Furdinni akka mallattoo duroomaatti ilaalamaa ture lubbuu galaafataa jira

Madda suuraa, Getty Images
Furdinnii fi garaachi guddaan bakka baayyeetti akka mallattoo badhaadhinaa, gammachuu fi kabajaatti ilaalamaa ture mataduree qoosaafi qeeqa hawaasaa erga ta'ee bubbuleera.
Garaachi guddaan hog-barruu keessatti qananiifi jireenya sifaa'aa agarsiisuuf oola ture. Fiilmiiwwan keessatti ammoo angawaa dadhabaa, nama ofittoo fi poolisii matta'aan gabbate agarsiisuuf faayidaarra oola.
Fakkiiwwan kaartuunii keessatti ammoo namoota siyaasaatti qoosuuf filatamaadha.
Haata'u malee, baadiyyaa biyya Hindiitti garaachi guddaan iddoo olaanaa namni tokko hawaasa keessatti qabu agarsiisa. Namni garaacha guddaa qabu 'nama nyaata gaarii akkaan sooratudha' akka jechuuti.
Haata'u malee, wanti lammiilee Hindii biratti akkaan leellifamaa ture kun biyyattii keessatti yaaddoo erga ta'ee bubbuleera.
Furdinni garmalee biyyattii keessatti sadarkaa olaanaan dabalaa jira- garaa guddaan akka waan miidhaa hinqabnetti ilaalamaa tures dhimma lubbuuf yaaddessu ta'eera.
Hindiin ALA bara 2021'tti biyyoota lakkoofsa ga'eessota furdina garmalee olaanaa qaban keessaa Chaayinaatti aanuun sadarkaa lammaffaarratti argamti. Waqtii sanatti lammiilee biyyattii keessaa miliyoonni 180 furdina/ulfaatina garmaleen kan miidhaman turan.
Qorannoon haaraan barruu Laanset irratti maxxanfame immoo lakkoofsi kun ALA bara 2050'tti gara miliyoona 450'tti ol guddachuu akka danda'u hima.
Akka addunyaattis ga'eessota hunda keessaa walakkaa ol kan ta'an akkasumas ijoolleefii dargaggoonni dhibbeentaa 33 ta'an furdina garmaleef saaxilamuu akka danda'an tilmaamameera.
Rakkoo furdina garmalee kana keessatti dhimmi lammiilee Hindiif yaaddessaa ta'e tokko furdina garaa yookiin kuufama cooma naannoo garaati.
Furdinni garaachaa taatee wayita kuufamni cooma (fat) hanga barbaadamuu ol naannoo garaachaatti argamu uumamudha.
Qorannoowwan furdina garaachaan walqabatanii taasifamanis taatichi saaxilamummaa dhukkuboota akka sukkaaraafi onnee waliin kallattiin hidhata akka qabu agarsiisu.

Madda suuraa, Getty Images
Furdinni garmalee garaachaan alatti kutaalee qaama keenyaa garagaraarratti kan mul'atu yemmuu ta'u, isaan keessaa ijoon luqqeettuu, qomafii teessumadha.
Akka Hindiitti lakkoofsi namoota furdina garaachaatiin miidhaman sadarkaa yaaddessaa jedhamurra kan argamu yemmuu ta'u, dubartoonni dhibbeentaan 40 akkasumas dhiiroliin dhibbeentaa 12 furdina garaachaa garmaleen kan miidhaman ta'uu ragaan Qorannoo Fayyaa Maatii Biyyaalessaa (NFHS-5) agarsiisa.
Akka qajeelfama biyya Hindiitti namni tokko furdina garaa garmalee qaba kan jedhamu dhiiraaf mudhiin seentimeetira 90 ol yoo ta'e dubartiif ammoo seentimeeetira 80 ol yoo ta'edha.
Akka biyyattiitti kunneen baadiyyaa jiraatanirra kunneen magaalota keessa jiraatan rakkinichaaf caalmaatti saaxilamoo akka ta'anis ragaaleen agarsiisu.
Garuu coomni garaa maaliif dhimma yaadessaa ta'e?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sababoota coomni garaa dhimma ijoo fayyummaa namaan hidhata qabu itti ta'e keessaa tokko hormonii insuliinii waliin walqabata.
Kunis coomni naannoo garaa qaamni keenya hormonii sukkaara dhiiga keessaa to'atu insuliiniif deebii akka hinlaanne taasisa. Itti fayyadama insuliinii qaama keenyaa jeequunis sukkaara dhiiga keessaa to'achuu ulfaataa taasisa.
Hindii dabalatee lammiileen biyyoota Kibba Eezhiyaa warra adii waliin yeroo madaalaman qaama isaanii keessa hammeentaa cooma olaanaa akka qaban qorannoowwan agarsiisu.
Gama biraatiin faca'iinsa cooma kutaalee qaama namaa garagaraaf sababni maal akka ta'e hanga ammaatti haalaan hinbaramne.
Haata'u malee. yaadiddamni jijjiirama tirannaa, sababni coomni naannoo garaachaatti itti kuufamuuf haala jireenyaa jaarraawwan dura tureen hidhata akka qabu hima.
Hindiin jaarraawwaniif beelafii hanqina nyaataaf saaxilamaa turte. Kunis dhaloonni heddu nyaata xiqqoo qofa soorachuun akka ofjiraachisan taasiseera.
Haalli akkanaa kun qaamni namaa haala rakkisaa dandamachuun hamma soorata xiqqaan jiraachuu akka baru taasiseera.
Haaluma kanaan qaamni namaa wayita soorata argatutti iddoo anniisaa itti kuufatu barbaaddachuu eegale. Kanaaf mijataa kan ta'efii akka fedhetti guddachuu/bal'achuu kan danda'u immoo naannoo garaachaati. Kanaafis qaamni namaa naannoo garaatti cooma kuusuu eegale.
Haata'u malee yeroon beelaa erga darbeefii sooranni gahaan waqtii jiruttillee qaamni namaa cooma naannoo garaatti kuusuu itti fufe, sadarkaa fayyaa namaa miidhus gahe.

Madda suuraa, Reuters
Hindii keessa hoggantuu dhaabbata dhibee sukkaaraa, dhibeewwan meetaaboolizimii fi Indokirinoloojii irratti hojjetu 'Fortis-C-DOC Centre' kan ta'an Anoop Misra, yaadiddamni kun qabatamaan mirkanaa'uu baatullee sirrii ta'uu akka danda'u himu.
Bara darbe keessa doktoroonni dhaabbata dhimma furdina garmalee irratti hojjetuu (Indian Obesity Commission) Indiyaanota Eezhiyaaf qajeelfama furdina garmalee iddoo lamatti ramaduun hiiku baasan.
Qajeelfamni kun reeshoo dheerinaafii ulfaatina qaamaa 'BMI' (Body Mass Index) jedhamuun dabalataan faca'iinsa cooma qaama keessaa, gosa dhibeefii fayyummaa qaamaa irratti hundaa'uun furdina garmalee iddoo lamatti kan qooduudha.
Ramaddiin furdina garmalee inni duraa namoota BMI guddaa qaban, garuummoo naannoo garaachaatti kuufama coomaa hinqabnefii fayyummaan qaama isaanii gaarii ta'e ofkeessatti qabata.
Namoonni akkanaa soorata isaanii akka sirreessanfii sochii qaamaa yoo hojjetan, al tokko tokko immoo qoricha yoo itti fudhatan miidhaa furdina garmaleen dhufu hambisuu akka danda'an hakiimonni himu.
Ramaddiin inni lammaffaa namoota naannoo garaachaatti kuufama coomaa qaban kan ilaallatu yemmuu ta'u, yeroo baay'ee dhibeewwan akka sukkaaraafii dhukkuba jilbaa kan qabanidha.
Furdinni gosti kun miidhaa olaanaa kan qabu yemmuu ta'u, hordoffii fi yaala cimaa barbaada.
Dabalaa adeemuu lakkoofsa namoota furdina garaan miidhamaniif sababni ijoon jijjiirama haala jireenyaa akka ta'e doktoroonni Hindii himu. Kunis soorata fayya-qabeessa hintaanefii battalatti qophaa'an baay'inaan soorachuun kan walqabatu akka ta'e himu.
Kanaaf maaltu godhamuu qaba?

Madda suuraa, AFP
Rakkoo furdina garmalee lammiilee Hindii yaaddessaa jiru xiqqeessuuf haala jireenyaa (lifestyle) lammiilee biyyattiirratti jijjiiramni cimaan akka barbaachisu beektonni gorsu.
Kuufama cooma garaafii furdina garmalee ittisuuf dhiirolii Awurooppaaf torbeetti daqiiqaa 150'f sochii qaamaa gochuun gahaa ta'ullee dhiiroliin Kibba Eezhiyaa garuu torbeetti daqiiqaa 250-300'f sochii qaamaa taasisuu akka qaban qorannoowwan agarsiisu.
"Qaamni keenya cooma hamma barbaachisuu ol hogganuurratti cimaa miti" jedhu Dr. Misraan.
Dhumarrattis furdinni garaa dhimma itti qoosamu qofa osoo hintaanee rakkoo fayyaa itti aansee dhufuuf mallattoo dursaa waan ta'eef dhimma akka laayyeetti ilaalamuu hinqabne akka ta'e ogeeyyiin himu.












