'Dubbiin MM Abiy waa'ee marii nagaa waan adeemaa jiru sirriin hin ibsu' - Hidhattoota WBO

Dubbiin Ministirri Muummee Abiy Ahimad paarlaamaa biyyattiitti waa’ee marii nagaa adeemaa jiru dubbatan ‘waan sirrii’ hin ibsu jedhan hidhattooti.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad guyyaa Kibxataa hidhattoota Naannoo Oromiyaa keessa sosso’an qunnamuuf irra deddeebiin yaaliin taasifamus hin milkoofne jechuun dubbataniiru.
Ta'us, ''Adeemsa marii ittuma jirra, bu’aasaa fuulduratti kan ibsinu ta’a,'' jechuun ibsaniiru.
Dhimma kana irratti deebii kan kennan hidhattonni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan Shanee jedhu mootummaa qeeqaniiru.
''Yaaliin WBO qunnamuuf taasifame jedhame yaalii qajeelummaan hooggansa WBO qunnamuuf taasifame miti,'' jechuun gareen tarree shororkeessummaa keessatti labsame kun ibseera.
''Dubbii yeroo maleefi dogongorsiisaa MM Abiy jedhan alatti bakka qaamni sadaffaa idil-addunyaa jirutti mariin nagaa ta’amuu akka danda’u mallattoolleen jajjabeessoo jiru,'' jedheera ibsi bahe kun.
Hidhattooti waggootii muraasa darbaniif humnoota mootummaa lolaa jiran kun mootummaan gareewwan jaarsummaa bobbaasuun qondaaltonni garichaa akka meeshaa lafa kaa’an amansiisuuf yaalaniiru jedhe.
Kunimmoo ''hin milkoofne'' jechuun ibse.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad paarlaamaatti dhihaatanii dubbii taasisaniin koreen Itti Aanaa Paartii Badhaadhinaan durfamu hundaa'ee hojiitti jira jechuun ibsaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ji’a tokko dura Pirezidantiin Mootummaan Naannoo Oromiyaa waamicha araaraa hidhattootaaf dhiheessanii turan.
Hidhattootis waamicha kana fudhachuu ibsaniiru.
Haa ta’u malee, eegasii sochiin mariitti geessu mul’ataa hin jiru jechuun miseensonni parlaamaa, miseensa paartii biyya bulchuu ta’an, Gamtaan Afrikaa akka gidduu seenu gaafataniiru.
Gamtaan Afrikaa mootummaafi TPLF akka mariin waldhibdee furan guddoo gumaateera.
Hidhattooti Naannoo Oromiyaa keessa sosso’aniifi badiiwwan garagaraan himataman kunneen mootummaan adeemsa walfakkaataa bara 2019 hordofe hordofaa jira jechuun himataniiru.
Waggaa sadii dura hidhattoota kana galchuuf namoonni siyaasaafi Abbootiin Gadaa sochii taasisaniin kanneen meeshaa lafa kaa’an turan.
''Gochi akkanaa nagaa buusuuf yaalii qajeelummaan taasifamaa jiraachuu mul’isuu hin danda’u,'' jechuun mariin nagaa akka hin milkoofne danqaa ta’uu mala jechuun ibse.
Hidhattooti kuni mootummaa waliin marii taa’uuf bakka qaamni sadaffaa jirutti akka ta’u irra-deddeebbiin gaafataniiru.
Mootummaan kana fudhachuu isaa ammatti ifa miti.
MM Abiy Parlaamaatti ''Ji'a darbe kana keessa yeroo kudhanii ol yaalii taasifneerra. Garuu gareen kun bakka tokkotti kan qindaa'e waan hin taaneef hojii qabatamaa hojjechuu hin dandeenye,'' jechuun dubbatan.
Aangawoonni mootummaa hidhattoonni hooggansa tokko jala hin jiran, galma siyaasaas hin qabani jechuun himataa turan.
Hidhattooti kana cimsanii mormu.
''Hooggansi WBO Ajaja Olaanaadha, kana mootummaan mataan isaa ni beeka,'' jedhan hidhattooti ibsa baasaniin.
Mootummaanis ta’e hidhattooti mariif fedhii qabaachuu agarsiisuun ala ammatti mariin gidduu isaanii akka hin eegalle qaamoleen lamaanuu ibsaniiru.
Qondaalli WBO torban darbe BBC’n dubbise ''Hanga ammaatti mootummaa waliin walitti dhufamee wanti dubbatame hin jiru,'' jedhan.
''Haata’u malee, qaamoleen nuufi mootummaa gidduu deddeebiyuudhaan haasa’an ni jiru,'' jechuun BBC’tti dubbatanii turan.
Bulchiinsi MM Abiy akkuma jalqaba waggaa kanaa humnoota TPLF waliin araara buusan, hidhattoota kaan biyyattii keessa jiran waliin mariin furuuf fedhii akka qabu ibseera.












