Waraana Yukireen dhaabuufi Puutin waliin marii dheeraa fi bu'aa qabeessa goonera - Tiraamp

Madda suuraa, EPA
Pirezidaantin US Doonald Tiraamp waraana Yukireen dhaabuuf pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin bilbilaan mariyachuu beeksisan.
Puutiin waliin marii "dheeraafi bu'a qabeessa" taasisuu kan himan Tiraamp waraana Yukireen dhaabuuf marii eegaluufis walii galuu dubbatan.
Fuula miidiyaa hawaasaa kansaanii ta'e 'Truth' irratti Tiraamp: "pirezidaantii Raashiyaa garee keenya lachuu hatattamaan marii akka eegaluuf walii galaniiru" jechuun lamaansaanituu biyya walii daawwachuuf affeerraa waliif gochuu beekisan.
Pirezidaatin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiinis dhimma waraana dhaabufi bifa ittiin nagaan amansiisan dhufurratti Tiraamp waliin dubbachuu beeksisan.
Minsitiirri Ittisaa US ammoo Yukireen NATOtti dabalamuufi daangaa bara 2014 dura jalaa fudhatame deebisuun abjuu milkaa'uu hin dandeenye akka dubbatan.
Zeleniskiin gamasaanin bori Jarman magaalaa Muunikitti kora ittisaa taa'amurratti akka argamaniifi ittaanaa pirezidaantii US JD Vaansifi ministiira dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo waliin wal-arguun akka dubbatan beeksisan.
Tiraamp miidiyaa hawaasaa irratti: "Waraana jibbisiisaafi barbaachisaa hin taane, duutifi mancaatin itti hammaate yeroo itti dhaabsisaniidha. Waaqayyo uummata Raashiyaafi Yukireen haa eebbisu!" jedhan.
Tiraamp Waayit Haawusitti gaazexeessitootatti yeroo dubbatan, Puutin wajjin Saawudii Arabiyaatti wal-arguuf akka jiran himan.
Dubbi himaa mootummaa Raashiyaa kan ta'an Dimiitirii Peeskoov ammoo, Puutin yaada Tiraamp akka deeggaraniifi waliin hojjachuufis fedhii akka qaban ibsan.
Tiraampifi Puutin sa'aatii tokko kan ta'uuf bilbilaan kan haasa'an yoo ta'u, Traamp Raashiyaa akka daawwataniif affeerraa gochuufis ibsan Dimiitirii Peeskoov.
Yukireen daangaa bara 2014 Raashiyaan irraa fudhatte deebistee argachuun waan milkaa'uu hin dandeenyefi Yukireen NATOtti dabalamuunis waan milkaa'uu hin dandeenye ta'uu himan Tiraamp.
UKn ammoo haleellaa irratti gaggeeffamu akka qolattuuf deegarsa waraanaa Yukireenif ittuma akka fuftu beekisfte.
Pirezidaantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin 'Yukireen osoo hin hirmaachisiin Raashiyaa waliin marii gaggeessuun milkii akka hin qabaanne' irra deddeebin dubbataa turan.
Tiraamp waliin karaa bilbilaa marii taasisaniin dhimmoota heddurratti gadi fageenyan dubbachuu himan.
"Yukireen caalaa nagaa kan barbaadu hin jiru," jechuun US waliin ta'uun nagaa waraaafi itti fufiinsa qabuu fiduuf akka hojjatan dubbatan.
The Guardian Kibxata darbe akka gabaasetti, Yukireen daangaaa Raashiyaa qabatte gadhiistee Raashiyaan ammoo Yukireen keessaa akka baatu Zeleniskiin dubbataniiru.
Dubbi himaan Puutin garuu kuni "waan hin danda'amneedha" jedhan.
"Raashiyaan waa'ee daangaashee jijjiiruu dubbattees hin beektu, hin mariyattus, Loltoonni Yukireen haleelamanii bahu," jechuun dubbatan Dimitirii Peeskoov.












