Nyaatni warshaatti qophaa'ee saamsamee dhiyaatu umurii nama gabaabsaa?

Madda suuraa, Getty Images
Namoonni nyaata warshaalee keessatti qophaa'ee fi sukkaara dabalataa baay'ee of keessaa qabu nyaatan yeroo malee du'uuf carraan isaanii guddaa ta'uu akka danda'u qorannoon UK fi Ameerikaa dabalatee biyyoota saddeet keessatti gaggeeffame mul'iseera.
Oomishaaleen warshaa keessatti hojjetaman kan namootni hedduu addunyaa irratti itti fayyadaman akka Foonii, biskuutii, dhugaatii lallaafaa, ayiskireemii fi midhaan cireef saamsamanii gurguraman fakkeenya soorata warshaa keessatti qophaa'uu ta'uu danda'u.
Nyaatni warshaa keessatti qophaa'an kun yeroo baayyee wantootaa fi keemikaalota nyaata manaa keessatti hin fayyadamne of keessaa qabu.
Kunis mi'eessituu fi keemikaalota bifa nyaataa fooyyessuufi mi'eessuuf itti dabalamaniidha.
Ogeeyyiin tokko tokko nyaatni warshaa keessatti qophaa'ee fi saamsamee dhiyaatu fayyaa irratti dhiibbaa akka qabaatutti maalif walqabsiisanii akka kaasan ifa miti.
Nyaatni kunneen adeemsa warshaalee keessatti itti qophaa'anii wajjin walitti dhufeenya akka qaban ragaaleen tokko tokko yoo jiraatan iyyuu, cooma, soogiddaa fi sukkaara nyaata keessatti baay'inaan argamu irraa kan ka'e akka ta'es qorannoowwan kan eeran.
Nyaata warshaatti qophaa'ee fi saamsamee dhiyaatu ilaalchisee kam faa akka ta'an kan namni hundi irratti walii galuu danda'u hin jiru.
Garuu akka ramaddii ogeeyyii nyaataa addunyaatti nyaatootni akka biskuutii(Kukisii), daabboo supermaarkeetii irraa bitamu, soseejii, bargarii, shoorbaa, mi'eessituuwwaan, aannan daa'imaa fi kanneen biroo hedduun ni eeramu.
"Kimikaalota namtolchee".
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qorannoon 'American Journal of Preventive Medicine' irratti maxxanfame, qorannoowwan kanaan duraa dhiibbaa nyaatni warshaa keessatti qophaa'ee fi keemikaalota addaa addaa baay'ee of keessaa qabu umurii nama gabaabsuu irratti qabu madaalan ilaaleera.
Haa ta'uu malee qorannoon kun nyaanni warshaa keessatti qophaa'u yeroo malee du'a akka fidu mirkaneessuu hin dandeenye.
Sababni isaas, hammi nyaata fi qabiyyeen namni tokko nyaatu haala waliigalaa, sadarkaa sochii qaamaa, akkaataa jireenyaa waliigalaa fi qabeenya namootaa wajjin kan walqabatu waan ta'eef.
Qorannoon kun qorannoowwan ragaa soorataa fi du'a namoota kanaan walqabatu jedhaman kan biyyoota saddeet irraa argame ilaaleera.
Biyootni saddeettan kunneenis Awustiraaliyaa, Biraazil, Kaanaadaa, Chiilii, Kolombiyaa, Meeksikoo, Yunaayitid Kingidam fi Ameerikaadha.
UK fi US keessatti namootni yeroo malee du'an keessaa dhibbeentaan 14 kan nyaata warshaa keessatti qophaa'ee fi keemikaalota nyaatatti godhamaniin waliin walqabatee jiraachuu mala jedhamee tilmaamama.
Biyyoota akka Kolombiyaa fi Biraazilitti ammoo aadaan fayyadama nyaata saamsamaa baay'ee gadi aanaa waan ta'eef, nyaatni kunneen umuri malee nama ajjeesuu keessaa dhibbeentaa 4 waliin walqabatee akka jiru eerameera.
Qorannicha kan hoogganan lammii Biraazil Dr. Eduwardo Nilsson akka jedhutti nyaatni warshaa keessatti qophaa'uu fi keemikaalotni adda addaa itti godhan fayyaa irratti dhiibbaa qaba.
"Kun kan ta'eef jijjiirama nyaata irratti yeroo indastirii keessatti qophaa'u wantoota namtolchee kanneen akka mi'eessituu namtolchee, keemikaalota hedduu itti dabalaman irraa kan ka'edha."
Ogeeyyiin qorannoo kana gaggeessan akka tilmaamanitti, bara 2018tti Ameerikaatti namoonni 124,000 sababa nyaata warshaa keessatti qophaa'ee fi saamsameen yeroo malee kan du'an yoo ta'u, UK keessatti ammoo namoonni gara 18,000 ta'an akka du'an amanama.
Qorannoon kun akka jedhutti mootummoonni namootni nyaata akkasii kana akka hir'isan jajjabeessuuf gorsa nyaataa fooyyessuu qabu.
Garuu gareen ogeeyyii soorataa mootummaa UK nyaata warshaa keessatti qophaa'ee fi fayyaa dhabuu gidduu walitti dhufeenyi cimaan akka jiru ragaan cimaan agarsiisu hin jiru jechuun falmu.
Gaaffilee deebii'uu qaban
Lakkoofsi qorannoo kana keessatti caqasame dhiibbaa nyaatni warshaatti qophaa'ee fi samsamee dhiyaatu fayyaa namaa irratti qabu ilaaluu irratti kan hundaa'edha.
Yunivarsiitii Openitti Piroofeesara Istaatistiksii hojiirra olmaa kan ta'an Keevin Maakoonweey akka jedhanitti, qorannoon kun foormulaawwan herregaa baay'ee fayyadamuu fi argannoon kun maal jechuu akka ta'e akka yaadu isa taasiseera.
"Nyaatni warshaatti qophaa'e fayyaa irratti miidhaa qabaachuu fi dhiisuu isaa ammallee deebii ifa ta'e hin jiru, akkasumas ragaan oomisha warshaatti qophaa'e kamiyyuu du'a yeroo malee waliin walqabsiisu hin jiru."
Kanarraa kan ka'e, garaagarummaan du'a namoota nyaata qophaa'e hamma adda addaa nyaatan gidduu jiru garaagarummaa fayyadama nyaataa irraa kan ka'e ta'uu isaa waanti mirkanaa'ee hin jiru.
"Qorannoo akkanaa irraa du'a namoota dhuunfaa kanaaf sababa ta'e sirriitti beekuun hin danda'amu."
Yunivarsiitii Oksifoorditti ogeessi soorataa fi furdina garmalee Dr. Neryis Astiburey qorannoon kun daangeffamaa ta'uu isaa irratti walii galu.
Nyaatni humna kennaan, kanneen coomaafi sukkaara baay'ee qaban nyaachuun dhukkuba sukkaaraa, furdina garmalee, dhukkuba onnee fi kaansarii fiduun yeroo malee du'uuf sababa ta'uu akka danda'u ni beekamaa tur jedhan.
"Nyaatni warshaa keessatti qophaa'u hedduun keemikaalota kanaan kan badhaadhedha" kan jedhan Dr. Neryis qorannoon hanga ammaatti gaggeeffame nyaatni warshaa keessatti qophaa'u "nyaata humna kennuu, coomaa fi sukkaara baay'ee qabu" irraa kan hafe sababa biroo kallattin wal qabatu irratti mirkaneessuu akka hin dandeenye himaniiru.
''Qorannoon gosa kanaa nyaata warshaa keessatti qophaa'e nyaachuun miidhaa akka qabu mirkaneessuu hin danda'u,'' jedhu Yunivarsiitii Kaambiriijii irraa Dr. Isteefan Burges.
Federeeshinii Nyaataa fi Dhugaatii, kan oomishtoota bakka bu'u garuu wantootni oomishtoonni nyaataa itti fayyadaman hundi Ejensii Istaandardii Nyaataatiin kan mirkanaa'an waan ta'eef nyaachuu fi dhuguuf fayyalessa akka ta'an falma.












