Namni siyaasaa warraaqsa Afrikaa fiduuf waadaa galaa jiran Raayilaa Odingaa eenyu?

Raayilaa Odingaa Finfinnetti wayita haasawaa taasisu

Madda suuraa, Raila Odinga

Waggoota 10n dura ministira mummee Keeniyaa turan. Pireezdaantii Keeniyaa ta'uuf yeroo 5 dorgomanii yeroo shananuu hin milkoofne. Amma dura taa'aa Komishiinii Gamtaa Afrikaaf kaadhimamanii dorgommi keessa jiru.

Raayilaa Odingaa nama Keeniyaa keessatti umurii isaani irra caalaa siyaasa keessatti dabarsanidha. Bara 1945 maatii beekamoo Keeniyaa irraa kan dhalatan Odingaan amma manguddoo umuriin ganna 78 ti.

Odingaan paarti mormituu ta'uun namoota siyaasa Keeniyaa keessatti dimokiraasiif qabsaa'aa turaniidha. Sababii kanaatinis hidhamuun, dararamniifi biyyaa ari'atamuun irra ga'eera, garuu ejjannoo isaanii takkayyuu hin jijjirre.

Yunivarsiitii Teeknolojii Jarman keessatti argamu Maagdeburg jedhamu irraa injinarummaan eebbifamaniiru.

Maatii qabsaa'otaa farra gita-bittaa keessatti waan dhalataniif faana isaanii hordofuun waan ummata isaaniif hin taane diduun diddaa dhaloota barsiisan.

Abbaan isaa Jaramogii Ogingaa Odingaa sochii walabummaa Keeniyaa keessatti nama adda durumman qabsaa'aa turan yoo ta'u, boodarra Itti Aanaa Pirezidaantii biyyattii isa jalqabaa ta'anii tajajilaniiru.

Raayilaa Odingas wayita ministira muummee ture baadiyaa Keeniyaa keessatti humna ibsaa babal'isuuf ijaarsa daandiitiin milkaa'anii hawaasa biratti jaalala qabaachutu himama.

Ta'ullee garuu filannoo biyyaalessaa bara 2022 irratti Wiliyaam Ruutoo waliin dorgomaniillee milka'uu dhabuun nama yeroo 5f dorgomee abdii hin kutannedha.

Heera Keeniyaa bara 2010 wixineessuu keessattis gumaachisaa olaanaa ture.

Amma fuula isaanii gara Gamtaa Afrikaatti waan naannessan fakkatu.

Filannoo dura taa'aa Komishiini Gamtaa Afrikaa (AU) baatii Gurraandhala dhufu taasifamu akka injifatan tilmaamni guddaan kennameefira. Biyyota hedduu biraas deeggarsa argataniiru.

Deeggarsa akkamii qabu?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Raayilaan dhiheenya kana garee dippilomaatotaafi tarsiimoo siyaasaa biyyota adda addaa of keessaa qabu biratti duula filannoo isaa geggeessuu ifoomseera.

Ammas duula na filadhaafi karoora isaanii ifoomsuu biyyotaa adda addatti taasisan Jimaata galgala Sadaasa 8, 2024 bakka waajjirri muummee Gamtichaa Afrikaa itti argamu Itoophiyaa, Finfinneetti eegalaniiru.

Waltajjii kanarratti karoora haaromsa fi warraaqsa Afrikaa kan Ajandaa Paan Afrikaa bara 2063 waliin walsimuu qabus dhiyeessaa jiran.

Dorgommii cimaan fuuldura isaa jiraatus ga'uumsa siyaasaa isaanin carraan lammii Chaad kan bara aangoo isaanii xumuranii baalli dabarsuuf deeman Muusaa Faakii Mahaamaat bakka bu'u jedhamee tilmaamni guddaan kennameefira.

Kaadhimamtoota baha Afrikaa sadii Mahamuud Alii Yuusuuf Jibuutii irraa, Riichaard Mahitsison Randri'amandrato Madagaskaar irraa, akkasumas Anil Gayan Moorishiyees irraa Raayilaa Odiingaa waliin dura taa'aa Komishiinii AU ta'uuf dorgamaa jiru.

Keessumaa dorgomaa Odingaa cimaa ta'a jedhamee kan eeggamu Ministirri Dhimma Alaa Jibuutii Youssouf, Raayilaan nama siyaasaa guutuu ardittirraa neetwoorkii cimaa qabu waliin dorgomuun akka ulfaatu yaada kenneera.

Pirezidaantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoonis masara mootummatti sagantaa duula filannoo Odingaaf ifatti eegalchiisutti hanga biyyoota adda addaatti duula taasisuun nama Odingaa duuba jiudha.

Hoggantoonni biyyoota Baha Afrikaa hedduun deeggarsa Raayilaaf qaban ibsaa jiru.

Kamisa darbe Finfinnee kan gahan Odingaan marii al-seerummaa haaromsa dhaabbilee Gamtaa Pirezidaantii Wiliyaam Ruutoon qopheesse irrattis hirmaataniiru.

Sagantaa Finfinnetti ifoome kanarratti jilli Keeniyaa Musaliyaa Mudavadiin durfamu, bakka bu’oota biyyoota miseensa AU, hawaasa dinagdee naannoo, hoggantoota daldalaafi bakka bu’oota hawaasa adda adda hirmaataniiru.

Guraandhala 2025 teessoo Gamtaa Afrikaa Finfinnee jirutti filannoon anga'oota dura taa'aa, itti aana dura taa'aa i komishinarootaa ni taasifama.

Gamtaan Afrikaa bara kana hiree aangoo dura taa'aa komishinichaaf dorgomuu biyyoota naannoo Baha Afrikaatiif carraa kenne.

'Afrikaan egeree ifaatti ce'uuf tokko ta'uu qabdi'

Raayilaa Odingaa Finfinnetti wayita haasawaa taasisu

Madda suuraa, Raila Oding

Waltajjii Finfinnetti qophaa'e kana irratti Odiingaan sagantaawwaan, mul’ataafi tarsiimoo jijjiirama hawaas-dinagdee Afrikaaf qaban dhiyeessaniiru.

Jijjiirama Diinagdee: Raayilaa Odingaa haasawa Jimaata galgala Finfinneetti taasisan keessatti dura taa'aa Komishinii AU ta'uun yoo filataman, Afrikaa qabeenya badhaadhaa qabdu irraa fayyadamtee ummatashee tokkoomsitee humna daldalaa addunyaa akka taatuuf kan irratti hojjatan ta'uu eeran.

Keesumaa daldala walabaa naanawa ardii Afrikaa (AfCFTA) daldala daangaa ce’aa guddisuufi AU kan viizaa tokkoon biyyoonni Afrikaa hunda deemuun danda'amu akka qopheessuu danda'an eeran.

Bara 2018 bakka bu’aa olaanaa bu’uuraalee misoomaa Gamtaa Afrikaa ta’uun wayita hojjataa turanis walitti hidhaminsa guutuu ardii kanaa guddisuuf, guddina dinagdee fi biyyootni Afrikaa akka salphaatti akka walitti daldalaniif tarkaanfiin guddaa fudhachuu seenan isanii kan himu.

Dhiibbaa Jijjiirama Qilleensaa: Afrikaan, hanga gadi lakkifamuu Kaarboonii addunyaa irratti taasiftu xiqqaa ta’us, jijjiirama qilleensaatiin haalaan miidhamtee, balaawwan akka lolaa fi gogiinsaaf saaxilamteetti.

Kanaafis "Afriikaan beenyaa fi deeggarsa foyya’aa akka argattuuf dhimma jijjirama haala qilleensaarratti mari'achuu qabdi" jechuun cimsanii dubbatan

Walqixxummaa Koorniyaa fi dubartoota Angoomsuu: Barbaachisummaan dubartootaa damee adda addaatiin humneessuu eeraniiru.

Gumaacha guddaa dubartoonni Afrikaa hawaasaaf qaban hubachuun walqixxummaan koorniyaa guddina Afrikaaf barbaachisaa ta’uu fi akka irratti hojjatamuu qabu ibsan.

Raayilaa Odingaa Finfinnetti wayita haasawaa taasisu

Madda suuraa, Raila Odinga

Ce'uumsa gara Digitalaa: Waliin ga'iinsi intarneetii waliigalaa akka taasifamuu fi lammiin Afrikaa kamiyyuu guddina dijitaalaa irraa fayyadamuuf toora interneetii irratti akka argamuuf hojii gama kanaan hojjatamullee barbaachisaa ta’uu isaa ibsan.

Hojii dhabdummaa Hir'isuu: Raayilaa Odingaa hoggantoota, kalaqxootaafi lammiilee gidduutti tumsi akka taasifamu, gufuuwwan jiran diiguun dargaggoota Afrikaa carraa hojii dhabuun Afrikaa irra baqatan utuu hin taane jiraachuuf hawwan akka taatu dhugoomsun mula'ata isaani ta'uu himan.

"Mul'anni kun haala jireenyaa lammiilee Afrikaa olkaasuun guddina ardii kanaatiif itti gaafatamummaa waloo fudhachuu kan dabalatudha" jedhan.

Afriikaan qabeenya uumaman badhaatee utuu jirtuu haala jireenyaa ummatashee hiyyummaa keessatti kufuun akka irra hin turreegfi kana jijjiruuf tarsiimoo qabaachuufi gamtaan akka hojjatamuuf gumaacha isaanii akka ba'an dubbatan.

Afriikaan qormaata ishee kamuu bira darbuuf tarkaanfiin waliinii murteessaadha jedan tattaaffiin biyyoota dhuunfaa qofti gahaa miti jedhan.

Guddinni Afrikaa hawwii qofa ta'ee akka hin hafne misooma gama daandii baaburaan, daandii qilleensaan, teknolojii, walitti hidhamiinsa tajaajila faayinaasifi daldalaa waliigalaa milkeessuf hoggansi isaanii kan irratti xiyyeefatu ta'uus ibsaniiru.

Kadhimamaan dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa kun tokkummaa Afrikaa dhugoomsuuf waadaa galuun, qooda fudhattoota hunda gidduutti tumsaafi itti gaafatamummaa waliinii jiraachuun egeree ifaa Afrikaaf waamicha dhiyeessan.