Yaa'ii Gamtaa Afrikaa irratti MM Abiy fi Barreessaan Olaanaa UN maal jedhan?

Madda suuraa, Fana/AU
Yaa'iin Gamtaa Afrikaa 38ffaa guyyaa lamaaf turu magaalaa Finfinneetti taa'amaa jira.
Yaa'ii kana irratti keessummoota argaman keessaa tokko Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) Antooniyoo Guutireezidha.
Guutireez, Gamtaan Afrikaa hanga Mana Maree Nageenyaa UN keessaa taa'umsa argattutti cimnee hojjenna jedhan.
''Gamtaa Afrikaa fi UN hanga ammaatti hariiroo jabaa qabaatanii hin beekan. Jaarraa 21ffaa keessatti Afrikaan teessoo dhaabbata Mana Maree Nageenyaa UN keessaa dhabuun sababa kamiinuu ibsamuu hin qabaatu. Kana dhugoomsuuf nan hojjedha'' jedhan Gutireez.
Dabalataan, Afrikaan ardii dargaggoota hedduu qabdudha. Daldalli bilisaa ardicha keessatti hojiirra oolchuun guddina dinagdeef hedduu murteessaadha jechuun dubbatani.
Dhiibbaa kolonii fi daldala garbaa Ardii Afrikaa hedduu miidhuu kan himan Gutireez gamtichi sagantaa ''bakka dhalootatti deebisuu'' jalqabe cimsee hojjechuu qaba jerdhan.
Akkasumas, qormaata ardicha mudataa jiru keessaa waraana Sudaanii fi DR Koongoo kaasaniiru.
''Sudaan osoo ilaalluu ija keenya duratti waraanaan miidhamaa jirti. Hawaasni addunyaa meeshaalee waraanaa dhiiga dhangalaasan akka gara sana hin galleef hojjechuu qabu.
''Waraanni DR Koongoo keessaa karaa kamiinuu dhaabbachuu qaba. Furmaanni karaa waraanaa dhufu tokkoyyuu hin jiru,'' jedhan.
Gutiireez dhukaasni Sudaanii fi DR Koongoo keessaa hatattamaan dhaabbachuu akka qabu dhaamani.
Dubbii isaanii keessatti waliigaltee dhukaasa dhaabuu Israa'elii fi Hamaasiis eeraniiru.
'Waliigalteen dhukaasa dhaabuu dhaabbataan guutummaan hojiirra ooluu qaba. Waraanni dhaabbachuu qaba. Namoonni butaman gadhiifamuu qabu,' jechuunis himani.
Furmaata kan tahu waliigaltee mootummoota lameen gidduutti taasifamutti deemudhas jedhan.
Filisxeem mootummaa walabaa tahuun Israa'el waliin nagaa buusuuf ooluu akka qabu akeekan.
Afrikaan dammaquu qabdi - MM Abiy
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
MM Itoophiyaa Abiy Ahimed yaa'ii Gamtaa Arfikaa 38ffaa irratti Afrikaan dhiibbaa fi miidhaa bara kolonii irra gaheef haqa argachuu akka qabdu himani.
MM Abiy rakkoo Afrikaaf falaasamni ''Ida'amuu'' isaan bulchiinsa isaanii keessatti itti fayyadamaa jiran furmaata jechuun Gamtaa Afrikaaf dhiyeessan.
Itoophiyaan badhaadhina mirkaneessuuf kutattee kaateetti. Kanaaf ammo falaasama biyya kanatti dhalate - ''Ida'amuu'' hojiirra oolchiteetti jedhan MM Abiy.
Tokkummaa, badhaadhina, dimokiraasii fi eegumsa naannoo ardichaa jabeessuuf falaasama gargaaru tahuu himan.
Dabalataan, teeknoloojii dandeettii nam-tolchee AI Afrikaan qixa sirriin itti fayyadamuu qabdi jedhan.
AI yoo sirriitti hojiirra oolchine walitti bu'insa hanbisuuf, bulchiinsa iftoomina qabu diriirsuuf fi guddina dinagdee hammataa tahe fiduuf gargaara jedhan.
''Haa tahu malee, walabummaa daataa keenyaa eeguu qabna. Karaa Afrikaaf toluufi duudhaa Afrikaa ibsuun hojiirra oolchuu qabna.
''Afrikaan dammaqinaan guddina teeknolojii AI [Hubannoo Nam-tolchee] keessatti hirmaachuu qabdi,'' jedhan.
Yaa'iin Gamtaa Afrikaa dura taa'aa Gamtichaa filachuun xumurama.
Kaadhimamtoonni lammii Keeniyaa Raayilaa Odiingaa, kan Jibuutii Maahamuud Alii Yusuuf fi kan Maadaagaasikaar Riichaard Raandiraayaamaandiraatodha.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












