Waraanni Wallaggatti gaggeeffame kan Tigiraayitti gaggeeffame caala- Abiy Ahimed

Madda suuraa, Miidiyaa hawwaasaa/ Abiy Ahimed
Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr Abiy Ahimed har'a paarlaamaaf deebii yeroo kennan waa'ee waraana godinaalee Wallaggaa keessatti hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo waliin gaggeeffamee kaasan.
Waggoota jahaa oliif godinaalee Wallaggaa arfan keessatti hidhattoota WBO fi humnoota nageenyaa mootummaa gidduutti waraanni gaggeeffamaa tureera.
MM Abiy ''waraanni Tigraayitti gaggeeffame bir-qabaan yoo ilaalle hamma isa wallaggatti gaggeeffame hin gahu, garuu waraanni Tigraay akka addaatti dhaadheffame.
''Jalqaba yeroo Iizziin Kaabaa haleelan torban sadii waraannee Maqalee qabanne. Ji'oota saddet achi turre. Erga achii baanee Raayyaa hanga Shawaa Kaabaatti Naannoo Amaara wal waraanne. Waraannee naannoo isaaniitti deebisne.
Marsaa sadaffaatti yeroo haleellaa jalqaban gara torbee lama sadii waraannee Adigiraat geenye. Yeroo sana waliigaltee Piriitooriyaa mallattaa'e. Sana booda achii baane. Waraanni Tigiraayitti gaggeesine osoo lakkaa'ame ji'a lama hin caalu,'' jedhan.
Waraanni Tigraayitti gaggeeffamaa jiru waraana bu'uuraa fi bu'aa hin qabnedha. Mootummaan Federaalaa Tigraay keessatti waraana gaggeessuuf kaayyoos fedhiis hin qabu,'' jedhan.
Dr Abiy rakkoo nageenyaa godinaalee Wallaggaa keessaa jiraachuurra kan darbe haga kana hamaa tahuu yoo dubbatan kun kan jalqabaati.
MM Abiy hidhattoota naannolee Amaaraafi Oromiyaa keessatti humnootii mootummaan wal waraanaa jiraniin (Faannoofi WBOn) "ergamtoota galma hin qabne" jechuun qeeqan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhimma nageenyaan walqabatee gaafilee miseensota mana-maree bakka bu'oota ummataarraa dhiyaataniif deebii kan kennnan MM Abiy, "Itoophiyaa keessa ce'umsa aangoo naga-qabeessa qofatu barbaachisa" jedhan.
Rakkooleen nageenyaa biyyattii keessatti mul'ataniif biyyoonni biroon qooda qabaachuu kan himan MM Abiy, "biyyoonni Itoophiyaan dadhabduu taatee akka jiraattu, Itoophiyaan miila lamaan dhaabbachuu akka hin dandeenye barbaadaniifi hojjetan jiru," jedhan.
Biyyoonni kunneen waraanaan nu injifachuu akka hin dandeenye ni beeku kan jedhan MM Abiy, biyyoonni kun qaamolee biyya keessatti hidhatanii socho'anitti fayyadamuu himan.
Dhiyeenya Gorsaa Olaanaan Ajajaa ABO-WBO, Obbo Jireenyaa Guddataa hidhata Eertiraa wlaiin qaban yoo gaafataman, ammatti hidhata addaa hin qabnu, of dandeenyee socho'aa jirra,'' jedhan.
''Eertiraa waliin hariiroo tolfachuun yoo nu barbaachise eeyyama mootummaa Itoophiyaa nu hin barbaachisu'' kan jedhan Obbo Jireenyaan gaaffii ulaa galaanaa argachuu Itoophiyaan kaastus akka hin deeggarre ibsan.
Gama biraatiin MM Abiy "Itoophiyaa keessa ce'umsa aangoo naga-qabeessa qofatu barbaachisa" kan jedhan.
Mootummaan qaamolee 'rakkoo qaban' jedhu waliin mari'achuus himan.
Akka fakkeenyaattis "Shanee waliin mari'annee humni Shanee gariin nagahaan galanii aangoorra hin jiranii?" jechuun bifa gaaffiin deebisan.
Hidhattoota naannolee Amaraafi Oromiyaa keessa socho'an "Shanee Amaaraa fi Shanee Oromiyaa" jechuun kan ibsan MM Abiy, hidhattoonni kun "ergamtoota, galma hin qaban" jedhan.
Mootummaan qaama karaa nagaan dhufu simachuufi waliin mari'achuuf qophii ta'uus himaniiru.
Obbo Jireenyaa Guddataa carraa mootummaan isiniif dhiyeessetti fayyadamuun maaliif gara qabsoo nagaatti hin deebitan gaaffii jedhuuf ''aangoo barbaacha manaa hin baane'' jedhan.
Isaan ejjennoo ''mootummaan aangoo nuuf qoodu hin qabu, aangoon uummata irraa dhufuu qaba'' jedhu qabu.
Dhiyeenya WBO keessaa mootummaatti harka kennachuun warra gale keessaa sadarkaa hoggansaatti kan muudaman jiru.
Waraanni naannoo Tigiraay keessatti waggoota lamaa oliif gaggeeffame lubbuu kumaatama galaafateera.
Hawwaasni idil-addunyaa gidduugaluun akka furamuuf jaarsummaa taa'aa turaniiru.
Rakkoo nageenyaa godinaalee Lixa Oromiyaa keessaa garuu hawwaasni idil-addunyaa gurra guddaa itti hin kennine.
Uummanni godinilee Wallaggaa arfan, Shawaa Lixaa fi Kibba Lixaa akkasumas Shawaa Kaabaa isaan akka malee waraanaan hubaman keessaati.
Uummanni godinaalee kanneenii bahee galuun erga yaaddoo itti tahee bubbuleera.
Lakkoofsi namoota nagaa ajjeefamanii hedduu tahuu gabaasota adda addaa hojjenne keesaatti ibsa aturre.
Garuu dhaabbanni miti mootummas tahe mootummaan addatti lakkoofsa nama yeroo yerootti ajjeefamuu galmeessuun ibsu yeroo baay'ee hin jiru.
Dabalataan godina Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu keessa qaamni hidhatee socho'u WBO qofa miti.
Hidhattoonni Faannoo Godina Wallagga Bahaa keessatti Iizzii tokko hundeessuu ibsuun yeroo adda addaatti haleellaa raawwataniin lubbuu uummata nagaa gaaga'aa turan.
Mootummaan tarkaanfii akka fudhataa jiru ibsus haga dhiyeenyaatti hin dhaabbanne.
Fulbaana darbe keessa aanaa Abee Dongoroo keessatti haleellaa raawwataniin lubbuu namoota nagaa darbeera.
Shawaa Lixaa aanaa Noonnoo keessatti torbeema darbe haleellaa namoota nagaa irratti hidhattoonni Faannoo raawwataniin namoonni nagaa 20 ol ajjeefamuu jiraattonni BBCtti himan.
Bulchaan aanichaa garuu namoota 12 ajjeefame. Gara 22 kan tahan ammoo ''Finxaaleyyii Faannooti'' jedhan.
Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti ammoo haleellaa hidhattoonni Faannoo gaggeessaa turaniin namoonni kumaatamaan lakkaa'aman qe'ee irraa buqqa'aa turaniiru.
Qabeenya isaanii kan jalaa barbadaa'e akka jiran dhaabbilee mirga namoomaan dabalata gabaafamaa ture.
Namoota ukkaamsanii maallaqa gaafachuun waan barame tahee ture.
Mootummaafi hidhattoota WBO gidduutti mariin nagaa marsaa lama Taanzaaniyaatti gaggeeffame osoo hin milkaa'iin hafe.
Jaarsummaa Ameerikaa, Noorweyii fi Keeniyaa fa'aan mariin nagaa akka gaggeeffamu tahe abdii guddaan osoo eegamuu bu'aa malee hafe.
Mootummaan hidhattoonni gara nagaatti akka deebi'aniif waamicha taasisa. Lakkoofsa xixiqqaan kan galanis ni jiru. Garuu rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessaa bu'uura irraan furuu hin dandeenye.












