Tolee Fiqaaduu: Barataa kaalkuleetara hambisuuf foormulaa herreegaa haaraa uume

Madda suuraa, Tolee Fiqaaduu
Tolee Fiqaaduu amma barataa Yunivarsiitii Saayinsiifi Teeknoolojii Adaamaati. Barataa kutaa 12ffaa Mana Barnootaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa ta'e osoo jiruu barnoota herregaa keessatti foormulaa hoji salphisu argate.
Barataa Tolee yaada BBCf kenneen ''foormulaan argadhe gatii tirigonomeetriik fankishinii haala salphaa ta'een harkaan hojjetanii argachuuf fayyada'' jedhe.
Toleen foormulaa kana kan argate waggaa shan dura wayita barataa kutaa 12 ta'ee jiru yoo ta'u, waggoota darban kana argannoosaa kana fooyyessaa fi bifa qo'arannoo saayinsaawaan qopheessaa akka ture dubbata.
Argannoon foormulaa haaraa Tolee tibba kana barruu saayiinsii Yunivarsiitiin Saayinsiifi Teeknoolojii Adamaa baasu irratti maxxanfameera.
Argannoon Tolee mata duree 'Finding the Values of Trigonometric Function without the Use of Scientific Calculators: The Case of Tangent Function'' jedhuun barruu ykn joornalii Saayinsiifi Misooma Walitti Fufaa Itoophiyaarratti maxxanfame.
Barataa Tolee argannoosaa kana bara 2019tti jalqaba barsiisaa herreegaasaaf dhiyeesse. Deebii gaarii argate. Boodas barsiisonni muummee barnoota Herreegaa mana barnootaa WMO walitti qabamanii argannoo Toleerratti dubbatan. Boodas Yunivarsiitiin Saayinsiifi Teeknoolojii Adaamaa dhimmicha akka ilaalu ergan.
''Yunivarsiitiin Saayinsiifi Teeknoolojii Adaamaa bifa lamaan yaada naa kennan. Tokko dhiyeessuuf akka tolutti waanan sirreessuu qabudha. Lammaffaa ammoo bifa waraqaa qorannoon akkan qopheessuudha'' jedha Toleen.
Toleen sirreefama barbaachisu erga taasise booda bara 2019 keessa yeroo duraaf foormulaasaa kana ogeeyyii Yunivarsiitii ASTUf dhiyeesse.
''Ogeeyyii 20 ta'an durattiin dhiyeesse. Isaanis deebii gaarii naa kennan. Sana booda Muummeen Apilaayiid Matimaatiks ji'a afur booda waraqaa ragaa naa ergani.''
''Foormulaan ani argadhe kun waraqaa qorannoo kamuurra akka hin jirre fi kiyya ta'uu naaf mirkaneessan'' jechuun qabiyyeen waraaqaa erganiif argannoosaa kan mirkaneesseef ta'uu dubbate.
Argannoon kun fayidaa maalii qaba?
Barataa Tolee kutaa 12 osoo baratu argannoon foormulaa argate kun barnoota herregaa kan dameewwan herregaa bakka hedduutti hojiirra oolan tirigoonomeetrii, taanjentii fankishiin, Saayiniifi Koosaayin faankishin irratti hojiirra kan oolu akka ta'e dubbata. Kana ammaa garu addatti taanjentiirratti akka hundaa'u dubbate.
Toleen fayidaa argannoosaa wayita ibsu ''foormulaawwan kunneen calculator saayinsawaa irratti harkannoo jiru hir'su'' jedhe.
''Fakkeenyaaf, kanaan dura yoo namni tokko gatii 'tangent function' digrii 5 nu gaafate, deebii isaa argachuuf dirqama 'scientific calculator' yookiin gabatee tangent function of harkaa qabaachuu nu barbaachisa. Amma garuu namni formulawwan kanneen beeku, haaluma salphaa tahee gatii tangent function gaafatame kanaa argachuu danda’a.''

Madda suuraa, Tole Fikadu
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dabalaataan ammoo ''hubannoo saayinsii trigonometry ni cimsa'' jedha.
Toleen Mana Barnootaa Bultii Addaa WMO keessatti haalli jiruu fi barattotni isa dura turanis barnoota idileen cinaatti waan haaraa argachuuf akka kaka'an wanti hamilee horu jiraachuu himeera.
Foormulaansaa haaraan kun dameelee adda addaa keessatti madqafamee akka hojiirra ooluu dada'u oogeeyyii waliin hojjechuuf fedha akka qabu barataa Tolee himeera.
Sadarkaalee barnootaa adda addaa keessattis barsiifamuu fi barattootnis ''osoo foormulaa kana baranii gaariidha'' jedha.
Toleen yeroo ammaa Yunivarsiitii Saayinsiifi Teeknoolojii Adaamaatti School of Electrical Engineering jalatti, Injinariingii meejarii lamaa (dual major B.Sc degree ) Electronics and Communication Engineering(ECE) fi Computer Science and Engineering (CSE) barachaa jira.
Barnootni 'dual major B.Sc degree' Itoophiyaa keessatti ASTU keessatti qofa kan kennamu yeroo ta'u, barattoota qaroo qabxii gaarii walitti fufinsaa galmeessantu argata.












