Sababoota afur Tiraamp daawwannaasaatiin ammas Galoo Galaanaatiif dursa kenneef

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp wayita xiyyaara seenuuf jedhan yoo harka raasan , Ebla 29, 2025

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Daawwannaan Tiraamp Galoo Galaanaatti taasisan kunis imala bara aangoosaanii marsaa lammaffaa biyya alaa jalqabaa ta'eeti karoorfame

Pirezidantiin Ameerikaa tokko biyya alaa imalasaa jalqabaatiif eessa gochuuf filachuun murtee barbaachisaa ta'edha. Yeroo baay'ee immoo akka qajeelfama dursa imaammata alaatti fudhatama.

Caamsaa bara 2017 keessa Doonaald Tiraamp duudhaa pirezidaantota Ameerikaa ammayyaa kanneen akka idileetti dursanii Kaanaadaa, Meksikoo ykn Awurooppaa daawwachuu filatu cabsan.

Sana gochuurra, imala jalqabaa marsaa pirezidaantummaasaa jalqabaatiin biyya qabeenya boba'aan badhaate Sa'ud Arabiyaa daawwachuu filatan. Ammas erga gara Waayit Haawusitti yeroo aangoo lamataatiif deebi'anii boodas Tiraamp torban kana (Caamsaa 13 - 16) gara Galoo Galaanaatti deebi'uuf jiru.

Akka duraan baranitti, Sa'ud Arabiyaa, Kaataar fi Yunaayitid Arab Emiretis filachuun, kun Tiraamp marsaa lammaffaa isaaniitiin daawwannaa biyya alaa kan jalqabaa ta'uu qaba ture. Garuu ji'a darbe sirna awwaalcha Phaaphaasii Firaansisirratti hirmaachuuf gara Vaatikaanitti imala hin eegamne godhaniiru.

Tiraamp ammas naannoo Galoo Galaanaa keessatti mallattoo jalqabaa kaa'uu filataniiru, kunis yaada qaban irratti hubannoo tokko tokko nuuf kennuu danda'a.

Tiraamp hoggantoota Galoo Galaanaa waliin hariiroo cimaa horachuun bu'aa siyaasaa fi dinagdee guddaa akka argamsiisu kan hubatan fakkaatu.

Sababa dhiibbaa naannoo fi addunyaa, akkasumas dandeettii invastimantii guddaa biyyoonni kunneen gara UStti geessuuf qaban hubachuu hin ollee jechuun, qorataan Omaan dhimma Galoo Galaanaarratti beekkamtii qaban, Piroofeesar Abdullaah Baabood BBCtti himan.

Sababoota afur Tiraamp hawwachuu hin ollee jedhaman kanneen tokko tokkoon haa ilaalu.

1. Daldala olaanaa

Tiraamp karoorasaa jalqabaa baatii Guraandhalaa keessa yeroo beeksisanitti, biyyoota Arabaa dureeyyii waliin waliigaltee dinagdee uumuun hojii ijoo duraa ta'uu ifatti dubbataniiru.

Murtoon kun kan murteeffame erga ''dhaabbilee Ameerikaa Sa'ud Arabiyaa fi bakkeewwan biroo Baha Giddu-galeessaa keessatti meeshaalee hojjechuuf deeman'' waliin waliigalteen ''doolaara biliyoona dhibbaan lakkaa'amu'' waadaa isaaniif galameen boodadha'' jedhanii ture.

"Biyyoonni Galoo Galaanaa kuusaa maallaqaa, fandiiwwan qabeenya biyyaa fi dandeettii invastimantii bal'aa qabaniin, dinagdee addunyaa keessatti gahee olaanaa bahan qabu," jedhan Piroofeesar Baabood.

Tiraamp rakkoo dinagdee biyya keessatti mul'atu hubachuudhaan, faayidaa hariiroo biyyoota Galoo Galaanaa dureeyyii ta'an waliin qabaachuu hubataniiru jedhan dabalaniiru.

Ameerikaan bara aangoo Tiraamp jalqabaatti Sa'uudii waliin waliigaltee doolaara biliyoona dhibbaan lakkaa'amu mallatteessite, Guraadhanala 20, 2018

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ameerikaan bara aangoo Tiraamp jalqabaatti Sa'uudii waliin waliigaltee doolaara biliyoona dhibbaan lakkaa'amu mallatteessite
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara 2017 keessa, Tiraamp, gurgurtaa meeshaalee waraanaa doolaara biiliyoona 110tti tilmaamaman dabalatee, waliigalteewwan doolaara biiliyoona 450 ol baasuutti ol guddisee ture.

Yeroo kanattis, waliigalteewwan bu'aa guddaa argamsiisan waadaa galuudhaan mata duree oduu ta'aa kan turan yoo ta'u, invastimantii hanga doolaara tiriiliyoona tokkoo Sa'uudii irraa gara biyyaatti argachuuf abdataa jira.

Dabalataanis, Waayit Haawus. UAE waggoota 10 keessatti karoora invastimantii doolaara tiriiliyoona 1.4 Ameerikaa keessatti raawwachuuf waadaa galteetti jedheera.

Tiraamp imala kanaan ''bu'aa hatattamaa'' agarsiisuu akka barbaadan, xiinxalaan Waashingitan bu'urreeffataniifi dhimma Baha Giddugaleessaa fi Ameerikaa irratti hubannoo addaa qaba, Hasan Mineyimneh BBC'tti himaniiru.

Pirezidantiin Ameerikaa waadaa invastimantii guddaa sana, keessattuu waliigalteewwan waraanaa, dafee hojiirra akka oolfaman gochuu barbaadu. Kanas akka ragaa milkaa'ina imaammata daldalaa isaa biyyoota biroo waliin qabaniitti dhiyeessuu danda'a jedhan.

2. Baha Gidduu-galeessaa jijjiramaa

Karoorri waraana Gaazaan boodaa fi dhimmi Iraan waliin hin xumuramne imaammata alaa Ameerikaa keessatti tarree hojiiwwan manaa hojjetamuu qaban keessaa sadarkaa olaanaarra kan jiru yoo ta'u, michoonni Galoo Galaanaa kunneenis lamaan isaaniifuu ni fayyadu.

Tiraamp guyyoota jalqabaa aangoosaa haaraa irratti biyyisaa Gaazaa gara "Rivieraa Baha Jidduu Galeessatti'' jijjiiruuf dhuunfachuu akka barbaaddu dubbachuun addunyaa rifachiisanii ture.

Yaadni isaa kunis namoota daangaa sana keessa jiraatan miiliyoona 2.1 ta'an keessaa harka caalaasaanii bakka biraatti jijjiiruu kan of keessaa qabu yoo ta'u, kunis ''biyyoota ollaa qabeenya guddaa qabaniin'' kaffalamuu danda'a jedhe.

Karoorri kun addunyaa guutuutti bal'inaan kan balaaleffatame yoo ta'u, filannoo Arabaa waraanaan booda Gaazaa deebisanii ijaaruuf gargaaru jedhus Ameerikaa fi Israa'eliin fudhatama dhabe.

Imala kana irratti, Tiraamp naannoo waraanaan miidhame kana keessatti tattaaffii deebisanii ijaaruu kamiifuu biyyoota Galoo Galaanaa irraa maallaqa barbaaduu hin oolan jedhuu Pirof. Baabood. Haata'u malee, dhimmoota ariifachiisoo ta'an irratti xiyyeeffachuu malu jedhan.

"Ammaaf, Tiraamp michoonnisaanii Galoo Galaanaa jalqaba booji'amtoota Israa'el kanneen Gaazaa keessatti hafan gadhiisisuu xumuruuf akka gargaaran ni gaafatu jedhamee eegama," jedhu Pirof. Baaboodin.

Kunis kaayyoo biyyoonni kunneen duraanuu keessatti hirmaataniidha: Kaataar, biyya buufanni xiyyaaraa guddaa Ameerikaa Baha Giddugaleessaa keessaa qabdu itti argamu, waliigaltee jireenya booji'amtoota gadi lakkisiisuu fi dhukaasa dhaabuu Israa'elii fi Hamaas gidduutti mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa taphatteetti.

US tibbana yeroo buufataalee Huutii Yaman keessa akka isaan dooniiwwan Galaana Diimaa keessatti dooniiwwan irratti haleellaa hin raawwanne dhorkuuf jecha, haleelteetti humnashee Baha Giddu Galeessaa keessaa ol guddiifteetti

Daawwannaa Tiraamp torban tokko dura, Omaan Waashingitanii fi Huutii gidduutti haleellaa dhaabuuf giddu galuunshee ni yaadatama.

Mr Mineeyimneh, Riyaad daawwannaa Tiraampiin dura US haleellaa qilleensaa akka dhaabdu jajjabeessuu hin oollee jedhanii amanu.

Addatti ammoo, Tiraamp Iraan yoo waliigaltee niwukilaraa kan hin raawwanne ta'ee haleellaa irratti raawwachuuf doorsisaniiru.

Tiraamp baatii Guraandhalaa keessa 'Fox News'tti akka himanitti, ''Iraan karaawwan lamaan qabamuu dandeessi, innis karaa waraanaa yookaan waliigaltee taasisuudhaan,'' jechuun ''waliigaltee gochuu'' filachuu isaanii dubbatan.

Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa ibsa Ebla 30 kenneen, "Bulchiinsi Iraan waldhabdee Baha Giddugaleessaa keessatti dubbii hammeessaa jira, sagantaa niwukilaraa isaa tarkaanfachiisuu, akkasumas michoota shororkeessummaa fi bakka bu'oota isaa deeggaruu itti fufee jira" jedhe.

Haata'u malee, karaa jaarsummaa Omaaniitiin sagantaa niwukilaraa Tehraan irratti Iraanii fi US gidduutti marii taasisuun, gamoonni lachuu waraana irraa fagaachuuf fedhii guddaa kan qaban fakkaatu.

Erga waraanni eegaleen biida bu'uuraaleen misoomaa Gaazaa baay'een barbadaa'aniiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Erga waraanni eegaleen biida bu'uuraaleen misoomaa Gaazaa baay'een barbadaa'aniiru

3. Waldhabdee addunyaa keessatti dhiibbaa Galoo Galaanaa

Sa'uudii Arabiyaan Ameerikaa, Raashiyaa fi Yukireen gidduutti giddu-galeessa ijoo ta'uun gahee fudhattee jirti.

Ji'a Guraandhalaa keessa walgahiin sadarkaa olaanaa US fi Raashiyaa gidduutti Riyaad keessatti taa'ameen, waraana Yukireen xumuruu irratti mari'ateera. Marichis bakka bu'ummaa Yukireen malee taa'amee ture.

Walgahiin kun erga Raashiyaan bara 2022 weerara guutuu Yukireen irratti raawwattee booda kan jalqabaa yoo ta'u, innis carraaqqiin tokkummaa biyyoota Lixaa Moskoo adda baasuuf taasisaa turan akka xumuramu agarsiisa.

Sana booda baatii Bitootessaa keessa mootummaan kun marii marsaa adda addaatiin waraana Yukireen irratti geggeeffame irratti jila biyyoota sadan irraa dhufan keessummeessuun isaa ni yaadatama.

Mariin Ameerikaa fi Yukireen Jiddaatti geggeeffame kunis erga dhuma baatii Guraandhalaa keessa Waajjira Ovaalitti Tiraamp fi pirezidantii Yukireen Volodymiir Zeleniskii gidduutti osoo kallattiin televijiiniin darbaa jiruu waldhabdee uumamee booda kan jalqabaa yoo ta'u, mariin dabalataa Yukireenotaan ''bu'a qabeessa'' jedhame Riyaad keessatti taa'ame, riqicha sirreessuuf gargaaruu hin ollee.

Sa'uudii Arabiyaa fi UAE lamaan isaaniiyyuu, booji'amtoota waraanaa Raashiyaa fi Yukireen wal jijjiiruuf waliigalteerra akka gahamuuf gidduu galaniiru ture.

Biyyoonni Galoo Galaanaa kunneenis ''rakkoolee naannoo fi addunyaa keessatti gahee (mariisiisuu irratti) qabaniin, akkasumas humna maallaqaa fi kuufama boba'aa fi gaazii uumamaa bal'aa qabaachuu isaaniitiin dhiibbaa dinagdee fi siyaasaa guddaa argataniiru,'' jedhan Pirof. Baabood.

Itti dabaluunis, Chaayinaanii fi dorgomtoonni Ameerikaa biroo barbaachisummaa tarsiimoo Galoo Galaanaa ni hubatu, kanaaf Waashingitan michoota naannoo ishee waliin hariiroo cimaa qabaachuuf fedhii guddaa qabdi jedhan.

4. Carraa Sa'uudiifi Israa'el firoomsuu

Tiraamp bara aangoosaa jalqabaa keessatti waliigalteewwan idileessummaa Israa'elii fi biyyoota Arabaa afur: UAE, Baahireen, Morookkoo fi Sudaan gidduutti taasifameen gidduu seenuun boqonnaa seena qabeessa galmeessaniiru.

Wal waraanni biyya keessaa Sudaan keessaa adeemsa kana addaan kute. Haata'u malee, biyyoonni sadan hafan garuu biyyoota Arabaa Israa'el waliin hariiroo dippilomaasii qaban qofa ta'uudhaan Masrii fi Joordaan waliitti makamaniiru.

Addunyaa Arabaa fi Islaamaa keessatti adda duree ijoo kan taate Saawud Arabiyaan hanga ammaatti Israa'eliif beekamtii sirnaa hin kennine.

Qondaalli sadarkaa olaanaa Sawuudii tokko bara darbe BBCtti akka himanitti, Hamaas Onkoloolessa 7 bara 2023 haleellaa lubbuu namaa galaafatu Israa'el irratti raawwachuu isaatiin dura waliigalteetti "dhiyaatanii" ture.

Haata'u malee, Tiraamp dhiheenya kana erga Sawuudiin akka haal-duree waliigalteetti mootummaan walabaa Filisxeem akka hundeeffamu gaafachuu dhiisuu dandeessi jechuun yaada dhiyeessanii booda, biyyattiin kana malee "hariiroon dippilomaasii Israa'el waliin akka hin jiraanne" irra deebi'ee ibsite.

Alaabaa Ameerikaa, Israa'el fi Sawuud Arabiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ameerikaan Israa'elii fi Sawuudii Arabiyaa gidduutti waliigaltee idileessuu galmaan ga'uuf yaalii gochaa turte

Taajjabdoonni Israa'el waliin Riyaad waliin walitti dhufeenya idileessuun (normalization) irratti falmisiisummaansaa dabalaa dhufeera jedhanii amanu.

Waraanaa ammalleen Gaazaa keessatti itti fufee bakka jiruutti, Sawuudii Arabiyaan daawwannaa kanaan dhimma kana irratti mari'achuuf qophii tatee hin mul'attu jedhan Pirofeesar Baabood.

Tiraamp waliigaltee walitti dhufeenya Israa'elii fi biyyoota Galoo Galaanaa dabalataa gidduutti idileessuuf taasifamu hordofuu itti fufuu jedhamee eegama jedhan.

Haata'u malee, ammoo waliigalteen gara fuula duraatti Israa'elii fi Sawuudii Arabiyaa gidduutti taasifamu kamiyyuu milkaa'ina kana caalu bakka bu'a jedhan.