Qondaalli Paartii Badhaadhinaa magaalaa Naqamtee Obbo Dassaalany Bokonjaa ajjeefaman

Madda suuraa, Nekemte Communications
Qondaalli paartii biyya bulchu, Paartii Badhaadhinaa, Obbo Dassaalany Bokonjaa Magaalaa Naqamteetti guyyaa Kamisa har’aa ganama balbala isaanitti ajjeefamuun ibsame.
Bulchiinsi magaalichaa ‘’balbala mana isaaniitti hojiif osoo bahanii qaama hin beekamneen ajjeefaman’’ jechuun ibsa gaddaa baase.
Obbo Dassaalany, umrii 33, Itti-gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa magaalaa Naqamtee ta’uun tajaajilaa turan.
Itti gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa ajjeechaa raawwateen gadduu isaanii dhaabichi ibsa baasen beeksiseera.
Ajjeechaa kanaafis ‘qaama hidhateetu’ raawwate jechuun paartichi himate.
BBC’n dhimma kana irratti odeeffannoo dabalataa argachuuf aangawoota magaalichaatti bilbiluus hin milkoofne.
Haa ta’u malee, magaalli Lixa Itoophiyaa, Naqamteen, magaalaa irra deddeebiin aangawoonni siyaasaafi nageenyaa keessatti ajjeefamaa turanidha.
Ajjeechaa kanaafis aangawoonni mootummaa qaama ‘Abbaa-Torbee’ jedhamuufi ‘damee hidhattoota Shanee’ ta’uu ibsaniin himatu.
Gareen ‘Abbaa Torbee’ jedhamu ajjeechaa aangawoota mootummaa hedduuf himatama.
Haa ta’u malee, ega yeroo dhihooti ajjeechaan akkanaa bal’inaan hin dhagahamu.
Duuni qondaala kanaa yeroo mootummaafi Hidhattooti Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan Shanee jedhu mariif fedhii qaban ibsanitti raawwate.
Dhimma ajjeechaa kana irratti wanti gama hidhattootaa jedhame hin jiru.
Akkamiin ajjeefaman?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Obbo Dassaalany ‘’kutannoofi quuqama olaanaan …. sodaa tokko malee’’ hawaasa tajaajilaa turan jechuun bulchiinsi magaalichaa ibseera.
Dameewwan bulchiinsa magaalattii garagaraarrattis tajaajilaa turan.
Qondaalli har'a ajjeefamuun isaanii ifa ta'e torbanuma kana marii gaggeessaa akka turan BBC'n gabaasa fuula kominikeeshinii magaalichaarraa odeeffateera.
Akkaataa ajjeechaa qondaala kanaa irratti poolisin ammatti waan jedhe jiraatu baatus bulchiinsi magaalichaa balbala mana isaaniitti ajjeefamuu ibse.
Paartiin Badhaadhinaa Oromiyaa gama isaatiin ‘’ganamaan gara hojiitti imaluuf wayita ka’anitti ajjeechaa gara jabinaa qaama hidhateen irratti raawwatameen addunyaa kanarraa du’aan boqataniiru,’’ jedhe.
Qaamolee kanneen raawwatan Obbo Fiqaaduun maqaan dhahuu baataniis ‘’faallaa imala jijjiirama biyyaa dhaabbatan,’’ jechuun ibsan.
‘’Jaallee fedhii fi faayidaa ummataa mirkaneessuudhaaf kutannoo guddaadhaan carraaqu tarkaanfii gara jabeeyyiitiin of biraa dhabuu keenyaan gaddi nutti dhagame ol’aanaa,’’ ta’u ibsan.
Waggoota muraasa darban keessumaa gama Lixa Oromiyaa hidhattooti sosso’anitti qondaaloti godinaafi aanaa dabalatee lakkoofsaan hedduu ajjeefamaniiru.
Ajjeechaa kanaafis poolisiin hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo kan Shanee jedhaniifi tarree shororkeessummaatti farrajame himatu.
Akkuma waraana kaaba Itoophiyaa mariin xumurame sochiin hidhattoota Oromiyaa keessaas mariin akka xumuramu qaamoleen garagaraa waamicha taasisaa jiru.
Ammatti mariin eegaluu baatus mootummaafi hidhattooti mari'achuuf fedhii akka qaban ibsaniiru.
Haa ta'u malee, qaami sadaffaa hidhattooti gaafatan irratti waliigalteerra gahamuun isaa ifa miti.
Lolaafi hookkara Oromiyaa keessatti waggoota muraasa darban adeemaa jiruun lammiileen hedduu lubbuu dhabaniiru, kuma dhibbaan kan lakkaa'aman buqqa'aniiru.
Hamma waraana kaaba biyyattii xiyyeeffannoo hin argatiin jira jechuun kanneen itti dhiheenyaan hordofan ni ibsu.












