Ballaxach 'Caaltuu' Dheressaa: Dubartii Oromoo hojii fi barnootaan biyyoota 70 ol waliin gahan

Ibsa waa'ee viidiyoo, Ballaxach Dheeressaa dubartii Oromoo jalqabaa PhD argataniidhaa?

Ballaxach Dheeressaa jedhamu, biyyaa erga bahanii Ameerikaa jiraachuu jalqabanii waggaa 40 darbeera. Biyyoota 73 keessa naanna’uun hojiilee deeggarsa namoomaa, barsiisuu fi dhimma haqaa irratti hojjetaa turan, amma soorama bahanii boqonnaarra jiru.

Seenaa isaanii magaalaa lixa Oromiyaarraa ka’ee biyyoota addunyaa waliin gahe nuu qoodaniiru.

Dhiyaadhaa!

Maqaan koo Ballaxach Dheeressaa Saasiggaa dha, warri Oromoo immoo Caaltuu naan jedhu. Naannoo Gimbii iddoo Haaruu jedhamtutti dhaladhus kanin guddadhe garuu Najjootti.

Barnoota sadarkaa jalqabaa Najjoo Swedish Mission School mana barumsaa jedhamuttin baradhe. Haati koo fi abbaan koos otoo Xaaliyaaniin hin galiin achitti baratan. Sadarkaa lammataa immoo Ethiopian Evangelical College Bishooftuu turettin bare.

Akkoon koo jechuunis haati haadha koo Boojjiidhaa bahanii Najjootti kan galan warri misiyoonii Siwiidiin mana barnootaa bananiiru jennaani.

Achi galanii durba lamaafi dhiira sadii barsiifatan, yeroos abbaan warraa irra hin jiru ture. Haati koos akkasuma faanashee hordofteeti unuun nu barsiifte. Hiikaan barnootaas akkasitti daddarbaa dhufe. Anis kanumaafan barumsa jaaladhe.

Barnoota Yunivarsiitii Haayilessillaasee barachuu barbaadus yeroos yennaa Haayillasillaaseen aangoorraa bu’uu jala waan tureef, barumsa koo itti fufuu hin dandeenye ture.

Achii baheen piroojektii Baakoo jedhamu irratti hoggantuu itti aantuu tahuun waa’ee diinagdee maatii ofii guddisuu barsiisaan ture.

Waggaa lama booda Paartiin Siyaasaa Dubartootaa Siwiidiin, Qonnaa fi Dinagdee maatii guddisuu Yunivarsiitii Egartan, Keeniyaatti na ergetu, barachuun hoggantummaaf olaanaaf of qopheesse.

Haa tahu malee biyyatti yoon deebi’u piroojektiin sun cufamee waan tureef Boojjiitti deebi’een dhimma dubartootaa irratti otoon hojjechaa jiruu Federeeshiniin Addunyaa Luutaraanii, Jeneevaarraa hojiif akka na barbaadan natti himan.

Isaan wajjiin ammas dhimma dubartootaarratti waggaa lamaaf hojjedhee sana booda gara Ameerikaa barnoota koo itti fufuuf adeeme.

Ayoowaa Isteet Yunivarsiitii bara 1981’ttin dhaqee digrii jalqabaa barnoota Consumer Science jedhamuunin fudhadhe, digrii lammataa isa jalqabaa Consumer Education kan jedhamuun, PhD immoo Micro Economics and Family Enviroment barnoota jedhamuun argadhe.

Sana boodammoo digrii lammataa biraa bulchiinsa daldalaan Yunivarsiitii Chikaagoo irraa fudhadhe, sana boodas digrii addaa ‘Master in Health Service Administration’ kan jedhuun Yunivarsiitii Waashingtan irraa eebbifameera.

Barnoota PhD ergan xumuree booda Yunivarsiitii Minisootaa jiru keessatti piroofeesara gargaartuu tahee tajaajileera.

Isa booda waamicha Evangelical Lutheran Church jedhamu irraa na qaqqabeen, guddina biyyoota addunyaa fi deeggarsa yeroo balaa taasifamu irratti hojjechaa ture.

Baqattoota warra balaan lolaa irra gahee qe’ee isaaniirraa buqqa’aniifi namoota dhukkuba HIV’n qabaman deeggaruudhaan guddina waaraa tahe akka qabaatan gochuurrattin daarikatara taheen hojjechaa ture.

Hojii kanarratti waggaa diigdama yeroon dabarsu biyyoota 73 adeemeen deeggarsi nuti achii gad erginu hojiirra ooluusaa, namoonni deeggaramuusaanii fi gargaarsa biraa akka isaan barbaadanillee hordofaa ture.

Yeroo duguuggaa sanyii Ruwaandaa garas dhaqee gara-jabeenya ilma namaa argee yeroon itti gadde yoo tahu, Baangilaadeshitti immoo lafa deeggarsi fayyaa hin jirretti hospitaala ijaarsisnee dubartoonni achitti yoo dahan taajjabuun yaadannoo na gammachiisan keessaati.

Kitaaba ‘Oromtittii’

Kitaabni kuni ‘Oromtittii, The Forgotten Women in Ethiopia history’ jedhama. Waa’ee dubartii Oromoo seenaa Itoophiyaa keessatti irraanfatamteeti kitaabichi.

Warra dhiiraa 'ilma Ormaa' jedhu ishee dubaraa immoo maaliif Oromtittii hin jennu kan jedhuunin maqaa kana kenneef. Kitaaba kana otoo 2003tti hin maxxansiisiin dura waggaa dheeraa ture.

Ani warreen Waldaa Qorannoo Oromoo bara 1986tti hundeessan keessaati, achitti waa’ee aadaa, diinagdee fi siyaasa biyyaa irratti mari’anna, animmoo waa’ee dubartootaan haasa’a ture.

Ana qofaatu waa’ee dubartootaa dubbata, dubartiin Ameerikaa Boonii Holkomb, kan nuti Qabbannee jennuun na faana jirti ture.

Yeroos kitaaba Oromoo Dimookiraasii jedhu nama shan taanee barreessuuf erga waliigallee booda, Dr Asmaroom Laggasa kan yeroos nu gaggeessaa ture biyyasaatti galee hafe jennaan kitaaba kana qofaatti barreessuun jalqabe.

Kitaabni kun kan irratti xiyyeeffatu dubartoonni Oromoo biyya sanaaf maal godhaa turani, dubartoota kanneen akka Warqituu faa kan Walloo bitaa turan waa’ee isaanii namoota biyya alaatu baayyee barreesse gatii taheef isa walitti qabeen namni akka baruuf gochuu yaale.

Kaanimmoo dubartoota gama barnootaan Onasmoos Nasiib waliin turan kanneen akka Asteer Gannoo, Liidiyaa Dilboo fi Aadde Feeban haadha koo faa barsiisaniiru.

Gama biraan yeroo bara Dargii dubartoota sababa ilaalcha isaaniif ykn abbootiin warraa isaanii yeroo biyyaa bahan saba isaanii dabarsanii gatii hin kennineef mana hidhaa bu’an jajjaboon turan ammallee jiru - waa’ee isaaniis kitaabicha keessa galcheera.

Dhumarratti waa’ee sirna Siiqqee Asmaroom Laggasa waliin mari’achaa ''aadaa ergisaa malee Oromoon dubartii akka hin cunqursine,’’ waanin bareefin kana dabarsuu barbaadee barreesse.

Dubartii Oromoo PhD argatan ishee jalqabaa?

Dr. Ballaxach Dheeressaa uffata eebbaa keewwatanii

Madda suuraa, Dr. Ballaxach

Ani dubartii Oromoo jalqabaa digrii sadaffaan eebbifame tahuu koo hin beeku, garuu ani waggaa 35 dura yeroo PhD koo fudhadhu dubartii Oromoo PhD qabdu hin beekun ture.

Dubartii maastarsii qabdu tokko nan beeka, kanaaf anuma natti fakkaata garuu yoo jiraatan baruun barbaada.

Yeroo haara galfii

Waggaa dheeraa barachaa fi hojjechaa ture, inni immoo dadhabbii baayyee qaba, kanaaf amma abbaa warraa koo Dr Baahiruu Gammachuu waliin magaalaa Ameerikaa Joorji Taawon jedhamtu kan Waashingitan irraa xiqqoo fagaattee argamtu keessatti haaragalfii irra jira.

Haa tahu malee yeroo barbaachisaa tahetti waa’ee dubartii Oromoos tahe waa’ee biyyaa nan barreessa.

Ijoolleen shamarranii adaraa barumsa keessanitti cimaa! Yoo barattan isa kan sammuu keessan keessaa fudhatu hin jirun isiniin jedha.

Maatiin ijoollees akkasuma ijoollee dubaraafi dhiiraa qixxee barsiisaa, gaafa waan gaariirra gahan isiniinuu deeggaru.