Indiyaan seera baqattootaa Muslimoota biyyattii mil. 200 caalan qoollifatu hojiirra oolchuuf

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan Indiyaa seera lammummaa kennisiisu kan faallaa Muslimootaati jedhamuun qeeqamaa ture hojiirra oolchuuf karoora akka qabu ibseera.
Seerri kun Citizenship Amendment Act (CAA) jedhama. Saboota lakkoofsaan muraasa Paakistaan, Baangilaadash fi Afgaanistaan irraa ta'aniif lammummaa akka argatan eeyyama.
Aanga'oonni Indiyaa seerri kun saboota eenyummaasaaniin qoollifataman kan gargaaruudha jedhan.
Seerri bara 2019 ragga'e kun uummata mufachiise, kanneen seera kana mormuun hiriira ba'an keessaa hedduun ajjeefamaniiru, kaan ammoo ni hidhaman.
Ministirri Dhimma biyya keessaa Indiyaa Amit Shah, seerri kun akkuma hiriirri yeroo sanaa xumurameen hojiirra ooluu baatus amma garuu hojiirra oola jedhan.
Wiixata (Bitootessa 11, 2024) miidiyaa hawaasummaasaaniirratti akka maxxansanitti, Ministirri Muummee biyyattii Naareendiraa Moodii ''seera baastonni keenya waadaa kan galaniif biyyoota kunneen keessaa namoota amantii Hinduu, Sikh, Budha, Jain, Paris fi Kiristaanaa hordofaniif'' akka ta'e hubatu jedhan.
Duula filannoo Moodii keessatti seera kana hojiirra oolchuun qabxii ijoo ta'ee ka'eera.
Paartii biyya bulchaa jiruufi kan Hinduu leellisu Bharatiya Janata Party (BJP) kan dursan Naareendiraa Moodii, filannoo waliigalaa bara kana biyyattiin gaggeessituuf duula na filadhaa eegalaniiru.
Karoorri mootummaa Indiyaa kun seera lammummaa biyyattii kan waggaa 64f ture fi godaantonni seeraan alaa akka lammii Indiyaa hin taane dhorku kan fooyyessuudha.
Akka seera haaraa kanaatti lammiileen Paakistaan, Baangilaadash fi Afgaanistaan lammummaa Indiyaa argachuu danda'an kanneen Muddee 31, 2014 dura seenan qofa.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mootummaan Indiyaa seerri haaraan kun yoomirraa eegalee akka hojiirra oolu hin ibsine.
Seerri kun qoollifannaa kan qabuu fi qajeeltoo mootummaa fi amantii adda adda jedhu kan heera biyyattii keessatti tumame kan sarbuudha jechuun kan qeeqan jiru.
Fakkeenyaaf seerri kun kanneen sababa amantiisaaniin qoollifataman Sirii Laankaa irraa akka Indiyaa seenan hin eeyyamu.
Muslimoonni Rohingya biyya ollaa Indiyaa taate Miyaanmaar irraa akka Indiyaa seenanis seerri kun hin eeyyamu.
Seerri haaraan CAA jedhamu kun yoo hojiirra oole Muslimoonni Indiyaa keessa jiran miiliyoona 200 ta'an ni qoollifatamu.
Lammiileen Indiyaa gariin, kanneen daangaa biyyattiitti siqanii jiraatan, seerri kun yoo hojiirra oole lakkoofsi godaantota gara Indiyaa seenanii akkaan dabala yaaddoo jedhu qabu.
Karoorri mootummaan Indiyaa labse kun morkattoota biyyattiin guutummaatti fudhatama hin arganne.
Paartiin biyya bulchu filannoo itti aanurratti dhiibbaa uumuuf seera burjaajii uumu kanaan as ba'e jedhuun.
Filannoon Ebla yookiin Caamsaa keessa gaggeeffama, Ministirri Muummee Naareendiraa Moodii marsaa sadaffaaf filatamuuf duula eegalaniiru.
''Seerri kun erga labsamee tureera, waggoota arfan darbaniif hojiirra hin oolin tureera. Amma filannoof guyyaan muraasi hafnaan hojiitti hiikuuf ka'an. Kun siyaasaaf akka ta'e beekamaadha,'' dursaan paartii morkataa All India Trinamool Congress jedhamuu Mamata Banerjee.
Hoogganaan kominikeeshinii paartii Kongiresii Biyyaalessaa Indiyaa (Indian National Congress) Jairam Ramesh ''yeroo kanatti seerri kun akka hojiirra oolu murteessuun siyaasa sobaa fi fakkeessaa Ministira Muummee ifatti kan mul'isuudha,'' jedhan.












