Itti aanaan pirezidaantii Ameerikaa ajandaa Yukireen dhiisee Awurooppaa irratti duule

Madda suuraa, Getty Images
Konfiraansiin Nageenyaa Muuniik (MSC) bara kanaa adda durummaan waa'ee lama irratti xiyyeeffachuu qaba ture: waraana Yukireen dhaabuu fi Awurooppaan baasii ittisaaf qabdu akkamitti akka guddistu.
Garuu konfiraansicharratti kan dubbate itti aanaan pirezidaantii Ameerikaa JD Vaans, waa'ee lamaan kana hin tuqne.
Inumaayyuu, Biriteen dabalatee michoota Waashingitan irratti duuluun bakka bu'oota rifachiisan.
Vaans biyyoonni kunneen odeeffannoo dogoggoraa, odeeffannoo sobaa oofan akkasumas mirga walabummaa danqan jechuun balaaleffate.
Haasaan inni daqiiqaa 20'f taasise miira hin baramin kakaase- bakka bu'oonni galma keessa turan callisanii ilaalaa turan.
Qoosni inni shamarree Awurooppaan jijjiirama haala qilleensaa irratti duula geeggessitu Gireettaa Tenberg fi Iloon Maask waliin wal fakkeesses kolfa tokkollee fiduu hin dandeenye.
"Ameerikaan arrabsoo Gireettaa wagga 10'f yoo dandamatte, isaniis ji'oota muraasaf Iloon Maask obsuu dandeettu." Jedhe.
Mootummoonni Awurooppaa yaaddoo lammileensaanii godaansaa fi bilisummaa dubbii irratti qaban tuffachuun, kaayyoosaa durii dhiisee jechuun himate.
Haasaan Vaansi baayyee hamaa ture - shakkii tokko malee hamaadha. Innis haala adda ta'een kan yeroosaa eegatee miti.
Garuu eenyuuf kaayyeffate?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Jechii sun hundi fayyadama biyya keessaaf ture."jedha yaada kennaan tokko.
Haasaa kanaan booda garuu Itti aanaan pireezidaantii kun pirezidaantii Yukireen Volodymyr Zelensky waliin wal arganiiru.
Lamaan isaanii "haasawa gaarii" taasisan, akka Zelenskiin jedhutti, inni "kun walgahii keenya isa jalqabaa malee dhumaa miti." jedheera.
Hogganaan Yukireen kun akkaataa "Puutiin dhaabanii fi waraana xumuran" irratti mari'achuuf Waashingitan fi Kiiv caalaatti waliin dubbachuu fi hojjechuun barbaachisaa ta'uu cimsanii dubbataniiru.
"Nagaa baay'ee barbaanna. Garuu wabii nageenyaa dhugaa ta'e barbaanna," jechuun dabalaniiru.
Akka prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp jedhanitti, prezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiinis nagaa barbaada. Garuu nagaan sun fedhiisaa irratti hunda'a.
Kunis dhoksaadhaan yoo jijjiirame malee, waliigalteen kamuu gaaffii Raashiyaa fi naannooleen Yukireen gara Moskootti cituu kan dabalatudha.
Haasaan Vaansin dura, Pirezidaant Tiraamp, daangaan Yukireen bakka weerara Raashiyaan jalqabaa bara 2014 dura ture deebisuun hin danda'amu jedhee ture.
US abdii Kiiv NATO'tti makamuuf qabdus dhabdee loltoota Ameerikaa achiitti erguu hambise.
Bakka bu'oonni Muuniik keessatti argaman Sambata waraana Yukireen irratti xiyyeeffachuuf karoorfameera.
Garuu sodaan hoggantoonni Awurooppaa qaban, Doonaald Tiraamp Yukireen ariitiin waliigaltee nagaa argachuuf Puutiin waliin walii galuu.
Kunis Puutiin akka injifatu godhee, cimee , Awurooppaa keessatti lafa dabalataa qabachuuf akka karoorfatu godha.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












