Imala dargaggoo Obsaa Abaatee Najjoorraa hanga Yuniversitii UAEtti teknooloojii AIn qacaramuutti

Obsaa Abaatee

Madda suuraa, Obsa Abate

Ibsa waa'ee suuraa, Obsaa Abaatee yuniversitii itti baratetti qacaramuun alatti carraa eeyyama jireenyaas argateera

Dargaggoo Obsaa Abaatee Godina Wallaggaa Lixaa magaalaa Najjootti dhalatee guddate.

Ammaan tana ammoo Yuniversitii Zaayid kan Yunaayitid Arab Imiretis, Abu Dhabi keessatti argamutti digiriisaa jalqabaa xumuruun gosa barnootaa Meta Verse and Applied AI jedhamuun gargaaraa qorataa ta'ee hojjetaa jira.

Maatiin xiqqummaasaarraa kaasanii barnoota fooyya'aa akka argatuuf yaadaafii turuu kan himu Obsaan, innis gamasaan barnootasaan dorgomaa ta'e argamuuf baayyee tattaafataa akka ture dubbata.

Obsaan barumsaasaa magaalaa Gimbii mana barumsaa Western Star jedhamutti eegale.

Hanga kutaa 5ffaatti mana barumsaa kanatti erga baratee booda gara mana barumsaa Adventistii Sadarkaa tokkoffaatti ce'uun hanga kutaa 8 achitti barachuu hime.

Kutaa 6ffaa wayita baratu Waldaan Misoomaa Oromiyaa mana barumsaa bultii addaa barattoota collee dorgomsiisee fudhatu banuu dhagahe.

"Osoon kutaa 6ffaa baradhuu Manni Barumsaa Bultii Addaa barattoota jalqabaa fudhachuu akka eegale dhagahe. Barattoonni na dura kutaa 8 xumuran dorgomanii seenaa turan. Yeroo sanarraa eegalee mana barumsaa kana seenee barnoota fooyya'aa barachuuf tattaafachuun eegale.''

Tattaaffii mataasaafi tumsa maatiisaan qormaata kutaa 8ffaa qabxii gaarii mana barumsa kana seenuuf dorgommiif isa ga'u galmeesse.

Qormaata manni barumsaa bultii addaa qopheesse darbuun Mana Barumsaa Bultii Addaa isa jalqabaa Adaamaatti baname seene.

Obsaan barataa saayinsii akka ture, keessattuu barnoota Herregaafi Fiiziksii qabxii olaanaa galmeessisaa akka ture ibsa.

Qormaata kutaa 12ffaas qabxii gaarii fiduun bara 2019 carraa barnootaa (scholarship) argachuun Yuniversitii Zaayid seene.

Barnoota Herregaa fi Fiiziksii danda'uun teknooloojii hubannoo nam-tolchee (AI) fi Business Intellegence akka hordofuuf bu'uura ta'uufii hime Obsaan.

UAEttis barnootasaa qabxii olaanaa fiduun xumuruun bakkuma itti barate Yuniversitii Zaayiditti qacarameera.

Haala kanaan barattoonni Itoophiyaa milkaa'an Obsaan malees hedduutu jiru.

BBCn achitti argamuun akka mirkaneeffatetti barattoonni Itoophiyaa hedduun yuniversitiiwwan UAE keessa jiranitti carraa barnootaa (scholarship) argatanii barataa jiru, kan eebbifamanii achumatti hojii argatanis hedduudha.

UAEn barattoota Itoophiyaaf carraa barnoota kennuun maaliif bakka filatamtuu taate?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Barattoonni Itoophiyaa yuniversitiiwwan UAE keessa jiranitti carraa barnootaa argatanii barataa jiraniifi kanneen eebbifamanii carraa hojii argatan guddina diinagdeefi teeknooloojii biyyattii irraa muuxannoo qooddachuuf carraan argatan guddaa ta’uu BBCtti himan.

Itoophiyaafi UAEn hariiroosaanii akkaan cimsataa jiran keessatti dhimmi irratti waliin hojjechuuf waliin galan keessaa tokko damee barnootaati.

Kana bu’uura godhachuun mootummaan UAE barattoota Itoophiyaa qaxalee ta’aniif carraa barnootaa (scholarship) baneera.

UAEtti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Umar Huseen mootummaan UAE dargaggoonni Itoophiyaa barnootaafi ogummaan akka ga’oomaniif carraa bal’aa baneera jedhan.

Yeroo ammaa barattoonni Itoophiyaa 300 ol ta’an yuniversitiiwwan UAE keessa jiran, keessattuu Abu Dhabiifi Dubaayi keessatti baratu.

Lammiileen Itoophiyaa UAE keessatti ogummaa adda addaan hojjechuuf carraa argatanis jiru.

Hospitaalaafi yuniversitoota biyyattii keessaa namoota hedduutu hojjetu.

Kunis sababa hariiroon biyyoota lameenii cimaa jiruuf carraa argameedha jedhu Ambaasaaddar Umar.

Barattoonni UAEtti carraa barnootaa argatan maal jedhu?

Barattoonni 300 caalan UAEtti baratu
Ibsa waa'ee suuraa, Bitaa gara mirgaatti: Obsaa Abaatee, Boontuu Yismuu, Mabaa Bazzaabbee, Mindaa Ballaxe

Carraa barnootaa Waajjirri Ministeera Muummee Itoophiyaafi Ministeerri barnootaa UAE waliin ta’uun mijeessaniin kanneen fayyadaman keessaa tokko Obsaa Abaateeti.

Mana barumsaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa keessattis barataa qaxalee qabxii olaanaa qabu waan tureef carraa barnootaa fooyya’aa argachuuf nama ga’umsa qabu ture.

Bara 2019 barattoota qormaata kutaa 12ffaa qabxii olaanaa fidanii carraa kanaaf dorgoman 240 keessaa kanneen 40 ta’an qormaata yoo darban isaan keessaa Obsaan tokko.

Kutaa gadiirraa barnootasaan collee akka turee fi carraa barnoota fooyya’aa bilisaa (Scholarship) yaalaa akka ture hime.

Mana barnootaa bultii addaa Waldaa Misoomaa Oromiyaas dorgommiidhaan waan galeef carraa barnootaa akkasii tokko jedhee achitti eegale.

''Kutaama gadiitti hiryoota waliin barannu waliin akkaataa carraa scholarship argachuu dandeenyurratti xiyyeeffachuun hojjenna ture. Barnoota dareen alatti hojiiwwan akkaadaamii (extracurricular activities) hedduu keessatti hirmaachaan ture. Qabxiin dareetti argadhuuf kun walitti dabalamee mana barnootaa bultii addaatti carraa naaf argamsiise.''

Obsaan kutaa 10ffaatti qormaata biyyaalessaa gosa hunda 'A' fiduun qabxii afur argate, kutaa 12ffaattis qabxii 700 keessaa 550 fiduun carraa dorgommii keessaa seenuu argate.

Humnasaa waan beekuuf carraa scholarship gara Awurooppaa fi Ameerikaatii barbaadaa ture, garuu carraa barnootaa mootummaan UAE barattoota qaxalee biyyoota guddataa jiraniif bane kana argatee wayita garas imalu waan itti dhagahame akkanaan dubbate.

''Sadarkaan barnootaa biyya kanaa akka kan biyyoota lixaa olka’aadha jedhee hin eegnen ture. Wayita dhufnu garuu waan eegnee ol arganne. Qulqullinni barnootaa biyya kanaa jaarmiyaalee madaallii barnootaa addunyaarratti beekaman kanneen akka QSA, Times Hire Education jedhamaniin kan mirkanaa’e ta'uun hubadhe.''

Obsaan waggaa afur dura Yunivarsitii Zaayid Abu Dhabi keessatti argamu wayita seenu yunivarsitichi ulaagaa idiladdunyaa kan guutee fi akka itti gammade hime.

Damee barnootaa Information System and Technology Management jedhamu jalatti barnoota Business Intelligence jedhamurratti fuulleffatee qorate.

Scholarship: Biyyoota lixaarraa gara UAE

Barattoonni BBCtti dubbatan duraan carraa barnootaaf yaadisaanii gara biyyoota lixaa akka ture himan, garuu UAE keessatti carraa hedduufi barnoota fooyya’aa arganne jedhan.

''Carraa qorannoowwan (researches) keessatti hirmaachuu baayyinaan argadheera. Qorannoowwan shanii ol keessatti hirmaadhee lamaan isaanii jornaalii addunyaa gurguddaarratti maxaansiiseera,'' jedhe Obsaan.

Gara Ameerikaa imalee sagantaa idiladdunyaa National Conference on Undergraduate Research jedhurratti hubannoo nam-tolchee (Articial Intelligence) irratti qorannoo hojjete dhiyeessuuf carraa argateera.

''Kun hunduu yuuniversitoonni as jiran hagam qorannoof akka xiyeeffannaa kennan agarsiisa. Kun ammoo anaaf carraa guddaadha,'' jedha Obsaan.

Barattuu Mabaa Bazzaabbee ammoo barattoota bara 2022 qormaata kutaa 12ffaa qabxii olaanaa fidan 273 keessaa carraa kana argatte.

Dhalattuun Finfinnee kun mana barumsaa Naazireet irraa qabxii olaanaa fiduun akkasumas qormaata yuniversitichi dhiyeesse darbuun Yuniversitii Zaayid seente.

Damee barnootaa Faayinaansiin waggaa tokko xumurteetti. Duraan carraa barnootaaf yaadishee gara biyyoota Awurooppaa, keessattuu Xaaliyaanii ture.

''Carraa kana wayitan argadhu miira walmakaatu natti dhagahame. Ergan dhufee argee garuu yunivesritiin kun kan biyyoota lixaa yoo caale malee gadi akka hin taane hubadheera,'' jette Mabaan.

Guddinni diinagdee fi teeknooloojii biyyattii keessatti dagaagaa jiru barnoota guutuu ta’e akka argattuuf carraa banuufiis himte.

Boontuu Yismuu mana barumsaa bultii addaa Oromiyaarraa yoo taatu qabxii maatirikii (kutaa 10ffaatiin) carraa kanaaf filatamte, isa booda qormaata mootummaan UAE qopheesse darbuun Yuniversitii Zaayid seente.

Jalqabarratti yaadishee bakka lama akka ture himte.

''Akka nama barnoota fooyya’aa barbaaduu tokkotti carraa kana argachuu kootti gammadeera. Garuummoo biyyichi biyya Muslimaa ta’uusaan aadaa fi duudhaa jirutti baruun mamii keessaa na galchee ture. Aadaa fi amantii kiyyarratti dhiibbaa qaba jedhee yaadda’een ture. Yeroon addana dhufu garuu wantin arge faallaa ta’ee natti mul’ate,'' jette.

Boontuun barnoota fayyaa- Public Health and Nutrition jedhamuun waggaa afuriif barattee dhiyooma eebbifamte.

''Barnoota kiyyarratti beekumsa bu’uuraa waanan qabuuf baayyee hin rakkanne. Ammoo barsiisota muuxannoo qabanii fi teeknooloojii ammayyaatti fayyadamuuf carraa waan arganneef raawwii gaariidhaan barnoota kiyya xumureera,'' jette Boontuun.

UAEtti barachuu maaltu adda godha?

Dargaggoo Obsaa Abaatee barnoota gochaan deeggarame (practical) barsiisota buleeyyii muuxannoo gabbataa qaban irraa barachuutti akka gammade hima.

''Yuniversitoonni biyya kanaa jaarmiyaalee mataa teeknooloojii addunyaa ta’an kanneen akka Meta, Amazon, SAP waliin hariiroo qabu. Sagantaa leenjii, konfiransii fi gorsa yookiin muuxannoo qooduu waliin qabu. Nutis akka waliin hojjennu yunivesitiin haala nuuf mijeesseera. Kana kana yoo ilaalle biyya kanatti barachuun filatamaadha jechuun dandeenya,'' jedhe.

Obsaan waggoota afur Yuunivarsitii Zaayid keessatti dabarseen gama barnoota idileenis ta’e gama barnoota dabalataa fi qorannoowwan adda addaan (extracurricular activities) cimee hojjechuun fudhatamummaa guddaa argate.

''Hojii baruu fi barsiisuu waliigalaa keessatti hirmaannaa gaariin qaban ture. Dhumarrattis qabxii afur keessaa qabxii olaanaa (great distinction) 3.94 fiduunin eebbifame. Kunis akka daree kootti tokkoffaadha.''

Yuuniversitichis qabxii inni argatee fi bu’aawwan qorannoosaa madaaluun akkumanni eebbifameen carraa hojii kenneeraaf.

''Amma Yuniversitii Zaayiditti barnoota Metaverse fi Applied AI jedhamaniin gargaaraa qorataa (Research Assistant) ta’een hojjetaa jira. Dabalataan Mootummaan UAE eeyyama jireenyaa dhaabbataa akkan argadhuuf carraa naaf kenneera,'' jedhe Obsaan.

Barattoonni Itoophiyaa carraa mootummaan mijeessetti fayyadaman akkuma jiran kanneen dhuunfaadhaan dorgomuun yuniversitiiwwan UAE keessa jiran adda addaatti carraa barnootaa argatan jiru.

Kanneen keessaa tokko kan ta’e Mindaa Ballaxee Yuniversitii Niwu Yoork Abu Dhabi jirutti barnoota digirii jalqabaa Ikonoomiksiin xumure.

Kutaa 10ffaa osoo baratuu barattoota mana barumsaatti isa dura baratan irraa dhagahuun innis carraa kana faana bu’ee akka argate BBCtti hime.

''Kutaa 10ffaarraan itti qophaa’uu eegale. Kutaa 11ffaa samisteera tokkoffaa xumureen galmee (application) jalqabe. Qormaata barbaachisu hunda qoramee wayitan xumuru ganaa qabxiin kutaa 12ffaa hin gadhiifamne. Kanaafuu qabxii qormaataa fi tiraaniskiriiptiidhaan na fudhatan,'' jechuun akkaataa carraa barnootaa kana itti argate hime.

Barnoota daree fi qorannoowwan addaa addaa qorachuun raawwii olaanaa argamsiiseen madaalamee achuma yuniversitichatti carraa hojii argate.

''Eebbaaf wayitan ga’u qorannoo fooyya’aa ta’en hojjedhe. Gorsitoonni fi pirofeesaroonni mooraa yuniversitichaa qorannoo kiyya kana arganii waan jaal’ataniif damee qorannoo keessatti gargaaraa ta’ee akkan hojjedhuuf carraa naaf kennan.''

UAEtti barachuusaaniin carraan addaa argatan maali?

Mootummaan UAE namoota investimantii keessatti hirmaannaa gaarii qabanii fi barattoota qabxii olaanaa fidaniif carraa eeyyama jireenyaa- Golden Visa jedhamuun beekamu ni kenna.

Mindaa Ballaxeefis qabxiisaa ilaalanii kennaniiruuf. Kutaaleen UAE keessattuu Abu Dhabi fi Dubai guddinni isaanii ija addunyaa hawwate teeknooloojiin kan deeggaramedha.

Boontuun guddina teeknooloojii biyyattii kana ilaaluun muuxannoo qooddachuuf carraa akka argatte fi qorannoowwan hedduu akka gaggeessituuf haala mijataa argachuu himte.

''Teeknooloojiin akkamiin biyya guddisuu akka danda’u qabatamaan hubadheera. Kun ilaalcha koo naaf jijjiireera.''

Boontuun kutaalee UAE keessa naanna’uun guddina teeknooloojii jiru daawwachuun muuxannoo qooddachuun alatti qorannooshee biyya UKtti dhiheessuu fi qorannoon kunis maxxanfamuu ibsite.

Karaa onlaayinii ammoo barattoota Ameerikaa fi biyyoota Baha Giddugaleessaa hundarraa hirmaatan keessaa tokko ta’uun torbanoota saddeetiif hirmaatteetti.

Umrii guutuu UAE jiraachuuf yaada hin qabdu, garuu carraa eeyyama jireenyaa dhaabbataa argachuu akka qabdu himte Boontuun.

Obsaan barnoota yeroo ammaa addunyaan xiyyeeffannaa kenniteefii jirtu- hubannoo nam-tolchee (AI) dhaan dandeettiisaa gabbifatee hojiis ittiin eegaleera.

Biyya teeknooloojiiwwan ijaarsaa fi hubannoo nam-tolchee (AI) dhaan addunyaarratti beekamaa jirtu, UAE, keessatti barachuun ammoo irruma caalaa muuxannoo akka gabbifatu carraa bal’aa baneeraaf.

Barnootaa fi muuxannoo argate Itoophiyaatti madaqsuuf karoora qaba.

''Muuxannoo indastirii biyya kanaarraa argadhee fi barnootan argadhe, keessattuu AI fi teeknooloojii biyyi keenya itti fayyadamuu dandeessu kanneen akka Coding School banuuf karooran qaba.''

Muuxannoo damee qorannoo keessatti argateen yuuniversitoota Itoophiyaa keessaa jiran keessatti damee Research and Development jedhamu tumsuuf karoorfachuus hime Obsaan.

Barattuu Mabaan muuxannoo kutannoo aadaa hojii fi naamusaa lammiilee UAE irraa baratterraa guddoo akka fayyadamte himte, waan barattee fi muuxannoo argattes faayidaa biyyaaf oolchuun galmashee ta’uu dubbatte.

Barattoonni Itoophiyaa carraa barnootaa UAEtti argatanii barnootarra jiranis kanneen eebbifamanii hojiitti seenan damee barnootaa biyyasaanii tumsuuf kutannoo qaban ibsaniiru.

Boordii Hawaasa Itoophiyaa Abu Dhabi jirutti dura taa'aa kan ta'an Dr Abdulnaasir Haroo barattoonni kunneen muuxannoo argataniin akka biyyasaanii gargaaraniif imbasii fi mootummaa biyya jiru waliin ta'uun hojjetaa jirra jedhan.

''Dhihooma kana barattoonni yuniversitii garaagaraa jiran kitaabilee adda addaa walitti qabuun gara biyyaa erguuf wayita jedhan nuti ammoo akkaataa itti biyya ga'ee yuniversitoonni biyya keenya itti gargaaraman haala mijeessineerra.''

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad Guraandhala 2023 barattoota carraa barnootaa argatan gara UAE wayita gaggeessan barattoonni kunneen ogummaa saayinsii ammayyaa fi kutannoo hojii irratti cichanii muuxannoo qooddachuun dursa biyyasaaniif kennuu akka qaban dhaamaniiru.

Mootummaan UAE barattoota Itoophiyaa, keessattuu damee saayinsii uumamaa fi teeknooloojiin qaxalee ta’aniif carraa mijeessuun akkasaan dandeettii waa uumuu fi bulchuu gabbifataniif akka hojjetu waadaa seeneera.

Ilmi mootii Abu Dhabi Sheek Mohammad bin Zaayid Al Nahyan barattoota bara 2019 carraa barnootaa argataniif wayita dhaamsa dabarsan, egeree addunyaaf beekumsi saayinsii fi teknooloojii bu’uura ta’uu akka amanan himan.

Barattoonni carraa barnoota kanatti fayyadamuun beekumsa saayinsii gabbifatanii akka biyyasaanii tajaajilanis dhaamaniiru.