'Dhaabbileen faayinaansii addunyaa Afrikaaf liqeessan seera laaffisuu qabu'- Wiiliyaam Ruutoo

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon liqaa Afrikaaf kennamurratti seerri wal-xaxaan jiru keessa deebi’amee ilaalamuu akka qabu dubbatan.
Wiiliyaam Ruuton Baankiin Addunyaa (WB) fi Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa (IMF) liqii biyyoota Afrikaatiif kennamurratti seera jabaa qaban akka keessa deebi’anii ilaalaniif gaafataniiru.
Dhaabbileen faayinsaansii addunyaa liqii Afikaafi biyyoota harka qalleeyyiif kennuurratti loogii hojjatu jechuun yeroo baay’ee ni komatamu.
Dhaabbileen akka Baankii Addunyaa fi Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa biyyoota Afrikaatiif liqii kennuuf ulaagaa biyyoonni guutuf rakkataniifi seera ulfaataa waan dhiyeessaniif Afrikaan akka salphaatti dhaabbilee kanarraa liqii argachuu hin dandeessu.
Pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon dhaabbileen kunneen biyyoonni Afrikaa akkuma warra kaanii liqii argachuuf carraan haqa qabeessi banamuufii akka qabu dubbatan.
“Afrikaan homaa bilisa argachuu hin feetu. Garuummoo, adeemsa faayinaansii haaraa kan aangoon qaamolee muraasa qofaan hin to’atamne barbaanna,“ jedhan.
Wiiliyaam Ruutoon pirezidaantii Faransaayi Imaanu’eel Maakron, gaggeessaa Dhaabbata Maallaqa Addunyaa Kiritaaliinaa Ji’orjiivaafi Pirezidaantii Baankii Addunyaa Ajaay Baangaa waliin gaafa torbee kana Paarisitti wal-argani kana mariiyatan.
Ruutoon walgahii New Global Financial Pact jedhamurratti hirmaachun yaada isaanii akka deeggaraniif gaggeessitoota addunyaatiif waamicha dhiyeessan.
Mootummaan Wiiliyaam Ruutoo bara 2022 keessa liqii dolaara miliyoona 600 Dhaabbata Maallaqa Addunyaa irraa argatanii turan. Akkasumas bajata mootummaa deeggaruuf Baankii Addunyaarraa doolaara miliyoona 993 argataniiru.
Biyyoonni Afrikaa hedduun sababa qaala'iinsa jireenyaafi liqii guddaatiin maallaqa isaanirra jiru kaffaluu dadhabanii danqamaa jiru.












