Keeniyaatti mormii Raayilaa Odiingaan waamaniin namoonni ajjeefaman

Madda suuraa, Getty Images
Mormii Roobii kaleessaa magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobiitti adeemsifameen namoonnii ajjeefaman.
Poolisiin gaasii imimmaanessituu kutaa barattootaatti darabannaan daa'imman 53 hospitaala galan.
Dr Aroon Shikuukuu hospitaala Eagle Nursing Home irraa ijoolleen erga wal'aansa argataniin booda hospitaalaa bahaniiru jedhan.
Ijoolleen wal'aansaaf garas dhufan harganuuf rakkachaa turan jedhan.
Hiriirri mormii qaala'insa jireenyaa ilaachisuun paartii mormituun naannolee biyyattiitti waamame kanarratti namoonni du'anniru.
Namoonni j'a ajjeefamuus qondaaloti mootummaa mirkaneessaniiru.
Haa tahu malee qaamoti Mirga Namoomaaf falman lakkoofsi namoota du'anii 12 yoo ta'an, kan miidhaman immoo baayyeedha jedhan.
Namoonni lama erga mormitoonni buufata poolisii gubaniin booda ajjeefaman.
Namni tokko immoo karaa saffisaa Naayiroobii irratti ajjeefame jedhan gabaasaaleen bahan.
Mormii adeemsisuun dhorkamullee namoonni daandiitti bahuu hin dhiisne.
Qaala'insa jireenyaa, gibirri dabaluun fa'aa dhimmoota mormitoota daandiitti baasan keessaati.
Gibirri boba'aa dachaan dabaluu, mindaa hojjettootaa irratti gibirri 1.5% dabalamuun fa'itu falmii kaase.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mootummaan daballiin kuni liqaa kaffaluufi dargaggootaaf carraa hojii banuuf murteeessaa dha jedhe.
Haa tahu malee seerri daballii kana eeyyamu mana murtiidhaan dhorkameera.
Filannoo bara darbe adeemsifameen pireezidantii biyyattii ammaa Wiiliyaam Ruutoodhaan kan injifataman Raayilaa Odiingaan daballiin gibiraa akka hojiirraa hin oolchineef dhiibbaa taasisaa turan.
Baatii darbe ammoo diddaa uummataa waamuun kanneen daballii kana taasisan ''gantoota'' jechuun waamaniiru.
Odiingaan erga namoonni du'aniin booda hiriira mormii waamame deebi'ee akka dhaabbatu waame.
Poolisiin hiriirri kamiyyuu ''kara seeraqabeessa tahee'' ni bittinfama jedhe.
Lammiileen Keeniyaa mormii taasifamu kana irratti yaada wal-qoqqoodaa tahe qabu.
''Mormiin adeemsifamaa jiru gibira nurra kaa'ame diduu dha, mindaa sii kaffalamuufi baasiin wal-madaaluu dhabuun jireenya keetti waan hiika qabu akka hin dalagne si godha,'' jechuun jiraataan magaalatti Wiiliyaam Museemnii Rooyitarsiitti hime.
Kaan immoo mormii kanarratti hanna mormitootaan taasifame balaalefatanillee, ''namoonni 400-500 tahan daandii saffisaa Naayiroobii irratti bahanii balbala fa'i caccabsaa turan,'' jedhee abbaan qabeenyaa supparmaarkeetii Jeems Kaagimii.
''Qarshii hataniiru,meeshaas. Jeequmsichi akka malee ture,'' jedhan.












