Galma Tokkummaa Afrikaa haaromfamee fi MM Abiy eebbisiisan duuba seenaa akkamiitu jira?

Madda suuraa, PM Abiy Ahmed
Ministirri Muummee Abiy galma wayita Dhaabbati Tokkummaa Afrikaa (OAU) hundaa'e ijaaramee fi amma haareffame eebbisiisaniiru.
MM Abiy Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti galma Komishinii Diinagdee Afrikaa kan haaromfames eebbisiisaniiru.
Sagantaan gamoowwan haaromfaman Finfinnee keessatti eebbisiisuu kun wayita Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) Antooniyoo Gutareez fi Pirezidantiin Konfedereeshinii Kubbaa Miillaa Afrikaa (CAF) Paatiriis Muteseeppee Itoophiyaa jiranitti raawwate.
Qabsoo waanjoo kolonii bulchiinsa warra adii irratti taasifame booda dureewwan biyyoota Afrikaa 32 bara 1963 yeroo jalqabaaf walga'uun Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa (OAU) hundeessan.
Teessoo isaa Finfinnee godhachuun kan hundaa'e jaarmiyaan kun biyyoonni Afrikaa walabummaa gonfatan akka jabaatan fi kanneen walabummaasaanii hin gonfannes akka waanjoo kolonii ofirraa darban gochuu kaayyeffatee hundaa'e.
Teessoon Gamtaa Afrikaa akkamiin Finfinnee ta'e?
Teessoon Jaarmiyaa Tokkummaa Afrikaa (OAU) Itoophiyaa ta'uun mootii Itoophiyaa sanaa, Haaile Sillaaseef, milkaa'ina guddaa ture.
Mootiin Haayile Sillaasee dura taa'aa jalqabaa OAU turan.
Seerota idiladdunyaa beekuun hojiirra oolchuu ilaalchisee yeroo sana adda durummaan eeramaa kan ture Haayile Sillaaseen, teessoon OAU Finfinnee akka ta'uuf qabsoon taasise laayyoo hin turre.
Haayile Sillaaseen haasaa bara 1936 kora Liigii Biyyoota Afrikaa (League of Nations) irratti taasise tokko keessatti Xaaliyaaniin Itoophiyaa weeraruu isheef hin adabamtu taanaan addunyaan dhiigaan faalamti jedhee dubbatee ture.
Achirraa eegalee kutannoo fi cihoominni inni biyyoonni Afrikaa akka walaboomaniif taasisu fudhatama argachuu eegale.
Jaarmiyaan OAU kunis adda ittiin akkaataa biyyoonni Afrikaa waanjoo kolonii fi jibba sanyummaa warra adii jalaa ba'an irratti falman ta'ee tajaajilaa ture.
Ammoo jaarmiyaadhumti qabsoo Afrikaanotaan ijaarame deebi'ee guboo abbootii irree ta'e, ofittummaadhaan laaqame.
Dureewwan biyyaa yeroo sana qabsootti turan aangoof jecha fedhii dhuunfaarratti waldhabuu eegalan.
Waan fedhe yoo dhufellee aangoo hin gadhiisnu jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hundeessitoota keessaa tokko kan turan Pirezidantiin jalqabaa Taanzaaniyaa Juuliyas Nyireeree jaarmiyichi ''dhababata daldalaa dureewwan biyyoota Afrikaatti geeddarameera,'' jechuun dubbatanii turan.
Bara 1990oota keessa jaarmiyaa kana keessatti jijjiiramni bu'uuraa akka barbaachisu ifa ta'aa dhufe.
Waraana, fonqolcha mootummaa fi dhiittaa mirga namoomaa hammaate dhaabsisuuf jijjiirama bu'uuraa gaafate.
Bara 2002 ajandaa haaraa nagaa fi dimokiraasii bu'uuressuurratti fuulleffate qabatee jaarmiyaan kun maqaasaas fooyyessuun Gamtaa Afrikaa (AU)tti geeddarame.
Ergasii Gamtaan Afrikaa seerotaa fi imaammatoota hedduu hojiirra oolcheera. Yoo jijjiiramni mootummaa karaa heeraan alaa uumame gamticha keessaa baasuu, walitti bu'iinsi karaa nagaan akka furamu tumsuu fi nagaa fi tasgabbii uumuurratti hojjeta.
Amajjii 2017 dura taa'aa Komishinii gamtichaa ta'uun aangoo kan qabatan ministirri muummee duraanii Chaad Muusaa Faqii Mahamaat aangoonsaanii goolabamaa jira.
Dhaabbati tokkummaa Afrikaa erga gara Gamtaa Afrikaatti geeddaramee hanga yoonaa dureewwan Afrikaa shan dura taa'ummaan tajaajilaniiru.
Bara jalqabaa, 2002-2003 (bara ce'umsaa) Ayivorii Koost irraa Amaaraa Esii, bara 2003-2008 Maalii irraa Alfaa Umar Komaaree, bara 2008-2012 Gaaboon irraa Jiyaan Piing, bara 2012- 2017 Afrikaa Kibbaa irraa Kosaazaanaa Laamiinii Zuumaa fi bara 2017 hanga ammaatti ammoo Muusaa Faqii Mahamaat bulchaniiru.
Gumaacha Looreet Tsaggaayee Gabra Madihin fi Yaaddessaa Zawugaa Booji'aa

Madda suuraa, Yaddi Bojia
Dhaabbati Tokkummaa Afrikaa (OAU) wayita hundeeffamu faaruu alaabaa dhababatichaa kan barreesse Looreet Tshaggaayee Gabra Madhiin.
Faaruun kun bara 1968 dhaabbata kanaan fudhatama argate.
Bara 2002 Dhaabbati Tokkummaa Afrikaa wayita gara Gamtaa Afrikaa (AU) geeddaramus faaruun kun ittuma fufe.
Walaloon faaruu Gamtaa Afrikaa erga Looreet Tsaggaayee Gabra Madihiiniin barraa'ee booda muuziqaasaa kan qindeesse ammoo lammii Keeniyaa Artar Mudogo Kemoli yoo ta'u innis bara 1986 ture.
Ergaan faaruu kanaa seenaa qabsoo, walabummaa, of danda'uu, humna namaa, tokkummaa, haqaa fi abdii Afrikaa kan of keessaa qabuudha.
Akkasumas akkamiin miira koloneffatamuu keessaa akka ba'anii fi hojjettoonni Ardii Afrikaa keessa jiran marti akkamiin miira tokkummaan akka socho'an kan ergaa dabarsuudha.
Alaabaa Gamtaa Afrikaa ammoo kan boce Yaadessaa Zawugaa Booji'aati. Innis hojiirra kan oole Amajjii 2010 irraa eegaleeti.
Yaaddessaa Booji'aa weellisaa, ogeessa fakkii fi Giraafiks Dizaayinara. Ogummaa qabutti fayyadamees mirga dhala namaaf qabsaa'a.
Sarbama mirga namoomaa Oromoo dabalatee sabaafi sablammoota Itoophiyaa keessa jiran akkasumas sarbama mirgaa Ameerikaa keessatti gurraachota irra gahu balaaleffachuun hojiilee gara garaa hojjeteera.
Yaaddessaan alaabaan inni hojjete hojii dizaayinaroota guutuu addunyaa 116 keessaa dorgomee injifachuu isaa BBCtti himee ture.
"Akkan injifadhu kan na taasise ergaa isaati. Magariisni Afriikaan qabeenya uumamaan badhaatu ta'uushee mul'isa, urjiileen biyyoota kan bakka bu'an yoo ta'u aduun ammoo Afriikaan kolonii jalaa baatee ofiin of bulchaa jiraachu ishee mul'isa," jedhe Yaaddessaan.
Injifachuu isaatiin doolaara 10,000 akka argatee fi hoggantoota biyyoota Afriikaa 54 waliin wal-arguuf carraa argachuusaa kan dubbatu Yaaddessaan, qarshii argate caalaa seenaa hojjetetti akka boonu himee ture.












