Hamaas karoora dhukaasa dhaabuu Ameerikaaf deebii 'gaarii' kenneera jedhe

Gaazaa

Madda suuraa, Reuters

Hamaas dhukaasa dhaabuufi lammiilee Israa'el butaman gadhiisuu irratti yaada Ameerikaan karaa mariisiftootaan dhiyeessiteef deebii ''gaarii'' kenneera jedhe.

Gareen hidhataa Filisxeem kuni ibsa baaseen ''marsaa marii biraatti hatattamaan dhiyaachuuf sirriitti qophii dha,'' jedhus qabxiilee waliigalteef dhiyaatu akka fudhatu garuu hin mirkaneessine.

Qondaalli olaanaa Filisxeem waa'ee marii kanaa keessa beekan, yaada waliigalaa marii kanaa fudhatanis fooyya'insi baayyee akka taasifamu garuu gaafanneera jedhan.

Kunis otooma waraana baatilee 20 ture kana marii dhukaasa dhaabuun hin danda'amne lolli deebi'ee akka hin kaanee Ameerikaan wabii akka kennitu gaafachuu dabalata.

Pireezidantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraamp Jimaata darbe dhukaasa dhaabuu Gaazaa irratti torban dhufu waliigalteen ni jiraata jedhan.

Tiraamp dabaluunis Hamaas waliigaltee dhukaasa dhaabuu Ameerikaan gidduugaltummaan hojjechaa jirtu kana ''faara gaariin'' fudhachuun bayeessa jedhan.

Gaafa Kibxataa Israa'el dhukaasa dhaabuu guyyaa 60f ''haalota barbaachisan'' fudhateetti, kuni ammoo qaamoleen lamaan waraana kana dhaabuuf akka hojjetan godha jedhan Tiraamp.

Dabaluunis Hamaas ''yaada isa dhumaa'' jedhan akka fudhatuufi ''kana booda waan fooyya'u hin jiru, yoo hammaate malee,'' jechuun garee kana akeekkachiisaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Karoorri waliigaltee kanaa lammiilee Israa'el Hamaasiin butamaniifi amma lubbuun jiran 10 fi reeffa namoota 18 lammiilee Filisxeem mana hidhaa Israa'el jiran waliin wal geeddaruu dha.

Gaazaa keessa namoonni butaman shantama kan jiran yoon tahu isaan keessaa 20 lubbuun akka jiran amanama.

Kana malees karoorri kuni deeggarsi namoomaa gahaa tahe tumsa UN fi Fannoo Diimaan hatattamaan Gaazaa akka galu hima.

Qondaalli olaanaa Hamaas deeggarsi namoomaa UN fi michootasaan qofa Gaazaa keessatti akka raabsamu dhaabbanni Ameerikaafi Israa'eliin deeggaramu GHF jedhamu hatattamaan hojii akka dhaabu gaafachuu dubbataniiru.

Dhimmi biraan Hamaas gaafate loltoonni Israa'el akka bahan tahuu qondaalli Filisxeem tokko himaniiru.

Yaadni Ameerikaan dhiyeessite loltoonni Israa'el kaabaafi kibbaa Gaazaa keessaa dhawaata, dhawaataan akka bahan gaafata.

Akka qondaalli Filisxeem jedhanitti Hamaas garuu loltoonni iddoosaanii dhukaasni dhaabuu Bitootessa darbe otoo hin kufiin dura turanitti deebi'uu qabu jechuun cicheera jedhan.

Dabalataan Hamaas mariin kuni dhukaasa dhaabuu dhaabbataa tahetti yoo geessuu baate Israa'el haleellaa qilleensaafi lafoo akka dhaabdu Ameerikaan wabii akka kennitu gaafateera jedhan qondaallii Filisxeem kuni.

Yaadni dhiyaate mariin waraana kana dhaabuu gaafuma duraa akka eegalu akka himutu dhagahame.

Haa tahu malee Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuun hamma namoonni butaman hundi gadhiifamaniifi waraanni Hamaas akkasumas humni bulchuu isaa hamma barbadaa'utti waraana dhaabuun akka hin jirre himan.

Jimaata kaleessaa yeroodhuma Ameerikaafi Israa'el deebii Hamaas eegaa turanitti waraanni Israa'el iddoowwan Gaazaa irratti qiyyaafate irratti boombii roobsaa ture.

Minsiteerri Fayyaa Gaazaa keessatti Hamaasiin hogganamu kaleessa haleellaa Israa'el sa'atii 24 keessatti raawwatteen lammiileen Filisxeem 138 ajjeefamaniiru jedhe.