Namicha 'adamsitoota falfalaa' waliin wal'aansoo wal qabu- Dr Igwee

Madda suuraa, Jonathan Griffin / BBC
Aktiivistiin Lee'o Igwee Naayijeeriyaatti namoota falfalaan himataman gargaaruuf tattaaffii taasifamu keessatti adda dureedha. Sababiin isaas lubbuu isaanii balleessuu ykn fanniifamuu fa'i waan danda'aniif gargaaru murtesse.
“Naannawa itti namoonni akka tasaa fudhatamanii ajjeeffaman turuu arguu keessa fudhachuun turuu hin dandeenye,'' jechuun Dr Igwe BBC'tti hima.
Bara 2017 barnoota amantaatiin doktorummaa isaa erga xumuree booda boqonnaa dhabee ture. Waa’ee falfalaa bal’inaan barreessee kan ture yoo ta’u, hayyoonni akaadaamii garuu shaakala kana dura akka hin dhaabbannee waan isa hin hayyamneef mufate.
Naayijeeriyaa keessatti paastaroonni Piroteesitaantii tajaajila falfalaa jedhaman irratti xiyyeeffate gaggeessuu isaanii BBCn ragaa argeera.
Akeekkachiisa: Barreeffamni kun qabiyyee dubbistoota tokko tokko jeequu danda’an of keessaa qaba.
Kanaaf Dr Igwe dhaabbata Advocacy For Alleged Witches jedhamu fi kan “gara laafina, sababaafi saayinsii fayyadamuun lubbuu namoota ilaalcha sobaatiin miidhaman baraaruurratti” xiyyeeffate hundeesse.
Hojiin ittisaa miidhamtootaa Dr Igwe kunis biyyootaa akka Gaanaa, Keeniyaa, Maalaawii fi Zimbaabuwee fi kaan keessatti babal’ate.
Namoota dhaabbatichi gargaare keessaa tokko Juud kan ganna 33 dha. Ji'a Hagayyaa keessa yeroo bulchiinsa Beenue keessatti himatamee reebamu gidduu seenuun baraare.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Juude, hojjataan oflaalii foddaa fi yeroo muraasaaf baankii tokko keessattis hojjetaa ture, ganama tokko gara hojiitti osoo imalaa jiruu, mucaa dhiiraa ubboo bishaan ulfaataa lama baattee deemu tokko waliin wal arge. Innis haala qaamaa gurbaa kanaarratti yaada kennun bira darbee deema.
Micichi garuu yaada kennameef kana gaarummaadhaan hin fudhanne, garuu karaa isaa itti fufe.
Booda, Juud hordofuudhaan tuuti namoota gara 15 taʼan dhagaa itti darbatan. Isaan keessaa mucaan ganamaa dubbise ture.
"Dargaggoonnis na loluu jalqaban, ibidda natti qabsiisuuf yaalan," jedha Juud.
Innis falfalaan qaama saalaa mucaa kanaa akka badu taasiseera jedhamee himatame, himannaan kunis kan isa rifachiisee fi dhugaa hin turre.
Himannaan dhiirummaa dhabamuu kunis kutaalee Afrikaa lixaa tokko tokko keessatti waan hin baratamnedha.
Himannaan kunis kan yaaddoo Koro syndrome, dhukkuba sammuu akka qaamnii saalaa dhiiraa baduu ykn genital retraction hysteria jedhamuun beekamu waliin walqabatee kan turedha.
Dr Igween akka jedhanitti, Juud sababa maqaa balleessii himannaa kanaatiin hojiisaa baankii akka dhabu ta'eera.
Viidiyoon waldhabdee hamaa falfala adamsuu kanaattis Feesbuukii irratti naanna'uu kan jalqabe yoo ta'u, yeroo kana Dr Igwee fi gareen isaanii hubatanii qorachuu jalqaban.
“Jarris gurbaa Juud kana qullaa gadi baasuudhaan, beekta, gara jabummaadhaan,” jedhu Dr Igwe. “Nuti dura bakka isaa adda baasuuf yaallee, viidiyichi eessatti akka raawwatamaa jiru?”

Madda suuraa, Advocacy For Alleged Witches
WhatsApp irratti Dr Igwe nama dhiibbaa uumuu danda'aniidha.
Waggoota muraasa darban keessa gareewwan WhatsApp kutaalee Naayijeeriyaa adda addaatiif banuudhaan qopheessee jira.
Gareen kun lammiilee dhimmi kanaan yaaddoo qaban hedduun kan guutaman yoo ta’u, isaanis “leelliftoota” jedhee moggaase. Viidiyoo fi suuraa himannaa falfalaa gar malee qoodaman waliif qooduudhaan yeroo himannaan kan dandeettiisaanii keessa kan jiru ta'e gidduu seenuuf yaalu.
“Juud bira dhaqne. Madaa isaa akka wallaanamuuf qarshii muraasa itti erginee turre. Hawaasummaadhaan ammoo isa bayyanachiifne,'' jedhu Dr Igwe.
Dhaabbanni 'Advocacy for Alleged Witches' jedhamu kunis Juud akka hojiirraa hin argi'amneef baankii inni hojjataa tureef barreessee yaalaa ture, garuu homaa deebii irraa argachuu hin dandeenye.
Akkasumas gareen kun Juudiidhaaf kaffaltii yunivarsiitii kaffaluufis waadaa galeera, kunis jalqaba haaraa akka isaaf kennu abdatu.
Biyyi Afrikaa keessaa ummata baayyee kan qabdu tana keessatti hedduunsaanii falfalaa fi humnoota seexanaan qabameera jedhamu ni amanu, sodaa keessas jiraatu.
Keessattii rakkoon maallaqaa, dhukkubni ykn dhala dhabuun yeroo baay’ee falfalaan kan wal qabsiifamudha.
Namoonni himataman yeroo baayyee saaxilamoodha. Yeroo baay’ees namoonni akkasii kunneen kan baayyee ijollee, ykn baay’ee kan dullooman, yeroo tokko tokko ammoo kan hir’ina sammuu ykn qaamaa qaban ykn kanneen hiyyummaa keessa jiraataniidha.
Akka marsariitiin karaa gabaasaalee miidiyaatiin jeequmsa biyyattii keessatti raawwatamu hordofu, Naayijeeriyaa Watch jedhutti, bara 2024tti namoonni saddeet kallattiidhaan sababii himannaa falfalaatiin ajjeffamaniiru.
BBCn lakkoofsota kana addatti mirkaneessu ta’uu baatus, kanaan dura Naayijeeriyaa fi biyya biraatti namoota falfalaan himataman irratti dhiyaateerra haleellaa fi ajjeechaa raawwatamu gabaasee ture.
Yunivarsiitii Ibadaan keessatti barsiisaa olaanaa amantiiwwan Ganamaa Afrikaa kan taʼan Dr Olaleye Kayode, “Naayijeeriyaa keessatti falfala ykn uumamaa ol taʼetti amanuun aadaadha” jedhu.
Itti dabaluudhaanis, “Amantiin falfaltootaas uumamaa ol Waaqayyo dhimma lafaa sochoosuuf uume keessaa tokko akka ta’uu ilaaluudha” jechuun, namoonni falfala adamsuu kan jajjabeessan wallaalummaarraa ka'uun akka ta’e ibsa.
Naayijeeriyaa keessatti falfala adamsuu adda durummaan “amantoota biyya alaarraa dhufan” kan akka Kiristaanummaa fi Islaamaa irraa lallabuun akka ta'e komatu. Amantiiwwan aadaas falfalaa irrattis “duula akka geggeessan” ni beeka.
Dr Igwe akka jedhutti, paastaroonni kiristaanaa Peentaaqostee biyyattii keessatti dhiibbaa guddaa qaban hedduun tokko tokkos waa’ee falfalaarratti ilaalcha sobaa akka cimsaniifi ilaalcha wanti “falfala jedhame kamiyyuu hawaasaaf balaa qaba, araarri hin maluuf, ajjeefamuu qaba” yaada jedhu barsiisuu jedhan.
Taateewwan waldaa tokko tokko ammoo akka tajaajila bilisa baasuutti gabaadhaaf kan dhiyaatan yoo ta’u, ji’a Hagayyaa keessa sagantaan tokko mata duree “That Witch Must Die” jedhuun beeksifame akka ture kaasan.

Madda suuraa, Advocacy for Alleged Witches
Waldaan saganticha duuba turtees karaa miidiyaa hawaasaarratti hordoftoota kuma 20 qabaniif bal'inaan lalabdee jirti
Dr Igwe beeksiisa kana biilboordii bulchiinsa Imoo keessatti yeroo arganiitti, aanga'oota naannoo sanaaf iyyannoowwan hedduu, akkasumas miidiyaalee biyya keessaaf ammoo barreeffamoota hedduu barreessee sagantichi akka haqamuuf yaale.
Dhaabbatichi itti fufuunis taajjabdoota erguun taateewwan walfakkaatan mormuufi amnsiisuuf yaalii taasisuu itti fufe.
Itti gaafatamaan waldaa dhimmisaa ilaaltuu gaaffii BBC’f dhifeessee yaada kennuudhaaf hayyamamoo hin taane.
Sagantaa bulchiinsa Imoo sanarrattis namni tokkollee hin ajjeefamne, garuu hololli dubbii “falfalaan du’uu qaba” jedhu waldoota irraa dhufuunsaa jibbaa fi jeequmsa uumuu danda’a jedhu Dr Igween.
Waldoonni Naayijeeriyaa hedduun ammoo ilaalcha akkasii ni mormu.












