Aangoo, miindaa fi faayidaaleen Dura Taa'aa Gamtaa Afrikaa maal fa'i?

Musaa Faakii Mahamaat bara aangosaanii marsaa lamaa xumuruudhaan eddoosaanii dura taa'aa haaraatti dabarsuuf har'a filannoon ni gaggeeffama.
Aangoonsaanii kan xumurame Musaa Faakii Mahamaat bakka budhaaf ammoo lammiin Keeniyaa Raayilaa Odiingaa, Ministirri dhimma Alaa Jibutii Maahamud Alii Yusuuf fi ministirri dhimma alaa Maadagaaskaar duraanii Riichaard Raandiraayaamaandiraato ni dorgomu.
Filannoon dura taa'aan Komishinii Gamtaa Afriikaa kan waggaa afuriin gaggeeffamu yoo ta'u, namni filatames aangoorra turu kan danda'ubara aabgoo dura taa'ummaa lamaatti waggaa saddeetiif qofaadha.
Filannoon dura taa'aa kanaatiif iccitiin sagalee kennuun kan raawwatamu yoo ta'u, namni injifatuuf biyyoota miseensaa 50 keessaa 36 ol irraa deeggarsa argachu qabaata.
Komishiniin Gamtaa Afriikaa teessoonsaa waajirra gamtichaa yoo ta'u, hojii idilee guyyuu gamtichaas ni dursa ni to'aata.
Itti gaafatamummaan dura taa'aa filatamaa ijoon maal fa'i?
Dura taa'aan Komishinii Gamtaa Afriikaa barreessaa olaanummaan alatti, bakka bu'aa seeraa gamtichaa yoo ta'an, bajata gamtichaa waggaa olaantummaan dursu.
Namni itti gaafatamummaadDura taa'aan Komishinii Gamtaa Afriikaa fudhatan kun, bulchaa fi hoji gaggeessaa gamtichaa ta'un tajaajilu.
Dura taa'aan kunis bajata gamtichaa biliyoonotaan lakkaa'amu qopheessuu qofa osoo hintaanee, itti gaafatamummaa bulchiinsaatis gahee hojiisaa keessaa tokko.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Damee dippilomaasitiinis dura taa'aan kaayyoowwanii fi fedhiiwwan Gamtaa Afriikaa waltajjiiwwan addunyaa irratti qabatee dhiyaachuuf itti gaafatamummaan kennameefiira.
Kanaafuu itti gaafatamaan waajjirichaa dhimmoota ardichaa adda addaa jechuunis yaa'ii Afrikaa- Ameerikaa, yaa'ii Afriikaa- Xaaliyaan fi yaa'iwwan gara biraa dhaabbata ardichaa ilaallata irratti hirmaachutu irraa eegama.
Kana malees, dura taa'aan ajangdaawwan ardichaa adda durummaan dursu. Eddoowwan aangoo ijoo komishinicha keessatti argaman irrattis aanga'oota ramaduuf aangoo qabu.
Dura taa'aan kun waliigaltewwanii fi seeroota Gamtaan Afriikaa raawwate simmachuun raawwachisuun irraa eegama.
Dura taa'aan kunis walgahiiwwan qaamooleen gamtichaa gaggeessan kan imaammatawwan, tarsimoo fi dagantaalee akkasumas pirojektoota gamtichaa waliin wal simu ta'u mirkanneessu.
Aangowwan dura taa'aa kanaa kan biraa ammoo, mootummoonni biyyoota miseensaa, dhaabbileen gara biraa fi hawaasa diingadee naannichaa waliin sochiilee gamtichaa irraa mari'achuu fi qindessuu akkasumas bakka bu'ummaa dippilomaasii gamtaa Afriikaa raawwachuu hammata.
Haata'u malee dura taa'aan kun dureewwan biyyootaaf itti gaafatamaadha. Kanaafuu gabaasaalee murtee biyyootaa fi gamtichaa akka kennan gargaaru qopheessinus gahee hojii aangoo kanaa keessaa tokko.
Miindaafi faayidaalee dura taa'aa Komishinii Gamtaa Afriikaa
Dura taa'aan dhaabbata Gamtaa Afriikaa yeroo itti aangoo fudhatee kaasee dippilomaatii olaanaa gamtichaa ta'udhaan biyyoota miseensaa, biyyoota addunyaa fi dhaabbilee ardichaa garaa garaa biratti dhaggeettii fi eddoo ni argatu.
Teessoon komishinii gamtichaa Finfinnee yoo ta'u, maqaa fi kabaja itti gaafatamummaa kanaan argataniin alatti hojii raawwataniif ofiisaaniifi maatiisaanitiif faayidaalee garaagaraa gamticha irraa argatu.
Dura taa'aan gamtichaa ji'aan mindaa doolaara 15,500 ol kan argatan yoo ta'u, ijollee yoo qabaatee ammoo tokkoon tokkosaaniitti deeggarsa doolaara 250, kiraa manaa, ibsaa fi bishaaniif ji'aan doolaara 6,000 ramadameefiira.
Akkasumas ijoolleen dura taa'aan gamtichaa Afriikaa keessatti barnotasaanii kan hordofan yoo ta'e baasiinsaanii gutummaan kanfalamaaf. Awurooppaafi kaaba Ameerikaatin alatti kan baratan yoo ta'e ammoo akkasuma baasiin isaanii guttummaan kan kanfalamuf ta'u ittiin bulmaanni gamtichaa ni agarsiisa.
Yoo ammoo Awuroppaa ykn Kaabaa Ameerikaatti kan baratan ta'e waggaatti baasii barnootaatiif tokkoon tokkoo ijoollee doolara 15,00 ni kafalamaaf. Kana malees, Ijoollee dura taa'aa ardiin ala jiraataniif kiraa manaasaanitiif kanfaltiin ni taasifamaaf.
Kaadhimamtoonni dorgoman maal raawwachuuf waadaa galan?
Kaadhimamaan Keeniyaa Raayilaa Odiingaa, kan Jibuutii Maahamuud Alii Yusuuf fi kan Maadaagaasikaar Riichaard Raandiraayaamaandiraato, osoo aangoonni Komishinarummaa kennameef maala hojjachuu akka barbaadan tarreedhaan duula na filadhaa irratti dubbataniiru.
Duula kaadhimamtootaa irraa hubachuun akka danda'ameetti, osoo aangoo kana argatanii aardittiitti nagaafi tasgabbii fiduuf, dhaabbata cimaa ijaaruufi dhimmoota diinagdee irratti xiyyeeffachuu hojjachuuf karoorsan.
Odiingaan yoo Komishinara Gamtaa Afriikaa ta'un filataman tokkummaa ardii, tasgabbiifi nageenyi akka jiraatu hojjachuuf waadaa seenan.
Kaadhimamaan Jibuutii Maahamud Alii Yusuuf ammoo nageenyaafi tasgabbii irratti akka xiyyeeffatan, guddina bu'uraalee misoomaa fi diingadee irratti akka hojjatan akkasumas dandeettii dhaabbataa guddisuu irratti akka xiyyeeffachu hojjatan ibsan.
Haaluma walfakkaatuun kaadhimamaan Maadaagaaskaar Riichaard xiyyeeffannaan isaanii guddaan dhimmoota siyaasaa fi nageenya Afrikaa furuu akka ta'e dubbatan.
Nagaa waaraa mirkanneessuuf bu'uurri murteessaan maddeen tasgabbii dhabiinsaa furuu fi dhaabbilee cimoo ijaaruudha kan jedhan Odiingaan, kana mirkanneessuuf xiyyeeffannaan akka hojjatan dubbatan.
Kaadhimamaan Jibuutii gamasaanitiin, imaammatawwan misooma magariisaa cimsuu, Afriikaan waltajjii addunyaarratti eddoo maluuf akka argattu taasisuu, imaammata barnoota Afriikaa deeggaruun xiyyeeffannaa saanii akka ta'u beeksiisan.
Keessattuu ammoo Afriikaa ardii dargaggootaa taateetti imaammatawwan hojii uumuun wal qabatan irratti hojjachuu kanneen na milkeessa jedhan keessaayi.
Raayilaan guddinni diingadee walitti fufaafi haqa qabeessa ta'e akka jiraatuuf akka hojjatan kan kaasan yoo ta'u, Afrikaanoon wal jijjirraa daldalaa guddiisuufi misooma bu'uraalee misoomaa saffisiisuu akka barbaadan kaasan.
Afriikaan akka gara faayinaansii kan of dandeesseetti dhuftuuf gaheen damee dhuunfaa akka guddatuu fi dhimmoota gamtichi dursa kennuuf deeggarsa faayinaansi akka taasifamuuf fedhii akka qaban beeksiisaniiru.
Walqixummaa korniyaa fi haqa qabeessuummaa mirkanneesuuf damee qonnaa hammayyeessuuf dameelee xiyyeeffannaa keessaa ta'us dabalun kaasan.
Kaadhimamaan Maadaagaaskaa gamasaanitiin, walitti dhufeenya gamtichi walta'insaa fi hidhatawwan biraa waliin akkasumas dhaabbilee gitaa waliin qabaatu keessatti yeroo hunda faayidaa Afriikaa eegsiisuuf akka hojjatan ibsaniiru.
Hummni namaa Afriikaa akka kan barri gaafatu ta'u gochuuf hojiiwwan hojjatandeeggaruudhaafi hojiiwwan walitti dhufeenya saffiisan akka raawwatan karoorasaanii beeksiisaniiru.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












