Gaafan du'e saanduqaan awwaalamuu hin barbaadu'

Madda suuraa, Lizzy Steel / BBC
Hubannoon namoonni gaazii qilleensa faalurratti qaban adaduma guddataa adeemu, namoonni yeroo jiraan qofaa otoo hin taane yeroo du'an akkatti awwalaman akka dhaammatan ka'umsa ta'eera.
"Gochi koo inni xumuraa dachee kana akka faalu hin barbaadu, kanallee yoon gargaarsa gochuu danda'e" jechuun kan dhaammatte dubartii Raachel Haawtoorn jedhamtu.
Gaafan du'e kafanaan malee na awwaaliin jette Raachel, sababni sanquudaan awwaluu fi reeffa gubuun dhiibbaa naannoo faalu qabu jettee yaaddofti.
''Bara jireenya kootti naannoon keessa jiraadhu akka hin miine, meeshaalee deebisee itti gargaaramuuf hanga danda'e yaaleera, duutikoos naannoo akka hin faallen barbaada,'' jette Raachel.
Wayita namni du'e gaazii boba'aatiin reeffa gubuun kaarboon daayi'oksaayidii balalii xiyyaaraa Landanirraa Paarisi geessuun walgitutu gadhiifama.
Biyya UK keessatti reeffi namoota du'anii %80 waggaa waggaan akka gubamu gabaasni dhaabbata dhimma kaarbooniirratti gorsa laatu, Pilaaneetii Maarki jedhamurraa argame ni mul'isa.
Yeroo baayyee saanduqonni hin bosbosne,keemikaalaa summaa'aa biyyoo faalu 'formaldehyde' jedhamuu fi reeffa tursiisu waliin qophaa'a.

Madda suuraa, Lizzy Steel / BBC
Qorannoon dhiheenya kana 'YouGov' dhaabbanni jedhamu baase akka agarsiisutti, namoota 10 keessaa tokko sirni awwaalchaa isaanii naannoo kan hin miinetti akka raawwatamu barbaadu.
Raachel namoota akkasii keessaa ishee tokko. Weest Yorkshire kan jiraattu Raachel, akka artistiitti hiriyaa isheetiif huccuu rifeensa beeyladotaarraa hojjatamu fi biqiloota naannootti marganiirraa waanta ittiin nama awwaalan hojjatte.
Raachel waggootaaf dhimma du'aan walqabatu xiinxalaa turte, du'uu, gaddaa fi uumama karaa ogummaa harkaatiin jiruu fi meeshaalee tajaajila awwaalchaaf oolan qoratteetti.
Dubartii ganna 50 kan taate Raachel kafanni isheen hojjatte kun hojii aartiirra darbeeyyuu saanduqa reeffaatti gargaaramuu hambisuu danda'aa jetti.
Sana booda ergasii kan ofii hojjechuuf murteessite.
Namoonni kalaqa ishee argan hammam akka lallaafaa ta'e tuqanii ilaalu barbaadu jette.
Raachel garuu, waa'ee du'aa namoonni haaasa'urraa baqataniif fala sirrii ta'uu kaaste. Raachel namoota du'uuf qarree gahan akkasuma maatiisaanii kunuunsaa turte.
"Waa'ee du'aa yeroo dubbannu, namni ani argee haasofsise hundi waan isa fayyadu argata'' jette.
"Namni tokko du'uun baay'ee nama rifachiisa. Kanaaf jecha dhimma kanarratti namni akka haasa'un barbaade'' jette.
"Namoonni baayyeen akka beekan kanan barbaadu saanduqaan awwaalamu hin qabnu, filannoon biraas jiraachuu akka beekan nan barbaada"jete.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Barsiifannii awwaalaaf meetira1.82 gadi qotuu yoo xiqqaate jaarraa 16ffaa irraa kan jalqabe yoo ta'u, weerara dhibeerraa of eeguuf kan namoonni boolla gadi fageessaanii qotu jedhamee amanama .
Raachel, yeroo awwaalamtu garuu awwaala uumamaa hin miine akka ta'u barbaaddi. Sanduuqa reeffatiin boolla gadi fagootti awwaalamuu hin feetu, kafana ykn sanduuqa dafee boossosuun (tortoruun) malee.
Baqqaanni biyyee olaanu lubbu-qabeeyyii ijaan hin mul'anne danuu waan qabuu jecha waggaa 20 hanga 30 keessatti reeffi namaa bosbosa, sirna awwaala amma barame keessatti bosbosuuf jaarraa tokko itti fudhata.
UK keessatti bakki awwaalcha karaa umamaan wal simuun raaawwatamu xiqqaa yoo ta'u, awwaalchaa idilee baratameen wajjin wal hin fakkaata.
Mukkeen fi daraaraa biqiltuuti bakka awwalaarratti biqila, bakka kanatti qorichi farra aramaas hin biifamu.
Haati Luwiis Makmaanus bara darbe bakka awwaalchaa uumamaa naannoo Iskipton jirutti awwaalamte.
Sirni awwaalchaa kun konkolaataa reeffa baatuu, kafana naannootti hojjetameen fi daraaraa boroo isheetii funaanameen awwaalamte.
''Uumamaa baayyee jaallatti, akkasuma ala ta'uu ni jaallatti turte.
Quuqamaa kunuunsa naannoo waan qabduuf awwaalli ishee hanga danda'ametti naannoo kan hin miine akka ta'u gaafatte,'' jetti Luwiis.












