal'aannuuf waantonni nu barbaachisan nu jalaa dhumaa jiru,'' jedhu Dr Faasikaan.

Akka hakiimni kun jedhutti dhukkubsattoonni kalee 90 ''otuma doktoroonni ilaalanii'' du'aniiru. Carraan namoota 25n hafanis maal akka tahe hin beeku jedhu.

Gama qorannootiin ammoo, laboraatoriin hospitaalichaa kemikaalota qorannoof barbaachisan hanqina qaba - kana jechuunis yeroo hedduu doktoroonni dhibee namootaa maal akka tahe baruu hin danda'an.

Kanarratti dabalataan ammoo humni ifaa addaan ciccituu fi boba'aan jeneretarootaaf oolu dhibuun, hospitaalichi guyyootaaf tajaajila elektrikaa argachuu dhiisuu danda'a.

Dr Fasika Amdeslasie

Madda suuraa, Fasika Amdeslasie

Rakkoo ulfaataa hakiimni kuniifi waahillan isaa dabarsaa jiraniin walbira yoo qabamu, sagaleen Dr Faasikaa itti dubbatu miirasaa kan ibsu miti.

"Haala qabatamaa guyyuu jiraannu waan taheef, miirayyuu hin qabu amma. Waanin guyyuu na mudatun sitti hima.

 ''Miirri keenya akka hin miidhamne of qabaa jirra. Bahaa hangamii akka baannee jirru, hanga bahaan kun nurraa kahu baruu hin dandeenyu. Kanaan achi waa'eesaa yaaduu dhiisuu mala uumamaa ofirraa ittisanidha - waa'eesaa yaadaa hin turtu, waanta gochuu qabdu raawwatta.''

Doktoroonni fi narsoonni achi keessa hojjetan mootummaa federaalaan qacaramanii kan hojjetan oggaa tahu, erga ji'a Caamsaa waggaa dabre kaasee mindaa argatanii hin beekan.

Dr Faasikaa maallaqa hiriyootaafi maatiin biyya alaarraa erganiin bula. Innis kan argamu kanneen maallaqa sharafan, qarshii gara Tigraayitti seeraan alaan galchuuf bu'aa bayii arganiif komishinii hedduu erga irraa kutanii boodadha.

''Hospitaalli kun jireenya kooti,'' jedha Dr Faasikaan, akkamiin rakkoolee kana gidduutti hojjechuuf hamilee waan isaaf tahu dubbatu.

''Ogummaan kee si [dirqisiisa]. Dhukkubsattootatti deemtee dubbata, gorsa xinsammuun gargaarta taanaan, inni waan guddaadha. Ana callaa miti ogeeyyii as jiran hunda.''

Dhimma marii nagaa mootummaa federaalaafi TPLF gidduutti adeemu irratti wayita gaafatamu, waa'ee siyaasaa haasawuurraa of qusata Dr Faasikaan.

Haatahu malee mariin kun adeemsa siyaasaa waan taheef, hanga qaamoleen kunniin haasawanii waliigalanitti, rakkoon nutti hammaachaa deema sodaa jedhu qaba.

''Mariin kun yeroo fudhachuu mala, garuu lubbuun keenya, ijoollee keenyaafi kan dhukkubsattootaa yeroo kana qabaachuu dhiisuu danda'a. Kanaaf kana keessa haala namoomaa odoo dursanii abdii kooti.

''Seerri namoomaa kabajamuu qaba. Maaliif Yukireenitti odoo hin cabin, Tigraay keessatti caba? Waan nuti uummata barbaachisoo hin taaneefi?''