Haala yeroo magaalaa Allaamaaxaafi komii jiraattonni kaasaa jiran

Magaalaa Allaamaaxaa

Madda suuraa, Social Media

Waraana Tigraay booda humnoonni Amaaraa raayyaa ittisaa Itoophiyaa waliin ta'uun naannolee Tigraay kan seenee ture yoo ta'u ammayyuu bakkeewwan to'atanii turan tokko tokko keessaa hin bahin jiru.

Keessumaa Lixaafi Kaaba Lixa Tigraayitti humni addaa Amaarafi humnoonni Faannoo bulchiinsa dhalattoota Tigraay hiraarsaa jiru jedhamuun komatamu.

Kibba Tigraayittis gidiraan uummatarra gahu yaddeessaa ta'aa dhufuu isaa jiraattonni naannichaa BBCtti himan.

Kantiibaan magaala Allamaaxaa kanaan dura aangorraa kaafaman haala achi jiru yaddeessaa ta'uu yoo himan Kantiibaan amma magaalattii bulchan himannaa kanaaf deebii kennaniiru.

Maaltu jiraattotarratti raawwate?

Jiraattuu magaala Allamaaxaa kan taate Nigist (maqaanshee nageenyasheef jecha jijjiirame) "jireenya dukkanaa" jiraataa akka jiran BBCtti himte.

Eenyummaarratti hundaa'un mana baruumsaafi dhaabbilee biroo keessatti rakkoon dhalattoota Tigraay irra gahu sadarkaa yaaddessaarra gahuu dubbatti.

"Qe'ee itti dhalanneefi lafa keenyarratti rakkoorratti kufnee jirra," jette.

Humni Addaa Amaaraafi hidhattoonni Faannoo naannoo Baarii Taklaayi jedhamu buufachuun, "Namni Tigree ta'e garana dhufuu hin danda'u. Dhalattoonni Tigraay lafa keenya irra ijjachuu hin qaban" jechuun namoonni heddu sababa eenyummaasaanin mana hidhaa akka jiran dubbatti Nigist.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jiraataan magaalaa Allaamaaxaa biraa nageenyasaaf maqaan isaa akka hin dhahamne gaafachuun BBCtti dubbate, eenyummaarratti hundaa'un jiraattota akka hiraarsan hime.

Bulchitoonni magaalattii dhiyeenya kana wal-gahii godhatan irratti "Daangaan bulchiinsa keenyaa Kaaban, Walloo hanga Baarii Taklaayi, Wag-himraa hanga aanaa Oflaa-Hgaumbirdaatti" jechuun daangaasaanii kabachiisuf humna dabalataa bobbaasuf walii galuu odeeffaannoo akka argate dubbata jiraatan kun.

Dabaluunis, "Amaaradha jennee akka of-waamnu nu dirqisiisu" jechuun magaalattii keessatti hacuuccan eenyummaarratti hundaa'e akka isaanirra gahu dubbata.

“Gara hojii ykn dhimma biraaf osoo deemtuu karaarratti yoo argamte qaama hidhate abbaa fedhetu si dhaaba. Maalan balleesse jetttee yoo gaafatte, 'ati Juuntadha' jedhee si hidha. Jirattoonni yoom hidhamnaa har'aa-bor yaadda'u," jedha jiraatan kun.

Kantiibaa Magaala Allaamaaxaa kan ta'an Obbo Hayilee Abarraa magaalattiin Naannoo Amaaraa Godina Walloo Kaabaa jalatti akka hammatamtu BBCtti himan.

Hanga karaa heeran furmaata argatutti magaalan Allamaaxaa bulchiinsa Naannoo Amaaraa jalatti buluu akka itti fuftu ibsuun, "Pirojektoota garaa garaa hojjachuuf mootummaan Naannoo Amaaraa bajata nuuf ergaa jira," jedhu Obbo Hayileen.

Jiraattonni magaala Allamaaxaa BBCtti akka himanitti raayyaa ittisaa biyyaa, humni addaa Amaaraafi poolisoonni magaalattii keessatti bobba'aniiru; warri Faannoo ammoo qarqara magaalaa jiru.

Raayyan ittisaa magaala keessafi magaalan alatti socho'aa osoo jiranii warri Faannofi humni addaa Amaaraa jiraattota [dhalattoota Tigraay] irratti gidiraaa yoo geessisan ilaaluu isaaniitti gadduu dubbatu jiraattoonni BBCn dubbise kuni.

"Tigree yoo taate, ykn dhalataa Tigree wajjin yoo wal-qunnamte hidhaatu si eeggata.... waanti magaalattii keessaa jiru dhalachuu kee si jibbisiisa," jetti Nigist.

Jiraattota Allamaaxaa qofa osoo hin taane kanneen Maqaleerraa ka'uun gara Finfinneetti darban irrattis eenyummaa isaanirratti hundaa'un gidiraan akka irra gahu himu.

"Humnaan dirqisiisanii naannon keenya Amaaradha jedhanii akka amanan taasisuuf hojjataa jiru," jedha jiraatan BBC dubbise.

Kantiiban magaala Allamaaxaa Obbo Hayileen ammoo humni hidhate Faannoo jedhamu magaalattii keessa akka hin jirreefi raayyan ittisaa humnoota nageenyaa Amaaraa waliin ta'uun bulchiinsa magaalaa jalatti nageenya kabachiisaa akka jiran BBCtti himan.

"Bakkeewwan waraanni itti gaggeeffametti rakkoon homaatuu hin jiru jechuun hin danda'amu. Kana kan raawwatan humnoota seeran alaa yuunifoormii raayyaa ittisaa, humna addaafi Faannoo uffatan ta'uu isaanii bira geenyerra. Tarkaanfii fudhataa jirra," jedhan Kantiiban magaala Allamaaxaa obbo Hayileen.

Kantiibaan duraanii humnaan kaafaman maal jedhu?

Obbo Yamaanan magaala Allamaaxaa keessatti bara 2007 irraa kaasee biiroo garaa garaa keessatti itti gaafatamummaa mootummaan itti kennerratti tajaajilaa akka turan dubbatu.

"Kantiibaa magaalattii kanan ta'e bara 2014 ji'a Bitootessaa keessa ture," jechuun amma humnoonni Amaaraa magalicha to'achuurraa kan ka'e achii akka bahan BBCtti himan.

"Humnoonni hidhatan amala uummataaf dhimmuu homaa hin qaban. Fedhiin isaanii lafa. Akkaataa qubsuma uummataa naannichaa jijjiruu, ajjeechaa, dhoksuu, qabeenya saamuufi yakkaawwan heddu raawwataa jiru," jechuun himatu Obbo Yamaanan.

Gidiraafi miidhaa jiraattorra gahu kana keessaa harka kan qabu hidhattoota qofa osoo hin taane dhalattoonni magaalattii muraasnis akka jiran dubbatu kantiiban duraanii kun.

"Caasan bulchiinsa magaalattii [Allamaaxaa] akkaataa mootummaan naannoo Amaaraa qopheessen deemaa jira. Bajanni idilee mootummaa federaalaa dhiyaataa waan hin jirreef kan naannoo Amaaraa irraa kennamaafi jira.

Walumaa galatti, caaseffamni bulchiinsa magaalichaa yoo ilaalamu ergama mootummaa naannichaa qaba," jedha.

''Waraqaan eenyummaa Tigraay irraa gara naannoo Amaaraatti jijjiiraa jiru''

"Eenyummaa keenya akka jijjiirrufi humnaan Amaaradha jennee akka amannu dirqisiifamaa jira," jechuun dubbatu Nigistifi jiraatan biraa BBC dubbise.

Magaalattii keessatti baruumsi Amaariffaan kennamaa akka jiruufi kitaabonni Afaan Tigriffaan turan Amaariffaan akka bakka bu'an godhamaa jiraachus kaasu dhalattoonni Tigraayi kun.

"Namoonni guyyaa guyyaan kokolaatan fudhatamanii reebamu. Yeroo hunda hiriira waamun 'Ani Amaaradha!' jedhi jechuun nu hiraarsu," jetti Nigist.

Jiraatan biraa ammoo yeroo ammaa kana magalattii keessatti waraqaa eenyummaa jiraattotaa naannoo Tigraay kan turerraa gara naannoo Amaaratti jijjiramaa akka jiru ibsa.

"Waraqaan eenyummaa 'Naannoo Amaaratti Bulchiinsa Godiina Wallo Kaabaa' jedhutti jijjiiramaa jira. Jiraattonni hundi waraqaa eenyummaa haaraa kana akka qabatan godhamaa jiru," jechuun haala jiru ibsa.

Kantiibaa magaala Allamaaxaa duraanii kan ta'an Obbo Yamaan akka jedhanitti baay'inni uummata magaalattii 65,000 hanga 73,000 kan ta'uudha. Amma garuu walakkaadhaa ol kan ta'an buqqa'anii Maayicoo, Mohiniifi naannolee biraatti akka argaman hima.

"Waraqaa eenyummaa bifa nama gaddisiisun jijjiiramaa jira. Baari Taklaayi gamatti bakka jirutti barjaa 'Wallo Kaabaa' jedhu dhaabun waraqaan eenyummaa naannoo Amaaraa kennamaa jira.

"Barjaawwan manneen barnootaa osoo hin hafin gara afaan Amaariffaatti jijjiiramaniiru..." jedha.

Waraqaan eenyummaa haaran magaalattii keessatti kennamaa jiraachun kantiiban magaala Allamaaxaa Obbo Hayiluun hin haalle.

Dhimma eenyummaarratti gara fuulduraatti heeran waan murtaa'urratti maalif waraqaa eenyummaa naannoo Amaaraa ibsu maalif akka kennan gaafannee turre:

"Jalqabumarraa kaasee kanin qabsaa'efi gaafataa ture eenyummaa koo deebisuufi. Ani Amaaradha jedheera. Bulchiinsi amma jiru kan yeroo ta'us, jiraattonni magaalattii waraqaan eenyummaa qabachuu qaban 'Wallo Kaabatti Bulchiinsa Magaala Allamaaxaa' kan jedhuudha," jechuun namni waraqaa eenyummaa kana hin barbaanne akka hin dirqisiifamne himan Obbo Hayileen.