Himanni anga'oota siyaasafi qondaalota waraanaa TPLF irratti dhiyaatee ture ka'e

Aanga'oota TPLF

Madda suuraa, TPLF

Himanni anga'oota siviliifi qondaalota waraanaa TPLF irratti banamee ture akka ka'u murtaa'uu Ministeerri Haqaa Itoophiyaa beeksise.

Himanni kun sababa waraana mootummaa ጸederaalafi TPLF gidduutti gaggeeffamaa tureen wal qabatee kan banamee turedha.

Waraanni mootummaa ጸederaalafi TPLF gidduutti waggaa lamaaf gaggeeffamee lubbuu namoota hedduu gaaga'e, waliigaltee qaamoleen lamaan Piritooriyaatti waliif mallatteessaniin xumura argatee jira.

Kanumarraa ka'uun naannoo Tigraayitti mootummaan yeroo cehumsaa hundaa'ee walitti dhufeenyi qaamolee lamaanii fooyya'aa jira.

Angawoonni siyaasafi qondaalonni waraanaa olaanon TPLF himanni isaanii akka ka'u godhamuunis walii galtee nagaa qaamoleen lamaan waliif mallatteessan bu'uura godhachuuni.

Ministeerri haqaa fuula miidiyaa hawaasarratti akka ibsetti himanni kun gara fuulduraatti haqa yeroo cehuumsatiin kan ilaalamu ta'a.

"Bu'uuruma waliigaltee nagaa mootummaa federaalafi TPLF gidduutti taasifameen, waraanichaan walqabatee itti gaafatamummaa yakkaa ilaalchisee muuxannoo idila addunyaa yaada keessa galchuun haqa yeroo cehuumsatiin ilaalamuu akka qabu walii galteerra gahameera," jedha ibsi Ministeerri Haqaa har'a baase.

Himanniwwan yakkaa adeemsa falmiirra jiran bu'uura labsii 943/2008 keeyyata 6 lakkoofsa 3tin ka'uu isaanii ministeerichi beeksise.

Manni Maree bakka bu'ootaa Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) irraa shororkeessummaan akka haqamuuf sagalee caalmaan Bitootessa 22, 2023 murteesseera.

Dhaabi TPLF shororkaa uumuu kaayyoo isaa godhate socho'aa jira jechuun ture Caamsaa 2021 hidhattoota Oromiyaa keessa sosso'an itti dabaluun garee shororkeessaa jedhamanii kan parlaamaan labsaman.

Murteen qaama olaanaa mootummaa Itoophiyaa kuni adeemsa waliigaltee nagaa mootummaafi TPLF baatii Sadaasa darbe mallatteessan hordofee raawwate.

Akkaataa waliigaltee waraana dhaabuuf taasifameen dhaabi dhaaba ADWUI keessa olaantummaa qabaataa ture kuni galmee shororkeessummaa jalaa baha.

Eega waraanni kaaba Itoophiyaa xumura argatee qaamoleen lamaan waliigalan booda tajaajiloonni bu’uura adda citanii turan tajaajila eegalaniiru.

Himannaan aanga'oota TPLF irra ture kaafamuun isaas qaamuma adeemsa kanaati.