Hoggantoonni Awurooppaa ejjennoon Tiraap isaan yaaddesse dhimma Yukireen irratti kora atattamaa taa'uuf

MM UK Istaarmer fi Pirezidantii Faransaay Maakroon

Madda suuraa, Getty Images

Hoggantoonni Awurooppaa dhimma waraana Yukireen irratti torban dhufu walga'ii atattamaa ta'uuf. Walga'ii kana taa'uun kana barbaachiseef ammoo US marii nagaarratti addatti Raashiyaa waliin qofa itti deemaa waan jirtuuf ardittii diidatti hambisa yaaddoo jedhuuf deebii kennuufidha.

Kora Paarisitti gaggeeffama jedhame kanarratti akka argama kan eegamu MM UK Sir Kiir Istaarmer, "nageenya biyyaalessaa keenyaaf kun dhaloota tokko keessaa takkaa kan mudatudha" jechuun, Awurooppaan NATO keessatti gahee caalu qabaachuu akka qabu ifadha jedhan.

[Deemsi US kun Awurooppaatti shakkii uumuu kan jalqabe] ergamaan addaa Doonaald Tiraamp Yukireen deeman marii US fi Raashiyaan waraanicha dhaabuuf taasisan kamiyyu keessatti hoggantoonni Awurooppaa mariisifamuu danda'u garuu keessatti hin hirmaatan jechuu isaanii hordofeeti.

Aanga'oonni olaanoo Waayit Hawus guyyoota dhufan keessa bakka bu'oota marii araaraa Raashiyaa fi Yukireen Sa'ud Arabiyaa keessatti arguudhaaf jiru.

Ergamaan Addaa US Kiiz Keloog dubbii Yukireeniifi michootashee biratti yaaddoo kaasa jedhame taasisaniin, mariin araaraa kanaan dura turan sababa qaamileen hedduun keessatti hirmaataniif hin milkaa'iin hafe jedhan.

"Akka boronqii gabatee gurraaachaarraa sana fakkaachuu danda'a, xiqqoo nyaatamaa deemuu danda'a, garuu ani garuu waan dhugaa ta'en isinitti himuu barbaada," jedhan dubbii Sambata dubbataniin ergamaan addaa US kun.

Sir Kiir Ismaarter gahee Ameerikaa fi Awurooppaa walitti fiduun nagaa Yukireen keessatti tokkummaadhaan akka uumamu gochuu keessatti qabaachuu danda'u akka jiru hubataniiru.

MM UK kun dhuma ji'a kanaa wayita Waayit Haawus daawwatanitti ilaalchi hoggantoota Awurooppaa maal akka ta'e pirezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp waliin ni mariyatu.

Erga Sir Kiir Ismaarter Waashigitenirraa deebiyanii ammoo Pirezidantii Yukireen Volodmiir Zeleniskii dabalatee hoggantoota Awurooppaa waliin dabalataan kan gaggeeffamu ta'a.

"Yaaddoo Raashiyaa irraa dhufuun dhugaa addunyaarra jiru dura akka har'aa kan dura itti dhaabbanne kun yaaddoo nageenyaa biyyaa keenya dhaloota tokko keessaa takkaa mudatudha."

"Egeree Yukireen amansiisaa gochuuf US waliin hojjechaa wayita jirruufi yaaddoo Raashiyaarraa nutti dhufe dura dhaabbachaa, Awurooppaan NATO keessatti gahee caalaa qabaachuun isaa amma ifadha."

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Zeleniskiin dubbii Sambta ganama taasisaniin, Ameerikaan kana booda ardii kana gargaaruu dhiisuu dandeessi jedhamee yaaddoon dabalaa dhufuu isaatiin, waraana Awurooppaa'' akka uumamu gaafataniiru.

Konfiraansii Nageenyaa Muuniik irratti haasawa taasisan kanaan, dubbiin itti aanaan pirezidaantii Ameerikaa J. D. Vaans dubbatan hariiroon durii Awurooppaa fi Ameerikaa gidduu jiru ''xumuramaa akka jiru'' fi ardiin kun ''sanaaf of qopheessuu akka qabdu ifa godheera jedhan.

Garuu jedhan Zeleniskiin, Yukireen ''hirmaannaa keenya malee waliigaltee dugda keenya duuba taasifamu gonkumaa hin fudhattu'' jechuun erga Tiraamp fi Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmir Puutiin marii nagaa jalqabuuf waliigalanii booda dubbataniiru.

Pirezidantiin Ameerikaa jalqaba torban kanaa hogganaa Raashiyaa waliin haasawa dheeraa akka taasisan fi mariin ''waraana fokkisaa'' Yukireen keessatti gaggeeffamaa jiru dhaabuuf ''battalumatti'' akka eegalu beeksisaniiru.

Sana booda Tiraamp karoora isaanii Zeleniskiii beeksisaniiru.

Gaafa Sambataa Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets Maarkoo Ruubiyoonis ministeera haajaa alaa Raashiyaa waliin bilbilaan wal arganii dubbii bilbila Fulbaana 12 Tiraamp fi Puutiin gidduutti taasifame cimsaniiru.

Waamichi Tiraamp jalqaba torbee kanaa pirezidaantii Raashiyaa waliin taasisan callisa gara waggaa sadii Waashingitan fi Moskoo gidduutti ture cabseera.

Qondaaltonni olaanoo bulchiinsa Tiraamp guyyoota itti aanan keessatti mariisistoota Raashiyaa fi Yukireen waliin Sa'ud Arabiyaa keessatti marii nagaa akka jalqaban bakka bu'aan Ameerikaa Maayikeel Maakool dhaabbata oduu Rooyitarsiif ibseera.

Dura taa'aan koree dhimma alaa mana maree Maakool, Zeleniskiin marii Sa'uudii irratti akka hirmaatu affeeramuu isaa hubachuu isaanii ibsaniiru. Mariin kun "dhumarratti nagaa fiduu fi waldhabdee kana xumuruuf" Tiraamp, Puutiin fi pirezidaantii Yukireen waliin walgahii qopheessuuf kan kaayyeffate ture.

Guyyaa tokko dura Vaans balaan guddaan ardii kana mudate Raashiyaa fi Chaayinaa osoo hin taane, ''keessa irraa'' ta'uu ibsuun, biyyoota dimokiraasii Awurooppaa irratti haleellaa guddaa banee ture.

Haasaa Konfiraansii Nageenyaa Muuniik irratti taasisaniin, sarara bulchiinsi Tiraamp Awurooppaan ''humna ittisa mataa ishee guutuuf karaa guddaa tarkaanfachuu qabdi'' jedhu irra deebi'aniiru.

Deevid Laamiin biyyoonni UK fi Gamtaa Awurooppaa humna ittisa irratti baasii dabalataa baasuu akka qaban kan dubbatan yoo ta'u, Yukireen keessatti nageenyi mariidhaan yoo uumamellee Awurooppaan "gaaffiin jiraachuu" ishee mudateera.

BBC

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.