Dhalli namaa waa'ee jireenya du'a boodaatti maaliif yaadda'a?

Madda suuraa, Getty Images
Jireenya keessatti waanti mirkanaan beekamu waan lama qofatu jiraa jedhama: innis du'aafi gibira kaffaluu dha.
Ilmaan namaa du'a waan jedhu hubachuudhaaf baayyee waan rakkataniif, jireenya du'a boodaatti amanuu filatu.
Kanaanis fooniifi dhiigasaaniin otoo hin daangeeffamiin jireenya biraa keessatti barbaraan jiraachuutti amanu.
Du'a uumamaa du'uun keenyi maaliif akka waan uumama hin taanetti nu sodaachisa?
Saayinsiin dullumaa maal jedha? Teeknolojiiwwan haaraa dhufaa jiran eenyummaan keenyi akkaataa tahe tokkoon barabaraan akka jiraatu gochuu danda'uu?
Seenaa keessatti dhalli namaa waa'ee jireenya du'a boodaa yaad-rimee garagaraan ibsachaa tureera.
Warri Masrii durii lafa jala, awwaalchaa booda dachii jalatti jireenyi jira jedhanii amanu ture, fakkiiwwan amantii Kiristaanaa bara gidduugaleessaa immoo guyyaa dhumaa agarsiisu.
Qorannoon dhiyeenya kana bahemmoo hawaasa ammayyaa keessattillee otoo hin hafiin, tokko sadaffaan namoota Waaqatti hin amanne hubannoon/lubbuun namaa du'a booda jiraachuu itti fufa jedhanii amanu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yaada haala kanan kufee ka'uu, kan ce'ee hamma har'aa fedhiin guddaan kan jiru garuu lubbuun tokkittiin bara baraan jiraachuu irratti dha.
Maaliif? Gaaffii jedhu deebisuuf yaad-rimee jijjirama tirataa irraa ka'uun waan badu miti.
Tilmaamni saayinsaawaa garagaraa jireenya du'a boodaatti akka amannu kan nu godhe jijjirama tirannaa akka dhala namaatti keessa darbineedha jedhu.
Yaada tilmaamaa kunneen keessa kan baayyee beekamu isa terror management theory (yaad-rimee to'annoo balaa) jedhamuudha.
Akka yaadrimee kanaatti ilmoon namaas akkuma bineensota biraa du'uu akka hin barbaadanetti uumamaan saganteeffaman.
Tahus yeroo keessa sammuun keenya guddachaa fi wal-xaxaa tahaa dhufee, nama akka taane of beekuu jalqabne.
Waan ajaa'baa, akka namaatti of beekuun keenyi kunimmoo du'a mataa keenyaa irratti akka xiyyeeffannu nu godhe. Kunis gaaffii du'aa fi jireenyaa nutti fide.
Gama tokkoon du'uu hin barbaadnu gama biraan immoo du'a jalaa akka miliquun hin danda'amne beekna. Wal-faallesii kuni akka malee nu rom'isiisa.
Amantaan waan tokko hin jiru jedhanii yaaduu ammayyuu waan qabatamaan hin jirre gatii taheefi akaakileen keenya durii sammuu isaanii akkaan guddateefi sodaan guutame tasgabbeessuuf yaada jireenya du'a boodaa waan uumaniif jalaa miliquu hin dandeenyu.
Qorannoon Piroofeesar Jeesee Beeriing ammoo jireenya du'a boodaatti amanuun yaada (innate dualism) jedhamurraa madda jedhu.
Qorannoo yaalii gareen piroofeesar kanaa taasisan irratti, daa'immanitti yeroo naachi yenna tuqaa liqimsu itti agarsiisan.
Gochaan hammeenyaa kuni raawwachuun booda ijoollee maaltu tahe jedhanii gaafatan.
Akka yaaliin qorannoo kuni gabaaseen tuqaan suni naachaan nyaatamtee duutullee ijoolleen suni beekumsiifi miirri akka itti fufu, muuxannoon qaamaa kanneen akka beelaafi dhukkubbiin garuu akka hin jiraannetti amanu.
Daa'imman kunneen keessaa inni xiqqoo tuqaan suni erga duutee booda miidhama xiinsammuu akka qabaattutti ibse. Daa'imman kunneen egaa barsiisa amantiifi aadaa saaxil bahuun isaanii ga'eessotaan gaditti jedhamee yaadama.
Haala nama dinqisiisuun jireenya du'a boodaatti amanuun waan barumsaan dhufe akka hin taanetti agarsiisuu yaala qorannoon kuni.
Kanaaf du'a booda jiraachuuf barbaaduun waan jijjiirama tirannaan dhaalledha akka dimshaashessa qorannichaatti.
Du'a booda jireenyi jiraa, hin jiru falmiin jedhu garaa isin gahuu yoo dide gaaffii keessan qabattanii itti fuftu taha.
Saayintistoonni hubannoo nam-tolchee(AI) irratti hojjetan teeknolojii haaraa ''Mind uploading'' jedhamu yaalaa jiru.
Teekinolojiin kunis caasaan sammuu keenya kuusaa dijitaalaa (digital cloud ) irratti akka ol kaa'amu eeyyama.
Haala kanaan caasaa sammuu uumamaa kana kompitara irra kaa'uun barabaraan jiraachuu dandeessa taha.
Kunis jireenyaa qaamaan hin mul'anne keessa abuuruu si dandeessisuu mala.

Madda suuraa, Getty Images
Akka teeknolojii kanaatti ati eenyummaa akka odeeffannootti jiraatu qabda, innis kan caasaa yaadannoo fi yaadaa wajjin wal-qixxee tahe dha.
Dr Mikaa'el barreessaa saayinsiifi hayyuu dhimmoota ija shakkiin ilaalan yoo tahan, yaada kana yoo ibsan sammuun keenyi meeshaa teekinolojii olaanaa taheen iskaan godhamee achiin odeeffannoon sammuu keenyaa kuusaa dijitaalaatti ol-kaa'ama achii nutis wajjumaan deemnaa jedhu.
Yaadi yaada dachaa of keessaa qaba. Innis ati qaama kee qofaa miti. Ati odeeffannoodha akka jechuuti. Haala kanaan barabaraan jiraaachuu dandeessaa kan jedhu tahus teeknolojiin kuni garuu ganaa sadarkaa abjuurra kan jiruudha.
Otuma teekninolojii kana fayyadamnee yaadaafi yaadannoon keenya barabaraan akka jiraatu taasisnee, gaaffii jireenya du'a boodaa sana nuu deebisaa?
Dr Mikaa'el, ''inni waan ati eenyummaan koo kana jettuun murtaa'a,'' jedhu.
Eenyuumma yaadannoo jira ''mem -self'' kan jedhamu, gama biraan immoo eenyummaa kee ati ittiin of ilaaltu.
Fakkeenyaaf eenyummaan inni kuni haala amma ati keessa jirtuudha. Isa barreefama kana dubbistu, otoo hin xumuriin isa bira darbitu, isa gidduutti yaaadni si badu fa'idha. Muuxannoo battala tokko irraa isa gara biraatti darbitu kana, cirumaa kooppii gochuu hin dandeessu.
Kooppii gochuu otooma dandeesseyyuu, haa jennuutii koppii gochuu booda kompiitara eenyummaan kee keessa kuusame keessa jirta garuu achi deemuu hin dandeessu.
Kompiitara keessatti gaafa of argitu as moo achiin jira jettee of gaafatta, battala gaaffii kana gaafattetti siifi sii gidduu garaagarumman uumamee jechuu dha jedhu Dr Mikaa'el.
Takkaa gargarbaanaan ati inni qaamaan jirtuufi inni koppii tahe jireenya garagaraa jiraachuu jalqabduu jechuu dha jechuun ibsu.
''Yoo ani du'e, hinuman du'a kooppiin koo garuu jiraachuu itti fufa kanaan ani jirachuu ittan fufe jechuu hin danda'amu,'' jedhan.
Kanaaf duuti abbaacabsaa itti fufinsa jireenyaati jechuu ni dandeenyaa jedhu hayyuun kuni.
Dhala namaa tahuun waan salphaa miti, wal-xaxaa dha. Waan sodaannu du'a, kan hin hafnes isuma.
Garuu asirratti gaaffii bu'uuraa tokko gaafachuu ni irraanfanna. Dhugumaan barabaraan jiraachuun waan gaariidhaa?
Akka piroofeesar Liyoon Kaas jedhanitti duuti keenyi akka hin hafne fudhatanii jiraachuun bu'aa hin mul'anne qaba.
Duuti akka hin hafne gaafa barru jireenyaafi muuxannoo keenyatti akka gammannuufi fooyyessinu nu gargaara.
Hayyuun dhimma amantii Istaanlii Haawuris inumaayyuu jaalalli kan hiika qabaatu sababii duuti jiruufi jedhan.
Hawaasa akka uumnuufi walii walii keenyaaf akka dhimmamnuuf nu godha jedhu.
Gatiifi bareedina jireenyaayyuu kan dinqisiifannu duuti waan jiruufi jechuun ibsu.
Imalli kuni waan dhuma ykn xumura qabuuf imalli kuni hiika akka qabaatu taasisa jedhu Dr Mikaa'el.
Kunimmoo kaayyoon jireenyaa maali? Hiikni jireenyaa maali? Kan jedhutti nu geessa. ''Battalaafi biliqa jireenya kee mara akka hiika qabaatu gochuu dha hiiktisaa,''
Addunyaa goolaafi rakkoon guutamte keessatti jaalala maatiifi firaa qabaachuun hiika guddaa qaba.
Dr Mikaa'el, ''du'a booda maaliif jireenya barbaanna, maalii irra deebi'uu feena amma maaliif gammannee hin jiraannu? jechuun falmu Dr Mikaa'el.












