Mana Ijaazaa: UAE'tti manneen lammiileen Itoophiyaa 30- 40 ta’an seeraan ala keessa jiraatan

Haalli kun biyyoota Arabaa lammiileen Itoophiyaa mana namaatti qacaramanii hojjetanitti kan baratameedha. Moggaasa maqaa kanaa namoonni hedduun akka afaan biyyichaatti hubachuun itti fayyadamu.
Dubartoonni mana namaatii hojjetaniifi lammiileen hojii dhaban akka iddoo turtiitti kan itti fayyadamaniidha. Innis ''Mana Ijaazaa'' jedhamuun beekama.
Ijaazaan afaan Arabaatiin qaamaa yookiin jaarmiyaa nama barate tokkoof beekamtii yookiin waraqaa ragaa kennuudha. Asitti garuu akka ''mana aara galfii'' jechuuti.
Garuu manni ijaazaa akka jedhamu kana iddoo aara galfii qofa miti. Namoota dararaa hamaa keessa darbanii fi godaannisa keessoo isaaniitti baatanitu asitti argamu.
Hojjettoota isaaniin kan gudeedaman, qaamni isaanii bishaan ho’aa (bulluqaan) kan gubate, dallaalli gowwoomsee kan kiisii isaanii onse, maatii fi fira dhihoo, akkasumas jaalalleesaaniin kan ganaman, paaspoortiisaanii yeroon haaressuu dadhabuun kan seeraan ala ta’an, waggootaaf hojjetaa turanii kan mindaa dhowwataman fi mudannoowwan gaddisiisoo adda addaa kan qabanitu mana kanatti kooluu-galanii jiraatu.
Jiruu mana ijaazaa Dubaayitti
Biyyoota Arabaa manneen ijaazaa itti argaman keessaa biyyi Baha Giddugaleessaa guddina diinagdeefi teknooloojiin ija addunyaa seenteefi giddugala daldalaa filatamtuu taatee jirtu Dubaay tokko.
Lammiilee biyyattii caalaa lammiilee biyyoota addunyaa garaagaraaf iddoo jireenyaa kan taate Dubaay, bakkeewwan bashannanaafi ijaarsa manneenii qananii ta’an hedduun akkuma beekamtu, manneen namoonni 30 hanga 40 ta’an kutaa tokko yookiin lama keessa jiraatanis of keessaa qabdi.
Bulchiinsa naannolee Yunaayitid Arab Imireetis torba keessaa iddoo daldalaafi hawwata tuurizimii ta’uun jalqabarra kan jirtu Dubaay, bulchiinsota Abu Dhabiifi Shaarjaadhaan daangeffamti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Shaarjaa fi Dubaay akkuma magaalaa tokkooti, garuu bulchiinsa mata mataasaanii qabu.
Namoonni hojiiwwan adda addaa irratti bobba’uun jiruusaanii gaggeeffatan, keessattuu kanneen galii xixiqqaa argatan, Dubaay keessaa hojjetaa jireenyaaf ammoo Shaarjaa filatu.
Jiraattonni akka jedhanitti Shaarjaatti manni kiraa kan Dubaayirra waan hir’isuuf jireenyaaf achi filatu.
Hojii argachuuf ammoo Dubaay wayya. Sababa kanaaf namoonni hedduun hojiif Dubaay, jireenyaaf Shaarjaa filatu. Manni ijaazaa lammiilee Itoophiyaa Shaarjaatti kan baayyateefis sababi ijoon tokko kana.
Birhaanuu Abuutoo (maqaan kan jijjiirame) erga Dubaay jiraachuu eegalee waggaa shan lakkoofsiseera. Mana kutaa xixiqqoo lama qabu kireeffatee Shaarjaa jiraata.
Mana ijaazaati. Mana ijaazaa kana erga eegalee waggaa lama guuteera.
Mana kireeffate kana keessaa lammiileen Itoophiyaa bakka dhaqan dhaban hedduun itti daheeffataniiru. Lakkoofsi namoota mana ijaazaa Birhaanuu jiraatanii haala yeroorratti hundaa’uun ni jijjiirama.
Yeroo garii namoonni hanga 40 ta’an mana inni kireeffate kana keessa akka jiraatan hima Birhaanuun.
Maamiloonni mana ijaazaa Birhaanuu gosa lama. Gariin mana namaa kan hojjetanii fi yeroo boqonnaasaanii asitti dabarsuuf kan dhufaniidha, kaan ammoo sababoota garaagaraan hojiisaanii gadhiisanii bakka qubatan dhabanii dahoo barbaacha kan dhufaniidha.
Wayita gareen BBC garas imalee daawwatetti Birhaanuun mana kutaa xixiqqoo lama kireeffate keessaa namoota 33 qaba.
Kanneen keessaa 16 hojii hin qaban.
Manni ijaazaa Birhaanuu kun kutaan tokko kan dhiirotaa, kutaan tokko ammoo kan dubartootaati.
Garuu dhiirotaa fi dubartoota kutaa garaagaraa kan jiraachisu mana ijaazaa hunda miti jedha Birhaanuun.
Dhiironni fi dubartoonni 30 hanga 40 ta'an kutaa tokko keessa kan bulan jiru jechuun miira gaddaan dubbata.
Hunduu taatee isaan mudate kan yoomuu hin daganne yaadaan qabatanii ittiin wal’aansoo qabu. Hojjetanii mindaan kan hin kaffalaminiif hafe, dallaalotaan kan guwwoomsaman fi mudannoowwan hedduu kanneen qabaniidha.
Birhaanuun mudannoowwan namoonni manasaa jiraatan hanga har’aatti itti himan keessaa kan dubartiin dhiheenya isa bira dhufte itti himte adda ta’uu dubbata.
Hiwot (maqaan kan jijjiirame) jiruu fooyya’aa barbaacha gara Dubaay kan imalte ji’a lama dura. Gara Dubaay kan geessanis dallaalota.
Akkuma Dubaay geesseen gara bulchiinsa Ajmaanitti geeffamte. Ajmaan bulchiinsota UAE torban keessaa tokko.

Mana Ijaazaa- filannoo dhumaa
Hiwot viizaa tuuristii kan ji’a tokkootiin gara Dubaay imaluu dandeesse. Dallaalonni osoo viizaan kun yeroonsaa hin dhumatin hojii eegalsiisanii eeyyama akka baasisaniif waadaa seenaniifii ture.
Kan ta’ee argame garuu faallaa kanaati.
Hiwot akkuma Ajmaan geesseen dubartii Itoophiyaa tokkotti dabarfamtee kennamte.
Dubartiin Hiwotiin fudhatte kunis hojii dallaalummaa hojjatti. Hiwot har’a, bor hojii eegala jettee eegdi- homtuu hin jiru.
Inumaa dubartiin kun ''siin garana fiduuf baasiin baase maatiin kee akka naaf kaffalan itti himi,'' ajaja jedhu Hiwotitti dabarsite.
Maatiin Hiwot harka qalleeyyii waan ta'aniif maallaqa isheen gaafatamte kaffaluu warra danda’an miti.
Haala jiruu fi jireenyaa maatiishee eeruun kaffaluufii akka hin dandeenye hubachiisuuf yaaltus kan garaa laafeef hin arganne.
Haala kanaan Hiwot ji’a lamaaf mana tokko keessatti ugguramtee turte. Viizaan tuuristii ji’a tokkoof jedhamee kennameef duruu obba’e.
Sanaan booda Hiwot UAE keessa jiraachuunshee seeraan ala ta’eera, qaama dhimmi ilaallatutti iyyachuufillee mirga hin qabdu.
Qaama seeraa jalaa dhokachuu qofa, garuu hamma yoomiitti?
Haala isheen keessatti kufte kana akka carraatti fayyadamuun burjaajii keessa ishee galchan.
Isheenis yeroo yeroon gara Itoophiyaa bilbiluun maallaqa gaafatamte irraa kaffalanii lubbuushee akka baraaraniif maatii fi hiriyootasheetti boo’aa turte.
Sanas ta’ee garuu maallaqa gaafatame nama irraa kaffalu argachuu hin dandeenye.
Dubartiin Hiwot bira turtes maallaqa kana kaffaluu akkasheen hin dandeenye wayita hubattu dukkana halkaniin baastee bakkeetti gatte.
Hiwot maal gochuu akka qabduyyuu bitaa itti gale, nama ishee gargaaru tarii akka carraa yoo argatteef daandiirra olii fi gadi deemaa halkan sana dabarsite.
Bari’uusaa dhugaa hin seene, nama Itoophiyaa tokko argattee waan ishee mudate hunda ibsiteef.
Namni kun kallattiin rakkooshee furuufii danda’uu yoo baatellee waan furmaata ta’aaf jedhee yaade filannoo dhiheesseef.
Yeroof mana ijaazaa boqottee achiin booda hojii akka barbaaddattu gorse. Hiwot filannoo biraa waan hin qabneef yaada kanatti waliigalte.
Namni sun Birhaanuu waliin walitti fide. Erga mana ijaazaa Birhaanuu jiraachuu eegaltee torban muraasa lakkoofsisteetti.
Ji’a lamaaf wayita ugguramtee dararamaa turtetti burjaajii fi jeequmsa sammuu ishee mudaterraa kan ka’e hariiroon isheen namoota waliin qabdu baayyee kan daangeffameedha.
Waan isheerra ga’ee duubatti deebitee yaadachuus ta’e dubbachuu gonkumaa hin feetu.
Kun mudannoo lammiilee Itoophiyaa hedduuti. Baayyeensaanii mana namaatti qacaramanii hojjechuuf biyyaa ba’anii kan dararaan irra ga’u irra caalaan ormaan miti, lammiidhuma Itoophiyaatiini.
Dallaalonni akkamiin hojjettoota burjaajessu?
Hojii karaa seera qabeessa ta’een argatan gadhiisanii akka ba’an gochuun kan burjaajessanis dallaalota Itoophiyaati.
Lammiileen Itoophiyaa mana namaatii hojjetan kunneen dallaalota amanuun paaspoortii fi eeyyama jireenyaasaanii bakka itti qacaramanitti dhiisanii harka duwwaa ba’u.
Al takkaa seeraan ala taanaan ammoo jireenyisaanii guutummaatti burjaaja’a.
Hojjettoonni mana namaatti qacaramuuf karaa ejentootaa deeman hojii erga eegalanii booda yeroo murtaa’eef mindaasaaniirraa ejentootaaf kaffalu.
Hojjettoonni hedduun hojiisaanii dhiisanii kan ba’aniif irra caalaa maallaqa kana kaffaluu diduufi.
Kana keessatti ga’een dallaalotaa ammoo olaanaadha. Osoo itti hin dadhabin namoota UAE ga’anitti abbaa ta’anii mana nama biraa galchanii maallaqa irraa nyaachuuf akkas godhu jedhan.
Dallaalonni shira akkasii lammiilee Itoophiyaarratti hojjetan Itoophiyaanota.
Hojjettoota mana namaatti qacaraman amansiisanii baasuuf maloota garaagaraa fayyadamu.
Malli isaan ittiin guwwoomsan tokko ''mindaa fooyya’aa akka argattan ni goona,'' kan jedhu yoo ta’u karaan isaan ittiin itti dhihaatanis hedduudha.
Dallaalonni kunneen hojjettoota mana namaatii miliqsan kunneenitti callisaniima itti hin dhihaatan, jalqaba haalasaanii sirriitti qo’atu.
Keessattuu afaan, sabummaa fi amantiin riqicha dallaalonni ittiin hojjettootatti siqaniidha.
Dallaalaan amantiin yookiin afaan dubbataniin itti dhihaatu ni amanama yookiin salphaatti hubatama waan ta’eef salphaatti ergamasaa raawwata.
Seenaan Abbabach (maqaan kan jijjiirame) ammoo kanarraa adda. Isheen ammoo dallaalota Paakistaaniin guwwoomfamtee harkaa duwwaatti hafte.
Dallaalonni ishee guwwoomsan biiroo mataasaanii banatanii qabu. Balbala biiroosaaniirratti beeksisa waa’eesaanii ibsuu fi bakka bu’iinsa seera qabeessa ta’es warra qabaniidha.
Abbabach kana argitee dallaalota kunneen amanuun eeyyama jireenyaa akka haaressaniif waliigalte.
Yeroo garaagaraatti tajaajila isheef godhameef maallaqa gaafatamtu kaffalaa waggaan tokko dhume.
Yeroo yeroon abdii hin dhumnee fi beellama dhaabbii hin qabne kennuuf. Waggaa ol eegdus homaa wanti ta’e hin jiru.
Erga adeemsa kana eegaltee dirhaama UAE kuma 15 (birrii kuma 230tti tilmaamu) kaffalteetti.
Abbabach yeroo hanga kana eegdee, maallaqa hagana kaffaltee kan ishee mudate garuu waan nama gaddisiisu- Abdiinshee ni dukkanaa’e.
Dhaabbati maallaqa isheen waggootaaf mana namaatti dadhabdee kuufatte hunda muxux godhee harkaa fixe bakka kireeffatee itti hojjetu gadhiisee teessoo isaa balleessee badeera.
Abbabach hanga humnashee dhaabbaticha faana buutee barbaaduuf yaaltus hin milkoofne.
Gara imbaasii fi kominitii Itoophiyaa deemtees gargaarsa gaafachuu hin barbaanne. Dhokattee mana ijaazaa Birhaanuu jiraachuuf dirqamte.
Eeyyami jireenyaa waan duraa obba’eef akkuma hiriyootashee kaanii mana ijaazaa dhokattee waan dhufu eeggachuu filatteetti.
Abbabach haala kanaani kan dhumni ishee mana ijaazaa Birhaanuu ta’e.
Birhaanuun namoota mana ijaazaa isaa jiraatan tokko tokkoonsaanii dirhaama 200 kaffalchiisa.
Kanneen hojii hin qabne mana kiraa irratti dabalataan gatii nyaataas irratti herregee qabata.
Kan hojii qaban yerosuma kaffalu. Hojii kan hin qabne wayita hojii argatan kaffaluuf ''amma duubeedhaan (liqiidhaan)'' jiraatu.
Abbabach namoota fuuldura wayita hojii argatan kaffaluuf ''liqiidhaan (duubeedhaan) jiraatan'' keessaa tokko.
Gariin osoo hojii hin qabaatin hanga ji’a ja’aa mana ijaazaa kana keessaa akka jiraatan hima Birhaanuun.
Namoota isa biratti daheeffatan hedduuf hojii kan barbaadu Birhaanuu mataasaati.
''Hojii kanan barbaaduuf tokkoffaa isaan gargaaruuf. Lammaffaa liqii irra jiru akka kaffalaniif,'' jedha Birhaanuun.
Dabalataan wayita hojii arguufis gatii dadhabbiisaa (komishinii) dirhaama 200 argata. Kun waan Birhaanuun ittiin jiraatu.
Kanas ta’ee garuu hojiin Birhaanuun itti jiru akkaataa seera biyyattiin dhorkaadha.
Mana Ijaazaa banachuu seerri UAE ni deggeraa?
UAEtti Itti Gaafatamaa Qonsilaa Itoophiyaa Dubaay fi Imireetota Kaabaa kan ta’an Ambaasaaddar Akliluu Kabbade, ''Manni ijaazaa mala ittiin dubartoota keenya bakka isaan hojjetanii guwwoomsanii baasuun seeraan ala jiraachisaniidha,'' jedhan.
Akka ambaasaaddar Akliluun jedhanitti manneen ijaazaa ''haala namummaa hin eegneen namoonni hedduun mana dhiphoo tokko keessa akka jiraatan gochaa jiru. Kun ammoo seera biyya kanaan [UAE] kan deeggaramu miti.''
Birhaanuun akka jedhutti ollaa mana ijaazaa isaa maneen ijaazaa biroonis jiru. Namoonni hanga 30 ta’an bakka tokko jiraachuu akka quba qabu hime.
Rakkoon lammiilee Itoophiyaa mudatee mana ijaazaa jiraachuuf isaan dirqamsiise irri caalaan imbasii waliin dubbachuun furamuu kan danda’an jiru.
Haata’u malee lammiileen kunneen imbasiin akka rakkoosaanii furuufiyyuu onnee guutuun hin amanan.
Sababa dararaa mana namaatti irra ga’uun lammiileen Itoophiyaa karaarratti gataman, kan lubbuu dhabanillee jiru.
Birhaanuun akka jedhutti namoonni hedduun mana ijaazaa isaa jiraatan kanneen karaarratti gatamaniifi miidhaa isaan irra ga'eef wal’aansa argatanii fooyya’aniidha.
''Wal’aansallee argachuuf waraqaa eeyyama jireenyaa gaafata. Gariin paaspoortiillee hin qaban. Kanaaf eeyyama jireenyaa hiriyootasaaniitiin yaalamu. Osoo dhukkubsatanii sababa eeyyama jireenyaa dhabuun yaala malee kan hafan hedduudha,'' jechuun waan isa biratti namoota kunneen mudate BBCtti hime.
Dhiheenya kana nama sababa kanaan du’ee karaarratti argame gara biyyaatti akka erganis hime.
''Namoonni reenfa karaarraa kaasuu sodaatanii irraa dheessan. An garuu ofitti murteesseen kaase. Sababa kanaan qormaata guddaan arge. Adeemsa dheeraa booda gara biyyaa ergine,'' jedhe.
Kanarratti imbaasii fi komunitiin Dubaay jiru isaan gargaaruu kan hime Birhaanuun jaarmiyaaleen kunneen jiraachuu taatee akkanaa qofa irratti barra jedhe.
Imbasiin waraqaa imalaa qopheessee reenfa biyyatti erguu qofa hojiinsaa jedha.
Namni biraan mana ijaazaa jiraatu paaspoortii haareffachuufillee imbaasiitti akka rakkatan hime.
Abbabach gamasheen paaspoortii haareffachuuf wayita gara imbasii deemtu buusii kominitiif gaafatamuu himte.
Birhaanuun paaspoortii haareffachuuf duraan diraama 600 kan ture amma 1,200 akka gaafataman ibse.
Gatii kanaan namoota hojii malee taa’an mitii kanneen hojiirra jiraniyyuu haareffachuuf ni rakkatu jechuun gama kanaanis rakkoo keessa akka jiran hime.
''Paaspoortiin kiyya yeroonsaa dhumuuf waggaa tokko qofatu hafa. Haareffachuuf ammoo maallaqa guddaa kaffaluun qaba. Akkamiinan haareffadha kan jedhu baayyee na yaaddessaa jira,'' jette Abbabach.
Namoonni haala kanaan jiraatanii fi kaanis hedduunsaanii carraa imbaasii haala salphaan argatanii tajaajilamuu hin qaban.
''Hedduun keenya imbaasiin eessa akka jiruyyuu hin beeknu. Akkaataan ittiin isaan argannus baayyee ulfaataadha. Kanaafuu karaa namaatiin deemna. Dallaalaa gidduu seenuuf saaxilamna,'' jedha namni mana ijaazaatti dubbisne tokko.
Ambaasaaddar Akliluun komii namoonni dhiheessan kana guutummaatti hin fudhatan.
Hojimaata kanaan dura tureen ''rakkoolee muraasi hin turre jechuun hin danda’amu. Amma mooraa qonsilaa keenyaarraa eegallee tajaajila kenninu sirreessineerra,'' jedhan.
Waliigalatti bulchiinsota UAE torban keessa kan galee ba’u waliin lammiileen Itoophiyaa kuma 200 hanga kuma 300 ta’an ni jiraatu.
Lammiileen Itoophiyaa kutaa UAE hunda keessaa faffaca’anii jiraachuu fi bakki itti tajaajila argatan murtaa’aa ta’uunsaa rakkoo isaan mudatu akka hammeessu ni amanama.
Imbasiin Itoophiyaa UAE jiru maal jedha?
Lammiileen Itoophiyaa rakkoo keessa jiraachuu himatan hedduunsaanii Dubaay fi naannawashee warra jiraataniidha.
Rakkoon kun Dubaay qofa osoo hin taane bulchiinsota biyyattii kaan keessattis akka mudatu UAEtti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Umar Huseen BBCtti himaniiru.
Lammiileen akka odeeffannoo argataniif tajaajila karaa onlaayinii mijeessaa jiraachuu fi keessattuu Dubaay fi naannawasheetti hojiin ragaa namootaa karaa qindaa'een qabachuu (digitization) eegalamuu himan.
Rakkoo paaspoortiin walqabatee ka'errattis akkas jedhan.
''Namoonni manasaaniitti tajaajila akka argataniif haala mijeessineerra. Bakka isaan jiranitti paaspoortiin akka isaan ga'u gooneerra. Gatii geejjibaa muraasa kaffalanii paaspoortiisaanii manatti argatu. Fageenya dheeraa imalanii hanga imbaasii dhufuu isaan hin barbaachisu.''
Karaa miidiyaa hawaasummaatiinis, keessattuu feesbuukiirratti fuula tokko banuun namni hunduu karaa sana tajaajila akka argatu gooneerra jedhan Ambaasaaddar Umar.
Rakkoon namoonni himatan bu'uurri isaa leenjii hubannoo isaaniif kennuun osoo hin ga'oomin dhufuudha jedhan.
''Jalqabuma hubannoo ga'aa osoo hin argatin dhufuutu ture. Lammiileen biyya biraa hedduun as jiraatan ogummaasaanii gabbifatanii qophii guutuun dhufu. Keenya waan hojjetan osoo hin beekne, namaanillee dubbachuuf ga'umsa osoo hin qabaanne dhufu. Kun rakkoo bu'uuraati.''
Rakkoon amma mudataa jiru kuufama duraan ture ta'uu kan himan Ambaasaaddar Umar, ''yeroo ammaa garuu namni Itoophiyaarraa ka'ee xiyyaara yaabbatee garana dhufu kamuu Ministeera carraa hojii fi dandeettii irraa waraqaa ragaa ga'umsa isaa/ishee mul'isu qabatee/ttee dhufa/dhufti,'' jedhan.
Haala kanaan dhawaata dhawaataan rakkoon kun furamaa deema jedhan.
Namoonni duraan ogummaa fi hubannoo biyya kanaa malee dallaala seeraan alaan garana dhufan rakkoonsaanii waa lamarraa madda jedhan Ambaasaaddar Umar.
''Tokkoffaa namoonni hojjetaa kana fudhatan yoo ogummaa fedhan irraa dhaban ofirraa gaggeesssu. Wayita kana isaan ammoo gara biyyaa deebi'uurra miliqanii waraqaa malee seeraan ala jiraachuutti (runaway) seenu. Lammaffaa ijoolleen dallaalota ta'anillee hojjettoota kunneen warra qacaran jalaa baasanii mana tokkotti nama 30, 40 walitti qabanii teessisu.''
Imbaasiin ejantoota seeraan ala hojjetan hordofee eeyyami isaanii akka irraa haqamu gochuun gochasaaniirraa deebisaa jiraachuu fi kanneen seeraan hojjetan jajjabeessaa jiraachuu himan Ambaasaaddar Umar.
Gama kaaniin ammoo poolisoota biyyattii waliin hojjechuun lammiilee Itoophiyaa haala kanaan jiraatan baraaraa jiraachuu himan.
''Poolisoonni biyya kanaa nama bakkeematti waan arganiif qabanii darbuu otoo hin taane rakkoosaarratti akka waliin dubbannu haala mijeessineerra.''
Mana hidhaa warra jiranillee deemanii akka gaafatan kan himan Ambaasaaddar Umar, ''rakkoo isaan ittiin hidhaman wayita qorannoon gariin rakkooma namoonni keenya uumaniini,'' jedhan.
''Namoonni keenya ulaagaa jiruu fi jireenyaa, seera ittiin bulmaataa warri biyya kanaa kaa'atan hin eegan. Isaan ammoo kanaaf araarama hin qaban. Qabanii mana hidhaatti darbu, isa booda biyyasaaniitti akka deebi'an dirqamsiisu.''
Ambaasaaddar Umar akka jedhanitti lammiileen Itoophiyaa seeraan ala UAE keessa jiraatan walitti dhufeenya hin malle uumuun ulfa hin malleef saaxilamanii daa'ima godhatu.
''Daa'imi haala kanaan dhalatu seeraan ala ta'a. Biyya kanatti ammoo namni waraqaa seera qabeessa hin qabne jiraachuu hin danda'u. Mana yaalaa, mana barumsaa dhaquu hin danda'u,'' jedhan.
UAE keessatti namni balleessee gaafatama jalaa hin ba'u, altakkaa balleessinaan ammoo irra darbuun hin jiru. Kanaafuu seera biyyattii beekanii jiraachuun dirqama.
Ambaasaaddar Umar damee diyaaspooraa fi komunitii biyyattii cimsuun hawaasi Itoophiyaa biyyattii keessa jiru tajaajila si'ataa bakka jiranitti akka argatan hojjechaa jiraachuu himan.
''Dameen diyaasporaa keenya rakkoo lammiilee keenya mudatu akka hordofan, mana hidhaa fi hospitaalatti deemanii akka ilaalan gooneerra. Garuu nama hunda dhaqqabuuf kan nu qabe rakkoo baajataa fi humna namaati,'' jedhan.
Jiruu fi jireenya lammiilee Itoophiyaa biyyoota arabaa garaagaraa keessa jiraataniin walbira qabamee yoo ilaalamu haalli UAE jiru fooyyee qaba.
Garuu sadarkaa biyyattiin irra geesseen yoo ilaalamu ammallee hojii guddaatu nu eeggata jedhan Ambaasaaddar Umar.
''Sadarkaa biyyi kun irra geesse, sirna, teeknooloojii, guddina yoo ilaalu kanaa ol hojjechuu dandeenya. Kanaaf ammoo manaa ba'uu, dhaqqabamaa ta'uu yoo dandeenye yeroo muraasa keessatti sadarkaa fooyya'aarra ga'uu dandeenye,'' jedhan.
Hundaa ol garuu leenjii kennuun haala jiru sirriitti hubachiisuu nu gaafata jedhan.












