Saadiyoo Maanee taphataa gareemasaa ta'e abootee tapharraa dhorkame

Waldibdeen Saadiyoo Maanee (bitaarraan kan jiru) fi Liyoor Saanee kan eegale osoo dirree keessa jiraniiti

Madda suuraa, Getty Images

Taphataan sarara fuulduraa lammii Senegaal Saadiyoo Maanee, hiriyaa kilaba isaa Liyoor Saanee abootee (rukute) tapharraa dhorkame.

Saadiyoo Maanee waahilasaa kana rukutuun erga dhagahamee booda, kilabiin isaa ammaa Baayer Muunik tapharraa dhorkuu beeksiseera.

Akka gabaasaaleen Jarmanii keessaa bahan mul'isanitti, Maaneen tapha Shaampiyoons Liigii Awrooppaa irratti, Baayer Muuniik Maanchistar Siitiidhaan 3 fi 0n erga mo'amee booda, kutaa uffannaa keessatti hiriyyaa isaa Liyoor Saanee bunyaan rukute.

Hiriyoota garee tokkoo kunneen lamaan gidduutti waldhabdeen erga uumamee booda, hiriyoota garee isaanii birootiin addaan baafaman.

Kilabiin Muunik Maanee tapha liigii Dilbata dhufu Hoffenheim waliin taphatan irratti akka hin hirmaanne beeksiseera.

Kilabichi taphataa sarara fuulduraa lammii Senegaal kun ''naamusa cabsuun'' akka tapharraa dhorkamee fi adabbiin maallaqaas akka isa eeggatu ibseera.

Muunik taphataan umrii ganna 31 Saadiyooo Maanee namusa akkamii akka cabse ibsuu baatus, sababni adabbii kanaa taatee Kibxata darbe tapha Chaampiyoons Liigii booda mudate ta'uu himeera.

Gaazexaan Bild jedhamu akka gabaasetti, Maaneen tapha booda taphataan sarara cinaa Jarmanii kun ''waan itti dubbatetti akka hin gammanne'' himuun komateera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gareensaa erga gara Jarman deebi'ee booda taphataa collee Afrikaa jedhamuun yeroo lama kan filatame Saadiyoo Maanee, wayita xiyyaaraa keessaa bu'an buufata xiyyaaraa irraa konkolaataa dhuunfaan deeme.

Liyoor Saanee garuu konkolaataama kilabichaan waahillan isaa waliin imale.

Taatee kanaan walqabatee taphattoonni lameenuu haga ammaatti homaa hin jenne.

Mudannoo kana booda taphattoonni lameenuu Kamisa kaleessaa (Ebla 13, 2023) shakkallii taasisaniiru.

Saadiyoo Maanee ji'oota dura ture Paawondii miiliyoona 35n gara kilaba Jarman- Baayer Muunik kan imale.

Erga kilabicha seenee taphoota 7 irratti goolii 6 kan galche ta'us, yeroo ammaa garuu goolii lakkoofsisuun dharraa itti taateetti.

Erga Muunikiif goolii galchee ji'oota ja'a lakkoofsiseera.

Kilaba Kubbaa Miilaa jarmanitti gaazexeessaa kan ta'e Raafaa'eel Hooniigaastan waldhibdeen taphattoota lameenii dirree keessatti eegale jedhe.

Maanee fi Saaneen dirree keessatti jechoota hin taane walitti deddeebisaa turuu kan ibse gaazexeessaan kun, gara kutaa uffannaa itti jijjiirratanii wayita seenan Maaneen bunyaadhaan Saanee rukutuu hime.

Gaazexeessaa Raafaa'el akka jedhutti taphataan badhaasa Baalondoor ni mo'ata jedhamee eegamu Saadiyoo Maanee kanaan duras sababa miidhamaan waancaa addunyaarraa hafeera.

Ammas leenjisaan isaa Toomaas Tuhel yeroo baayyee boodarra jijjiiranii wayita galchan waan mufatuuf, waliigalatti taphataan kun miira gaarii keessa akka hin jirre eereera gaazexeessaan kun.

Sadarkaan Maaneen amma irra jiru baayyee gadi bu'aadha jedhamuu baatus, Kilabni Muunik wayita mallatteessisu akkaataa itti eegerra hin jiru jedha gaazexeessaan kun.