Kaartaa Baha Giddugaleessaatti nagaa buusa jedhamee abdatamee, garuu dhokatee hafe

 Ministirri Muummee duraanii Israa'el Ihud Olmert bara 2008 Israa'eli fi Filisxeem biyya yaada dhiyeessanii turan
Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri Muummee duraanii Israa'el Ihud Olmert bara 2008 Israa'eli fi Filisxeem biyya yaada dhiyeessanii turan

"Waggoota 50 dhufan keessatti hogganaa Israa'el tokko kaartaa kana yeroo dhiyeessu argitu. Mallatteessi! Mallatteessinee seenaa haa jijjiirru!" jedhan Olmert kaartaa agarsiisaa.

Bara 2008 Ministirri Muummee Israa'el Ihud Olmert waliigaltee Baha Giddugaleessaatti nagaa fiduu danda'a jedhanii amanan hogganaan Filisxeem akka fudhatanii mallatteessan kadhachaa turan.

Israa'el fi Filisxeem biyya wal cinatti akka hundeessan kan gaafatu ture – amma garuu waan hin danda'amne fakkaata.

Osoo kaartaan hojiirra oole ta'ee, Weest Baankii %94 ol irratti biyya Filsxeem hundeeffama ture.

Kaartaan Olmert kaase sun amma sadarkaa sheekkoo haasa'ama jechuun ni danda'ama.

Waggootaf hiikaan adda addaa itti kennamaa kan turan yoo ta'u, miidiyaatti garuu ifatti dubbatanii hin beekan.

Namni fiilmii dokimentarii Norman Pirsi 'The Road to 7th October' jedhurratti Ihud Olmart bara 2008 Jerusaalemitti kaartaa kana Mohaammud Abbaasitti agarsiisu hima.

''Kuni yeroo jalqabaatiif kaartaa kana miidiyaatti yeroon mul'isedha'' jechuun Olmert nama fiilmii kana waraabutti himan.

Kaartaa Ihud Olmert Israa'el fi Filisxeem biyya wal cinatti akka hundeessaan akeeku
Ibsa waa'ee suuraa, Kaartaa Ihud Olmert Israa'el fi Filisxeem biyya wal cinatti akka hundeessaan akeeku

Kaartaan kun bali'naan Weest Baanki keessaa iddoowwan % 4.5 Israa'el dabalamuu qaba jedhan agarsiisa.

Iddoowwan kun wixinee mandara Jiwishoonni keessa qubatanii, akkuma bara 1990 keessa turetti of keessaa qaba.

Ministirri Muummee Israa'el kun akka jedhanitti Israa'elis lafa kanaan wal gitu qarqara Wees Baankii fi Gaazaarraan Filisxeemiif kenniti jedhan.

Lafti Filisxeem karaa guddaan ykn karaa lafa jalatti hojjatamuun walqunnamu jedhan.

Fiilmii sana keessatti Olmert deebii hoggganaan Filisxeem yeroo sana kenna yaadatanii dubbatu.

"Innis: 'Muummicha Ministiraa, dubbiin kun dhimma baay'ee hamaadha. Dhimma baay'ee, baay'ee, baay'ee cimaadha' jedhe."

Karoorri Olmert dhimma Yerusaalemirratti furmaata kaa'era.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gama lachuu kutaalee magaalattii akka magaalaa guddoo isaaniitti himachuu danda'u jedha.

Bulchiisi magaalaa durii Jeusaalem dabalatee, iddoowwan amantii fi naannoowwan itti aananii jiran dabalatee - koree Israa'el, Filisxeem, Sa'udii Arabiyaa, Joordaan fi US of keessaa qabuuf dabarfamee kennama jedha.

Hiikni kaartaan kun qubsuma Jiwishootaaf qabu guddaa ture.

Osoo karoorri kun hojiirra oole ta'ee hawaasni danuun guutummaa Weest Baankii fi gammoojjii Joordaan keessatti faca'anii jiran, bakka sanaa ni baafamu turan.

Muummichi Ministiraa Israa'el duraanii Ari'eel Shaaron bara 2005 keessa Yihudoota kumataman lakkaa'aman Gaazaa keessaa humnaan yeroo buqqisan, warra mirga Israa'eliif falman hedduu mufachiise.

Weest Baankii keessaa namoota buqqisuun qormaata guddaa bakka bu'a ture, qubattoota kuma kudhaniin lakkaa'aman kan buqqisu yoo ta'u, jeequmsaa uumuu mala ture.

Garuu hojiirraa hin oolle.

Xumura walgahii irratti Olmert yoo hogganaan Filisxeem mallatteesse malee kooppii kaartaa kanaa Mahammuud Abbaasitti hin kennu jedhanii didan.

Abbaas mallatteessu didan, maalummasaa hubachuuf ogeeyyiitti kaarticha agarsiisuun qaba jedhan.

Olmert akka jedhanitti, lamaan isaanii guyyaa ittaanutti ogeeyyii kaartaa akka wal gahan waliigalanii turan.

"Adda baane, beekta, akka waan tarkaanfii seena qabeessa fudhachuuf jalqabuuti," jedha Olmert.

Walgahiin sun gonkumaa hin taa'amiin hafe. Halkan sana Yerusaalem irraa konkolaataa akka bahiniin , hogganaan Waajira Pirezidantii Abbaas, Raafiq Huseen, haala konkolaataa keessa ture yaadatu.

"Dhugaadha, ni kolfine," jedha fiilmii kana keessatti.

Rafiqi Huseen yaadni dhiyeessan hin milka'uu jedhanii turan
Ibsa waa'ee suuraa, Rafiqi Huseen yaadni dhiyeessan milka'aa mit jedhan

Filisxeemoonni hojiirra akka hin oollee amanu turan. Olmert falmii dhimma malaammaltummaan walqabatu keessa seenu dura hojii gadhiisuuf karoorfatanii turan.

Rafiqi Huseen akkas jedhan;''Olmert, hammam nama gaarii ta'ullee, milka'aa mitii, kanaaf eessaayyuu hin geenyu'' jedhan.

Haalli Gaazaas dubbii walxaxaa ta'e.

Haleellaa rookkeettii ji'ootaaf Hamaas raawwatee booda, Olmert haleellaa Israa'el banan. Torban sadiif kakaase.

Olmert waliigaltee kana otoo mallatteesitee ‚'gaariidha' jedhee natti ihmaa ture jedhan Abbaas.

Sana booda, Ministirrii Muummee Israa'el fuuladuraa muudamu haquuf yoo yaale, " dogoggoora Israa'el akka ta'e addunyaatti dubbachuu danda'a ture" jedhan.

Guraandhala keessa filannoo Israa'elitti gaggeeffame. Sana booda biyyi Filisxeem akka hin hundoeeffamne kann morman Beenjamiin Netanaahuun aangoo qabatan.

Karoorri fi kaartaan Ihud Olmart achuun dhokatee hafe.