Dureen paartii mormituu Keeniyaa Raayilaa Odiingaa ‘yaaliin ajjeechaa narratti raawwatame' jedhan

Madda suuraa, Reuters
Ministirri Mummee duraaniifi dureen paartii mormituu Keeniyaa Raayilaa Odingaa konkolaataan isaanii rasaasa torbaan rukutamuufi yaaliin ajjeechaa irratti aggaamamuu dubbatan.
Raayilaan hiriira mormii farra mootummaa Kamisa kaleessaa waaman irratti ture kan yaaliin ajjeechaa irratti aggaamamuu himan.
Hiriira mormii Magaalaa guddoo biyyattii Naayiroobii, bakka Westlaand jedhamuutti gaggeeffame irratti poolisoonni isaaniifi hoggantoota paartii mormituu irratti kiyyeeffatanii akka turan ibsa miidiyaaf kennan irratti dubbataniiru.
Konkoolaataa isaa fi kan aanga’oota paartii mormiituu biraa irra polisootaan haaleellaan irratti raawwatame jedhan.
Dabalataanis hiriira mormii farra mootummaa gamtaa paartii mormituun waamamee kanarratti poolisiin gaazexxeessitoota irratti xiyyeefatameera jedhan.
Wayita kana dubbatanis madda oduu tajaajila Miidiyaa Rooyaal irratti haleellaa raawwachuuf karoorri qabamulleen kaasaniiru.
Hiriira mormii kanarrattis sarbama mirga namoomaa aanga’oonni qaqabsiisaa jira hawaasni addunyaa xiyyeeffannaa kennuufii dhabusaatti qeeqaniiru.
Moorummaa qaala’insa jireenyaa biyyattii keessati argamu akka fooyyeessuuf akkasumas foyyeessuu filannoo dabalatee gaaffileen gara biraa akka deebii’aniif Wiixata dhufaas hiriira mormii guddaadha jedhame akka gaggeeffamu dubbataniiru.
Mormii Kamisa kaleessaa turerratti gaazexessitoonni jaha kan madaa’an yoo ta’u, kanaanis erga mormiichi torban darbe eegalamee kaasee lakkoofsi gaazexeessitoota miidhaman 22 gaheera.
‘‘Keenyaatti erga yeroo dhihootiin as heleellaan gaazexessitoota irratti raawwatamaa jiru Ameerikaa yaaddeessaa jira. Bilisummaa pireesiifi nageenya eeguun bu’uura dimokraasiitii’’ jechuun ture Keeniyaatti Ambaasaadarri Ameerikaa Meegi Wiitimaan toora tiwitara isaanii irratti kan barreessan.
Raayilaa Odingaa fi gamtaan paartilee inni dursu, mootummaa qaala’iinsa jireenyaa dhaabuu hin dandenye akkasumas filannoon pirezidantii Ruuttoon ittiin injifatan kan wal dhahameedha jechuun ture baatiin dura mormiidhaaf kan waamicha taasisan.
Bu’aan filannichaa kan mama murtii olaanaa biyyattiin mirkaneeffame ta’ulleen, Raayilaan filannichi kan waliin dhahameedha jechuun tobaniitti guyyaa lama Wiixataa fi Kamisa hiriira mormii gaggeessuuf wamicha taasisan.












