Hoogganoonni Baha Afrikaa dura taa'ummaa Komishinii Gamtaa Afrikaaf Raayilaa Odiingaa deeggaran

Madda suuraa, Raila Odinga
Filannoo dura taa'ummaa Komishinii Gamtaa Afrikaaf ji'oota booda Finfinneetti gaggeeffamuuf hogganoonni biyyoota Baha Afrikaa mormituu Keeniyaa Raayilaa Odiingaa deeggaran.
Guraandhala bara 2025 dhufu teessoo Gamtaa Afrikaa Finfinnee jirutti aangoowwan Komishinii gamtichaa saddeetiif filannoon ni gaggeeffama.
Aangoowwan dura taa'aa, itti aana dura taa'aa fi komishinaroota jahadha.
Gamtaan Afrikaa hireen aangoo dura taa'aa komishinichaaf dorgomuu kan biyyoota naannoo Baha Afrikaa akka ta'e ibseera.
Keeniyaan dorgommii kanaaf hoggana dhaaba mormituu yeroo dheeraa Raayilaa Odiingaa kaadhimummaan dhiyeessiteetti.
Pirezidant Wiliyaam Ruutoo ammoo Kibxata galgala hoogganoota biyyoota Baha Afrikaa kaadhimamuu Raayilaa deeggaran simataniiru.
Duula filannoo Raayilaa Odiingaa ifatti eegalame kana irratti Pirezidantiin Ugaandaa Yiwooree Museveenii, kan Taanzaaniyaa Samiyaa Suluuhuu kan Sudaan Kibbaa Saalvaakiir Mayaardiitiifi aanga'ootni olaanoo Burundii Ruwaandaa fi kaanis argamaniiru.
Pirezidant Ruutoon morkataa isaanii filannoo pirezidantummaa bara darbee Raayilaa Odiingaa aangoo Komishinii Gamtaa Afrikaaf kaadhimamuu hordofee keessummoota deegarsaaf argaman galateeffataniiru.
''Hogganaa biyya Baha Afrikaa hooggansa dhaabbata tokkummaa Afrikaa irraa qabaachuun abjuu keenya kan waloo ardii badhaatuufi walitti hidhamte uumuuf qabnu caalatti dhageessisuu dandeenya'' jedhan Ruutoon.
Raayilaa Odingaa yaada miidiya hawaasaa isaaniirratti maxxansaniin ''tajaajiluuf qophiidha'' jedhan.
Odiingaa waliin dura teessummaa komishinichaaf kan dorgoman Jibuutiirraa Mahaamuud Alii Yuusuuf, Moorishiyees irraa Aniil Gaayaan, akkasumas Madagaaskaar irraa ammoo Raandriimandiraatoodha.
Odiiingaan hanga ammaa deeggarsa biyyoota 19 argataniiru.
Odiingaan aango waggaa afuriif turuufi hiree irra deebiin filatamuu tokko qabu kana yoo argatan kaabinee isaanii namoota ilaalcha gaarii aardii Afrikaaf qabaniin akka ijaaran ibsaniiru.
Karoorasaanii yoo ibsan, ''Ammaan achi Afrikaa daangaafi afaan koloneeffattootaan gargar hin baanen abjoodha. Afrikaanotni cichoominaafi abdii hegeree ifaa dhaloota itti aanutti darbuun tokko ta'uu qabdi' jedhan.
Filannoon hooggansa komishinii Gamtaa Afrikaa yaa'ii Gamtaa Afrikaa Gurandhala dhufu Finfinneetti godhamu irratti raawwatama.
Raayilaa Odiingaa eenyu?
Raayilaa Odiingaa nama siyaasaa Keeniyaa umuriin waggaa 78 yoo ta'an, Yunivarsitii Teeknolojii Jarman keessatti argamu Maagdeburg irraa injinarummaan eebbifaman.
Paartii Aziimiiyoo La Umoojaa ijaaruun filannoo biyyaalessaa bara 2022 irratti Wiliyaam Ruutoo waliin dorgomanii turan.
Filannoon piresidantummaa bara 2022 Keeniyaa dorgommii filannoosanii shanaffaa ture. Ammoo takkaahuu injifatanii pirezidntii ta'uu hin dandeenye.
Odiingaan namoota siyaasaa Keeniyaa keessatti dimokiraasii paartii sabdaneessaaf qabsaa'an keessaa tokko turan. Sababii kanaatinis hidhamaniiru, baqaafis saaxilamanii ture.
Waggoota 10n dura MM ta'un tajaajilaniiru.
Odiingaan aangoorra wayita turaniitti, ibsaa baadiyaatti babal'isuuf ijaarsa daandiitiin akka milkaa'an himama.












