Oromoo: 'Waaqeffannaan du'aa ka'uu fi du'a booda lubbuun jiraachuutti hin amanu'

Amantiin qaama aadaa akka tahe, haala uffannaa hanga kadhannaa Waaqaaf godhamuutti eenyummaa akka ibsu warreen saayinsii hawaasaa qoratan ni himu.
Haatahu malee, namoonni jiruuf jireenya guyyuu isaanii keessatti aadaa isaanii calaqqisuurra darbee gaaffiiwwan jajjaboo namni eessaa dhufee? Samiifi lafa eenyutu uume? Du’a booda jireenyi jiraa? fi kaaniiffillee deebii argachuuf daandii amantiirra fagoo deemaniru.
Waaqeffannaan amantii ganamaa uummata Oromoo yoo tahu, hordoftoonni amantichaa Waaqa tokkicha hunda uume jedhanitti amanu.
Obbo Asnaaqee Tashooma Irkoo waggoottan 20 darbaniif waa’ee Waaqeffannaa qo’ataniiru. Ammallee Gumii Waaqeffannaa Addunyaatti hoggansaan tajaajilu.
Dhimma Waaqeffannaa BBCtti himan argaa-dhageettii irraa naannoo Booranaaa deemanii qorachuu himaniiru.
‘’...Waaqa maqaan dhibbaa,
Gurraacha garaan garbaa,
Leemuu garaa taliilaa...’’
‘’Bara dur durii otoo namni cubbuu hojjechuu hin jalqabiin namoonni sagalee Waaqaa dhagahaniiru jedhama malee namni isa arge hin jiru jedhee amana Oromoon,’’ jechuun eegalan Obbo Asnaaqeen.
Waaqni Oromoo 'gurraacha' yoo jennu bifa isa akka namaa yookiin halluu akka hin taanes ni dubbatu.
‘’Waaqa kana duubasaa arguun hin danda’amu, keessa isaatiin ilaallee qorannee ati kana jechuu hin dandeenyu" jedhu.
‘'Manni Waaqaa duubni nama hin dabarsu’ kan jedhan, ‘Waaqni icciitii tahuusaa, sammuu namaan ol tahuusaati, ’' bifa gurraachaan kan fakkeessanis kanumaafi jedhan.
Maqaan dhibba tahuun immoo humni hundaa'ol Waaqni tokko tahee, amantiin danuu tahuu agarsiisuufi jedhu.

Seera uumamaa
Akka amantii Waaqeffannaatti Waaqni ‘bishaan uumee walaabuu’ duraan jirurraa waan hunda uume jedhu Obbo Asnaaqeen.
‘’Bishaan walaabuu kanas bishaan ol-aanuu fi bishaan gad-aanu jechuun bakka lamatti adda hire.
Bishaan inni olaanu: Bishaan kanneen, samii fi qaamolee hawaa kanneen akka biiftuufi urjii qabaata. Bishaan isa gad-aanu immoo bishaanii fi lafa gogaa godhee,’’ jedhan.’’
Waan lafa kanarra jiru immoo ayyaana(guyyaa) 27 keessatti uume jedha Waaqeffannaan.
Dachee kana erga uumee booda namarraa jalqabee waan lafa kanarra jiru hunda tartiibaan uumuu itti fufe jedhan.
‘Jalqaba nama uumee ergasii mil’uu isaatiin dhiiraa fi dubaraan wal-qixa bakka lamatti qoode. Biqiltuu fi kanneen lubbuu qabeeyyii tahan hundas tartiibaan akkanumatti uumaa dhufe,’’ jedhu qoratichi.
Safuu, Laguufi Cubbuu
Waaqni lafa kana yeroo uume namni sirnaan akka jiraatuuf seeras waliin uume jedhu Obbo Asnaaqeen.
Seeroti kunneen, seera namaa, seera loonii, seera faradoo, seera aloofi aloolaa, kan bineensota bosonaa, biqilootaafi qaamota hawaa urjii fi biiftuufillee seera tumametu jira, seerota kana kabajuun safuu tiksuu dhas jedhu.
‘’Safuun seera Waaqaa hin geeddaramnedha. Nama ajjeesuun, hatuun, sagaagaluun, kijibuunfaa safuu cabsuu dha. Waaqa kabajuu, dachee kabajuu fi uumama Waaqaa biroo kabajuun safuu tiksuudha.’’
Laguun immoo dhorkaawwan hawaasaa eeguuf kan fayyadu yoo tahu, fakkeenyaaf nyaata hin eeyyamamne soorachuufaa dabalata.
Namni tokko cubbuu dalage kan jedhamu safuu fi laguu kana yeroo cabsu dha, jechuudha jedhaniitu nutti himan Obbo Asnaaqan.
Jireenya du’a boodaa
‘’Oromoon ganamaa namni yeroo du’u ekeraan yookiin ayyaanni isaa Waaqa bira yookiin iddoo dhugaa dhaqxii jedheetu amana,’’ jedhu.
Akka amantii Waaqeffannaatti namni bishaan, qilleensa, ibiddaa fi biyyee irraa walitti uumamee jedhan.
‘’Kanaaf yeroo du’an qaamni namaa, foonsaa biyyeetti makama, dhiignimmoo bishaanitti makamee bada, ekeraansaa yookiin ayyaannisaa garuu Waaqa bira dhaqxii,’’ jedhan.
‘’Akka amantii biraa Waaqeffannaan du’aa kaataa yookiin lubbuun jiraatta kan jedhutti hin amanu,’’ jedhu.
‘’Amantiin kun jiraachuu seexanaaatti hin amanu humni Waaqaan mormuu fi namoota cubbuu akka dalagan taasisu hin jiru garuu ‘ayyaanni hamaa’ jira jedheetu amana,’’ jedhan.
Namni tokko cubbuu, saamuu faa, hatuu fa’i yoo raawwate, laguu fi safuu Waaqaa yoo cabse Waaqni waan nama gaafatuuf seerota kana cabsuun cubbuu hojjechuun dhorkaa dha jedhan.
Haa tahu malee,‘’ibiddaan ni gubatta yoo cubbuu hojjettee jedhanii doorsisuun sun hin jiru,’’jedhan.
‘’Cubbuun abbicha dalagee fi sanyii isaa hanga dhaloota torbaa balleessa jedhanii waan amananiif cubbuu dalaguu hunda caalaa ni sodaatu hordoftoonni amantichaa ganamaa,’’ akka Obbo Asnaaqeen jedhanitti.
‘’Namni tokko nama biraa yookiin lubbuu qabeessa akka malee yoo ajjeesee dhoksee du’ellee Waaqa biratti waan gaafatmuu fi maatiinsaa/gostisaa karaa eker-dubbiftuu gaafatanii gumaa irraa baasuufi.
Akkuma nama lubbuudhaan jiruu jechuudha,’’ jedhan Obbo Asnaaqeen.
Eker dubbiftuu bira gaafa dhaqan fakkeenyaaf qarshii namaa hateera yoo taheef, abbicha himateetu itti deebisaafii jedhaanii jechuu dha.
‘Amantii kana keessa jannata yookiin jahaanaba inni jedhamu hin jiru.’’ ‘’Akkana jechuun garuu namni waan barbaade gochuu danda’a jechuu miti, safuu, laguutu jira,’’ jedhu Obbo Asnaaqeen.
Gama kanaanis madaalli uumamaafi namoota gidduu jiru ni eegama jedhan.
Saalli Waaqaa maali?
‘’Akkan argaa dhageettii irraa odeeffadhetti manguddoonni Waaqa Oromoo dhiira yookiin dubartii hin jedhani," jedhu.
"Haatahu malee, Waaqa isaanii yoo ibsan yookiin maqaa dhahan dhiiraan fayyadaman kunis garuu saala isa dhiiraa mul’isuuf mitii,’’ jedhu.

Madda suuraa, Getty Images
Waaqeffattoota
Obbo Dasaalany Damee Galma Waaqeffannaa ganamaa Bishooftuu Hora Arsadeetti waayyuu galmaati.
Wayyuun galmaa koreewwan galma Waaqeffannaa kana kan walitti qabuufi dhimmoota bulchiinsa amantichaa waliin dhufan kan gaggeessu dha.
Waaqeffaannaa abbootiin keenya kan dhalootaa dhalootatti dabarsaa as gahan tahus, jedhu Obbo Dassaalany, dhalootni yeroo ammaa immoo safuu fi safeeffannaa keenya qabannee bara 90’moota keessa haala ammayyaaweefi idilee taheen koreewwan dhaabnetu Galma hundeessine jedhu.
‘Galma’ jechuun iddoo waaqeffattoonni wal-gahanii amantii isaanii wal barsiisani dha, jedhan.
‘’Akka amantii keenyaatti barsiisaa hin qabnu, Sababiinsaa immoo hunduu abbaasaarraa dhaalee as waan dhufeef namni gahaa achi bahee barsiisu hin jiru."
"Gaaddisa marii jalatti walitti qabamneetu wal barsiifna, walitti himnee Waaqa abbaa keenyaa kadhannee galla,’’ jedhan.
Warri dhimma amantii kana qoratan garuu Waaqeffannaa olaantummaan kan hogganu Qaalluu dha jedhu.
Haa tahuutii ‘’erga Waaqeffannaa bara 1992 A.L.I jalqabneen as karaa mootummaan, isin ABO dha jechuun dhiibbaan hidhamuu faa irra akka gahaa ture,'' jedhu Obbo Dassaalany yeroo dubbatu.
Amantii Waqeffannaa kana barattootni gara Yunivarsiitii yoo deeman dirree yookiin malkaa naannicha jirutti babal’isaa turanii jedhu.
Magaalaa Bishooftuu keessattillee Galma Waaqeffannaa afurtu jira. Adaamaa, Walisoo, Baatuu fi Sabbataa jiraachuu quba akka qaban dubbatu Obbo Dassaalanyi.
Waggaa waggaadhaan immoo galmi tokko jila ni qopheessa, isarratti warri kaan ni argamuu nuun jedhan.
Baay’inni miseensota waliigalaa Galma Waaqeffanna Hora Arsadii kuma shan akka tahu waayyuun galmaa kun BBCtti himaniiru.
Miseensoti isaanii harki jireessi barattoota tahuufi hayyoonniifi hojjettoonniillee ni jiraachuu dubbatu.
Sagantaa Waaqeffaannaa
Galmi isaanii yeroo hunda banaa tahus gaafa Dilbataa garuu miseensonni wal-gahanii akka waaqefatan dubbatu Obbo Dassaalany.
‘’Ganama galmatti yoo walgeenyu sagantaa otoo hin jalqabiin dura ‘ifaatii’ walii bahuu qabna. Ifaatii jechuun immoo araara jechuudha,’’ jedhan.
‘’Namni galma sanatti wal-gahu araara walii yoo hin buufne Waaqnillee nama hin dhagahu jedhee waan amannuuf dursinee araara buufanna jechuu dha. Kan wal-lole yoo jiraate manguddoon walitti araarsa,’’ jedhu.
Kanatti aansee, haala hangafummaa naannoo fi umuriin eebbi eebbifameetu sagantaan saaqama jedhan.
Eebbaan booda sagantaa barnootaa ‘Gaaddisa Mariituu’ itti fufa jedhan.
Saganataan kun kan barnootaa yoo tahu koree barnootaatiin geggeefama. Ajandaa dhimma Waaqeffannaa ilaallatu irratti mariin taasifama.
Kana booda kadhaa fi galatatu itti fufa. ‘’Sirna kadhataa Oromoo irratti bunni ni dhaabama, Oromoon gola gola isaattillee buna dhaabetu Waaqaan kan nagaan na bulchite nagaan na oolchi jedha,’’ jedhu Obbo Dasaalanyi.
Namni dhukkubsate yoo jiraate Waaqa ni kadhannaaf, yoo maatiinsaallee seera cabsanii jiraatan Waaqni akka itti araaramu ni kadhanna jedhan.
Galatni immoo Waaqa kadhatanii yoo milkaa’an ‘’ayyaana galma keenyaa galatni haa gahu,’’ jedhaniitu Waaqaaf galata galchu jedhu.
Kana hunda gidduu gidduutti immoo jeekkarsi ni taasifama.
‘’Jeekkarsa jechuun isa faaruu Waaqaaf faarfamu dha. Jeekkarsi kan jalqabaafi kan goolabaa jira, gidduu gidduun immoo ni damboonsina kun kadhaa keenyaaf, deebii arganneef jeekkarsa taasifamudha,’’ jedhan Obbo Dassaalany
Jeekkarsi goolabaa otoo hin adeemsifamiin dura sirni ‘Baalchaa’ ni taasifama.
‘’Sirni kun miseensi Galma Waaqeffannaa galmicha utubuuf kennaa maallaqaa, yaadaafi haala gargaraan kan baalchamu yookiin kennamudha,’’
Kana booda akkuma yeroo jalqabnu taasifne eebbaan sagantaa keenya raawwannee gara mana mana keenyaatti yaana jechuudha jedhu.
Obbo Dassaalanyi namooti amantii Waaqeffannaa hordofan kan amantiiwwan kanneen akka Musliimaafi Kiristaanaa irraa jijjiiratan malee kan duudhaa abbaafi haadhaa fudhatee Waaqeffannaadhaan itti fufe harka 25 hin caalu jedhu.
Amma dhimma mootummaa irraa beekamtii argachu dabalatee lafa itti waaqefatan dhabuun rakkoo ‘guddaa’ akka tahe himatu.
‘’Namni Waaqeffataa tahe tokko yoo du’ullee iddootti awwaalamu ijaa hin qabneef kadhaa amantiiwwan biraatti adeema jechuudha,’’ jedhan.

















