Baha giddugaleessaatti isa guddaa kan ta'e 'Kominitiin' Itoophiyaa UAE akkamiin lammiilee achi jiran gargaara?

Asxaa Hawaasa Itoophiyaa Dubaay

Madda suuraa, Eth. Community in Dubai

Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) keessa Waldaalee Hawaasaa (kominitii) Itoophiyaa lamatu jiru: Kan Dubaay fi Imireetota kaabaa, kan Abu Dhabi fi naannoosheeti.

Obbo Idiriis Bunsuroo Abdallaa Walitti qabaa boordii kominitii Itoophiyaa Dubaay fi Imireetota Kaabaa yoo ta’an Dr Abdulnaasir Haroo ammoo kan Abu Dhabi fi naannawasheeti.

Jaarmiyaaleen Itoophiyaa UAE jiran kunneen akkaatuma bulchiinsa biyyattii hordofuun mata mataan of bulchu.

Kominitiin Itoophiyaa UAE jiran kunneen jaarmiyaalee tola-ooltummaa yoo ta’an lammiilee Itoophiyaa UAE jiraatan qoonsilaa Itoophiyaa Dubaay jiruu fi Embasii Itoophiyaa Abu Dhabi jiru waliin walquunnamsiisuun tajaajila barbaadan akka argataniif riqicha ta’ee gargaara jedhan hooggantoonni kunneen.

Lammiileen Itoophiyaa UAE keessatti sadarkaa garaagaraa irra jiran (investimantii, barnoota, hojii biizinasii dhuunfaa, mana namaa kan hojjetanii fi kaan) tokkummaasaanii cimsuun of fayyadanii biyyasaaniis akka fayyadaniif kominitiin lameen ni tumsu, ni jajjabeessu, akkasumas leenjii fi gorsas ni kennu.

Kana malees jiruu fi jireenya lammiilee biyyasaanii UAE jiraatanii itti dhiyeenyaan hordofuun, rakkoo eeyyama jireenyaa (Visa) fi paaspoortiin walqabatu akkasumas rakkoon fayyaa fi hoji-dhabdummaa wayita mudatu ''akka gargaaramaniif haala ni mijeessinaaf,'' jedhan Obbo Idiriis.

''Keessattuu wayita namni keenya biyya kanatti boqotu waraqaan imalaa dafee qophaa’ee akka reenfi biyyatti deebi’u gochuu keessatti lammiilee keenya ni gargaarra,'' jedhan.

''Paaspoortiin walqabatee rakkoon lammiilee keenya mudatu akka furamuuf qonsilaa waliin taanee hojjechuun haga tokko furreerra. Garuu ammallee guutummaatti furame jechuun miti,'' jedhan Obbo Idiriis.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waldaan Hawaasa Itoophiyaa Dubaay fi Emireetota Kaabaa UAE keessatti waldaa hawaasaa isa guddicha yoo ta’u, waltajjii lammiileen Itoophiyaa fi dayaasporaan dhalootaan Itoophiyaa ta’an walitti dhufuun waa’ee mirgaa fi dirqamasaanii, akkaataa ittiin waltumsuu akkasumas biyyasaanii tumsuu danda’anirratti mari’atan qopheessuun hawaasa bal’aa kan walitti fiduudha.

Waldaan Hawaasaa Itoophiyaa Abu Dhabi fi naannoshees lammiilee Itoophiyaa naannawa kana jiraataniif tajaajiluma walfakkaataa kenna.

Lammiilee Itoophiyaa sababa garaagaraan rakkoo keessa galanii hidhaman gaafachuu fi dhimmisaanii xiyyeeffannaa argatee rakkoonsaanii hanga furamutti ni tattaafanna jedhu dura bu’aan hawaasa kanaa Dr Abdulnaasir.

Kanneen dhukkubsatanii hospitaala seenan gaafachuu fi tumsuu akkasumas namoota dhibamanii karaarratti hafaniif furmaata barbaaduunis hojii kominitii kanaati.

''Namoota imalaaf maallaqa dhabaniif gatii tikeetii mijeessuufii, yoo namoonni asitti boqotan reenfa biyyatti erguu fi dokumantiwwan barbaachisoo ta’an qopheessuun waldaan kun hawaasa keenya as jiran tajaajilaa jira. Lammiileen Itoophiyaa asitti hojiirra jiran yoo mindaan isaanii osoo hin kaffalaminiif hafellee akkaataa itti mindaasaanii argachuu danda’anirratti ni falminaaf,'' jedhan Obbo Idriis.

Shamarran hojiif gara UAE imalan yeroo garii ulfa hin eeyyamamnefaa ulfaa’anii daa’ima seeraan alaa dahu, akka seera biyyattiitti namni seeraan alaa tajaajila argachuu hin danda’u.

Biyyattii keessa jiraachuuyyuu hin danda’u. Namoota rakkoon akkanaa harka qabuuf kominitiin kun jiraachuun murteessaadha.

Lammiilee Itoophiyaa seeraan ala UAE jiraatan akkamiin gargaaru?

Waldaan hawaasa Itoophiyaa Dubaay fi Imireetota Kaabaa, akkasumas kan Abu Dhabi fi naannawashee qonsilaa fi embasii Itoophiyaa fi jaarmiyaalee dhimma hawaasummaa akkasumas ministeerota biyyattii dhimmi hojjettootaa ilaallatu waliin akkaataa mirgi hojjettoota Itoophiyaa kabajamuu danda’urratti akka hojjetan himu.

Kominitiin riqicha lammiilee fi imbasii walquunnamsiisuudha kan jedhan Dr Abdulnaasir ''erga komunitiin kun ijaaramee ilaalchi namoonni imbasiif qaban jijjiirameera. Duraan imbasii kanaaf ilaalchi gaariin hin turre. Ija shakkiin ilaalu. Amma hariiroo mishaatu jira,'' jedhan.

''Akka kominitiitti nuti hawaasa. Dhaaba wayiif loognee hin gargaarru. Qajeeltoo mootummaan kaa’e keessatti eenyuunuu haa ta’uu, amantii fi ilaalcha siyaasaan osoo hin qoodne lammii Itoophiya mara walqixa ni tajaajilla,'' jedhan Dr Abdulnaasir.

''Lammiileen keenya dursanii odeeffannoo argatanii akka dhufan ni hojjenna. Seera biyya kanaa beekanii akka as dhufan ni gorsina,'' jedhu Obbo Idiriis.

Dr Abdulnaasir hanga danda’ametti lammiileen biyyasaanii osoo rakkoo keessatti hin kufin dursuun waan isaan gochuu qaban irratti akka gorsa kennan himuun, ''ergasaan rakkoo garaagaraa keessa seenaniis teenyee hin ilaallu. Gurmaa’insa garaagaraa qabnu fayyadamuun akka gargaaraman, odeeffannoo akka argatan ni goona,'' jedhan.

Lammiileen Itoophiyaa hedduun karaa ejansii waan gara UAE dhufaniif rakkoosaan mudatu furuuf warra ejansii waliinis ni dubbanna jedhan Obbo Idiriis.

Obbo Idiriis lammiileen Itoophiyaa odeeffannoo sirrii isaan fayyadu argatanii rakkoo keessatti osoo hin kufne akka jiraataniif qaamaan biratti argamuun akkasumas karaa miidiyaa hawaasummaa tajaajila kennuun alatti karaa raadiyoo komunitii hawaasa tajaajilaa akka jiranis himan.

Waldaan hawaasaa lameenuu lammiileesaanii rakkoo garaagaraaf saaxilamanii iddoo qubannaa dhabaniif da’oo ta’uun rakkoonsaanii akka furamuuf hojjechaa jiraachuu gareen BBC qaamaan achitti argamuun mirkaneeffateera.

Obbo Idiriis namoota haala kanaan mooraa waajjira isaanii keessaa jiraachisaa jiran akka nutti agarsiisanitti hedduunsaanii dubartoota.

Lakkoofsaan 15 hanga 20 kan ta’an argine, yeroo garii hanga 30 fi isaa ol ni ga’u.

Kanneen bakkeetti dahanii daa’imman qabatanii dhufanillee akka jiran Obbo Idiriis nutti himaniiru.

Akka Dr Abdulnaasir jedhanitti kominitiin yeroosaa hedduu rakkoo lammiileef furmaata barbaaduurratti dabarsa.

''Rakkoon hedduudha. Walirratti waan dhufuuf yeroo gadi teenyee karoora baafannullee dhabne. Kanarratti humni namaa fi maallaqi qabnu murtaa’aadha. Kun hojii xiyyeeffannaa barbaaduudha,'' jedhan.

UAE keessatti lammiileen Itoophiyaa osoo waraqaa seera qabeessa qabanii rakkoon isaan mudatu akkuma jiran namoonni bakka itti qacaramanii ba’uun seeraan ala jiraatanis jiru.

Obbo Idiriis kanneen waraqaa jireenyaa malee seeraan ala jiran bira ga’uun rakkisaa ta’uu himan.

''Garuu hamma nuuf danda’ametti poolisii biyya kanaa fi warra ejansii waliin ta’uun hanga bakka isaan jiraniitti deemnee rakkoon isaanii akka furamu yaalii gochaa jirra,'' jedhan.

Namoonni kunneen rakkoo kana keessa kan galan karaa lamaan. Tokko dallaalotatu gidduu seenuun maallaqa irraa buufatu, kaan ammoo hiriyootaan guwwoomfanii osoo kontiraatasaanii hin xumurin bakka itti qacaramanii ba’anii bakkeetti hafu.

''Lammiileen keenya biyya kana karaa lamaan dhufu. Kan kallattiin biyyaa dhufan jiru. Gariin ammoo biyyoota arabaa kaanirraa garana dhufu. Warri muuxannoo qaban kanneen haala jiru sirriitti hin hubanne dogoggorsu. Maadaamiitu na rakkifte jedhanii bakka itti qacaraman dhiisanii ba’u. Duuba seeraan ala jiraachuuf saaxilamu,'' jechuun haala jiru ibsan Obbo Idiriis.

Obbo Idiriis lammiileen Itoophiyaa hojii itti qacaraman adda kutanii waraqaa jireenyaa seera qabeessa osoo hin qabaatin miliqanii mana ijaazaa jiraatan (runaway ta’an) muraasa ta’uu himan.

''Dhimmasaaniis qoollifannee bira hin dabarru. Garuu xiyyeeffannaan keenya warra osoo waraqaa jireenyaa seera qabeessa qabanii rakkoon irra ga’eedha. Dhimma namoota keenya rakkoo akkasiif saaxilamanii Dubaay, Sharjaa, Ajmaan, Raas Al Kayimaa, Um Al Kuween fi Fujeeyiraa keessa naanna’uun hordofnee furmaata barbaannaaf,'' jedhan.

Obbo Idiriis waldaan isaanii akkaataa lammiilee Itoophiyaa garas imaluun achi jiraatan hunda hammachuun tajaajiluu danda’urratti sirna daataa beezii (data base system) lammiileen irraa fayyadamuu danda’an- Citizen Information System jedhamu diriirsuu himan.

Lammiileen Itoophiyaa UAE jiraatan kuma 250 hanga kuma 300tti tilmaamamu kan jedhan Obbo Idiriis, hanga ammaatti siistama kanarratti ragaa /odeeffannoo guutuu namoota kuma 35 galchuu fi kaanis galchaa jiraachuu himan.

Miseensota kuma 35 qabaachuun humna guddaadha kan jedhan Obbo Idiriis, ''hojjettoota tajaajila kennan namoota 14 qabna,'' jedhan.

'Guyyaa Itoophiyaa' fi sagantaalee lammiilee Itoophiyaa walitti fidan kaan

Waldaan Hawaasa Itoophiyaa Dubaay fi Emireetota Kaabaa kun kominitii Itoophiyaa biyyoota baha giddugaleessaa keessaa isa guddaa fi humna maallaqaa fi baayyina miseensaa fi hojjettootaanis kan wayyuu qabuudha.

Hojiinsaa yeroo lammiileen rakkatan gargaaruu qofa osoo hin taane sagantaalee hawaasaa garaagaraa qopheessuunis lammiilee biyyattii keessa jiraatan walitti fida.

Qophiileen akka ispoortii (kubbaa miillaa) fi guyyaa Itoophiyaa jedhamuun kan kabajamu sagantaalee lammiilee Itoophiyaa UAE jiraatan walitti dhiheessan keessaa isaan ijoodha.

UAE keessatti waggaa waggaan Guraandhala 24 ‚'Guyyaa Itoophiyaa' jedhamuun kabajama.

Guyyaan kun barana yeroo kurnaffaaf (Guraandhala 24, 2024, guyyaa Sambataa) kan kabajame yoo ta’u, lammiileen Itoophiyaa bulchiinsota UAE torban irraa akkasumas keessummoonni biyyarraa affeeraman argamaniiru.

''Guyyaa lammiileen Itoophiyaa UAE jiraatan bakka tokkotti walarganiidha. Hunduu aadaa fi duudhaasaan faayamee waan argamuuf lammiileen miira biyya jiru asitti argatu,'' jechuun faayidaa guyyaan kun lammiilee Itoophiyaaf qabu ibsu Obbo Idiriis.

Guyyaa kanarratti dorgommiin Ispoortii fi taphoonni garaagaraa, agarsiisni aadaa fi gurgurtaan meeshaalee aadaan walqabatanii ni gaggeeffama.

''Hundaa ol ammoo waltajjii itti odeeffannoon biyya jiruu fi biyya kana jiru mootummaaraas ta’e kominitiirraa hawaasa as jiruuf darbuudha. Barana yeroo 10ffaaf kabajamuusaani walqabatee fooramii biizinasii fi dargaggootaallee sagantaa kana keessatti daballeerra,'' jedhan Obbo Idiriis.

Guyyaan Itoophiyaa kun akkuma Dubaayitti kabajamu Abu Dhabittis ni kabajama. Garuu kominitiin lameenuu walta’uun akka biyyaatti waliin kabaju.

''Kominitiin Itoophiyaa lamaan kun akka UAEtti akkaataa waliin hojjechuu dandeenyurratti karaa formal ta’een karoora baafanneerra. Waliin hojjennee akkaataa itti hawaasa keenya as jiruu fi biyya keenya gargaarru irratti xiyyeeffannee jirra,'' jedhan Obbo Idiriis.