Erga filannoo AU mo'ameen booda hireen Odigaa maal ta'a? Siyaasa Keeniyaaf maal akeeka?

Raayilaa Pirezidantii Keeniyaa ta'uuf marsaa shaniif dorgome garuu itti hin milkaa'ee hin beeku.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Waggoota 40 darban keessatti yeroo siyaasni Keeniyaa ka'u maqaan Raayilaa Odingaa osoo hin ka'iin hin hafu.

Hoggantoonni Afrikaa Ministira Dhimma Alaa Jibutii Mahaammud Alii Yusuuf dursaa Komishinii Gamtaa Afrikaa (AUC) gochuun filateera. Dippilomaatiin Jibutii kun Ministira Muummee duraanii Keeniyaafi nama siyaasaa buleessa Raayilaa Odingaa qabxii itti dhiyaatuun morkataa ture mo'achuun darbe.

Mahaammud Alii Yusuuf dorgommii marsaa 7ffaa irratti sagalee 33 argachuun mo'ate.

Filannoo Sambata waajira muummee Gamtaa Afrikaa Finfinneetti argamutti gaggeeffameen, Odingaan marsaa jalqabaa lamaan irratti dursaa turus gara marsaa dhumaarratti Ministira Dhimma Alaa Jibutiin caalameera.

Mahaammud Alii Yusuuf pirezidantota gara garaa sadii jalatti waggoota 20 oliif ministira dhimma alaa Jibutii ta'uun tajaajileera.

Namni siyaasaa buleessi umuriin isaa wagga 80 ta'e Raayilaa Odingaan ammoo umurii isaa gar-tokko siyaasa Keeniyaa keessatti dabarseera.

Waggoota 40 darban keessatti yeroo siyaasni Keeniyaa ka'u maqaan Raayilaa Odingaa osoo hin ka'iin hin hafu.

Pirezidantii Keeniyaa ta'uuf marsaa shaniif dorgome garuu takkaallee itti hin milkaa'ee hin beeku.

Dorgommii filannoo bara 1997 irraa kaasee jalqabe hanga filannoo pirezidaantummaa Keeniyaa bara 2022 gaggeeffamee Wiliyaam Ruutoon mo'ameetti marsaa hundarratti dorgomaa cimaa ta'ee dhiyaataa tureera.

Karaa filannoo AUC siyaasa Afrikaa keessa seenuun namoota tokko tokko biratti siyaasa Keeniyaa akka cimsuu danda'utti ilaalu. Gama biraan ammoo filannoo kana mo'amuun isaa dhiibbaa inni siyaasa Ardichaa keessatti qabaatu hir'isa, akkuma kana ammoo dhiibbaan mo'amuu kanaa siyaasa Keeniyaa keessatti dhiibbaa uumu mataasaa ni qabaata jedhu.

Amma filannoo waliigalaa Keeniyaa 2027 gaggeeffamu dhiyaachaa jira. Kanaaf, Odingaan hiree siyaasa Keeniyaa keessatti qabu umurii isaa ilaalcha keessa galchuun dhimmee yaaduu qaba kanneen jedhan akkuma jiran, kanneen akka kanaan dura nama siyaasaa dhiibbaa uumu kan deeggartoonni isaa hedduun fudhatan ta'ee itti fufuu dhiisuu danda'a jedhanii yaadu.

Kan amma akka 'michuu' siyaasaa isaatti yaaduufi dursaa AUC amma keessaa kufe kanatti filamuuf tumsaa ture pirezidant Wiliyaam Ruutoo waliin bara 2017 dorgomee Isteet Hawus seenuudhaaf carraa dhumaa tokko qabaachuu danda'a ta'a.

Hariiroo Odingaan Pirezidant Ruutoo waliin qabu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Morkii siyaasaa cimaa kanaan dura gidduusaanii jiruufi filannoo waliigalaa 2022 tureen booda Odingaa fi Pirezidant Ruutoon deebiyanii harka walqabatu jedhamuu yaadamuu dhiisuu danda'a.

Dubbiin Pirezidant Ruutoo fi Odingaa 'waan eelee tokkotti' bilcheeffatan hin fakkaatu jedhu warri dhimma kana xiinxalan.

Filannoo AUC mo'achuurratti garuu tarsiimoo waloo ta'erratti dubbachaafi hojjechaa turaniiru.

Odingaan filannoo AUC mo'achuudhaaf deeggarsa pirezidant Ruutoo fi mootummaa isaa akka barbaadaa ture ifadha. Filannicha mo'achuudhaaf Pirezidant Ruutoo akka qama imalasaa gargaaruutti fudhachuun ala filannoo biraa hin qabu ture Raayilaa Odingaa.

Siyaasa Afrikaa keessatti Keeniyaa bakka akka qabaattuufi cimtuu akka taatuuf Pirezidant Ruutoon Odingaan akka mo'atu ni barbaada ture.

Namoonni gariin ammoo akka biraan ilaalu. Innis Odingaan akka mo'atuuf kan barbaadameef, filannoo itti aanu kan Pirezidant Ruutoon marsaa lamaffaaf dorgomuuf fedhii akka qabu akeekan keessatti cimina mormitootaa laaffisuuf jedhu.

Egeree mormituu Keeniyaa keessatti

'Keeniyaa keessatti mormituun Raayilaa Odingaadha, Raayilaa Odingaa Keeniyaa mormituudha.'

Gaggeessitoonni paartilee mormitootaa baayyeen jiraatanillee, humna mormituun mootummaarratti qabu waakkachuu hin dandeessu.

Dhiibbaa inni qabu mormitoota akka cimoo ta'an taasisa. Sodaan namoota baayyee, filannoo AUC irratti mo'amuun booda humni mormituu kanaa hoggansa Odingaa jalatti qaba ture Keeniyaa keessatti itti fufuu danda'aa? Kan jedhudha.

Morkattoonni isaa filannoo AUC irratti injifatamuu isaatiif isatti quba hin qabanii? Umuriin isaa yeroo filannoo wagga lama booda gaggeeffamutti 82 guutu akkuma jirutti ta'ee, filannoon hoggansa ardichaa mo'achuu dadhabuun fudhatamummaa isaa hir'isuun waan hin oolledha.

Akkasumas ta'ee yeroo filannoo waliigalaa itti aanutti deemamaa jiru kanatti carraa mormitoota Keeniyaa gaggeessuu qabaachuu mala, garuu 'michummaan' inni dhiyeenya Pirezidant Ruutoo waliin qabu mormitoota raasaa jira. Sababiin isaas mormitoonni hunduu hariiroo qabaachuu isaaniitti gammadoo miti.

Yeroo duula filannoo Keeniyaa darbe wal dorgomaa turanitti, Ruutoon 'dullacha keessi isaa hin beekamne' kanaaf carraan gaggeessuu kennamuufiif hin qabu jechaa ture. Filannoo AUC ammaa kanarratti garuu isa jajachaafi deeggaraa ture.

Ministirri muummee duraanii Keeniyaa kun akkuma Ruutoo waliin walitti dhiyaataniin itti fufaa? Yoo akkas ta'e ammoo siyaasa Keeniyaa keessatti maal akeeka?

Adaduma dhiyaataa deemuun hubataa deemna.

Sarara

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.