Waa'ee maanguddoo Aanaa Diggaatti 'waraabessa yaabde jedhamanii ajjeefamanii' maal beekna?

Madda suuraa, Getty Images
Tibbana godina Wallagga Bahaa Aanaa Diggaatti maanguddoon tokko osoo waraabessa yaabbatanii adeemanii argaman jechuun ajjeefamuun dhagahame.
Taateen kanaan viidiyoon dubartii kana yeroo namootni itti naanna’anii ilaalanii fi miidhaa irraan gahan miidiyaa hawaasummaa irratti bal'inaan qoodamaa ture.
Dubartiin kun mana yaalaa akka gahaniin lubbuun isaanii akka darbe BBC’n odeeffateera.
Jiraataan aanichaa maqaan isaa akka hi ibsamne gaafate tokko maanguddoon kun sammuunsaanii nagaa dhabuurraa rakkoon kun mudachuu odeeffannoo akka qabu BBCtti himaniiru.
Bakki rakkoon kun itti mudate Aanaa Diggaa Ganda Guddisaa ta'us, maanguddoon kun garuu Aanaa Guutoo Giddaarraa dhufuu dhageenye jedhan jiraataan kun.
''Guyyaa kaleessaa maatiinsheeyyuu dhufanii deebi'ani. Erga ji'a ja'aatii sammuun ishee dhukkubaa akka ture, maraattee hidhamtee akka turtee fi hidhaa kuttee akka baate himan,'' jedhe.
Akka jiraataan kun jedhanitti ''wanti sirriitti beekamu jaartiin kun rakkoo fayyaa sammuu qabaachuudha, inni uummanni jedhu [waraabessa yaabbattee argamuu] shakkiidha malee qabatamaa miti.''
''Jaartiin kun wantoota garaagaraa kanneen akka dhadhaa, birrii, uffataa fi wantoota ishee barbaachisan kaanilee of harkaa qabdi,'' jedhan jiraataan kun.
Jiraataan kun maanguddoon kun halkan keessaa naannoo sa'aatii saddeetiitti, qorri rukutee akka argamanii fi akkaan miidhamanii akka turan, achumaanis ambuulaansiidhaan gara buufata fayyaa naannoo sanaa [Ifaa jedhamu] erga geessanii booda achitti lubbuunsaanii dabarte jedhan.
Reenfas buufatuma fayyaatu awwaale kan jedhan jiraataan kun, maatiin erga reenfi awwaalamee dhufan jedhan.
Maatiinis, ''baga sirnaan nuuf awwaaltani, jaartii sammuun dhukkubee ture,'' jechuu himan jiraataan kun.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Odun dubartiin ‘osoo waraabessa yaabbattee deemtuu qabamte’ reebamtee ajjeefamte jedhu kun gidduu kana miidiyaa hawaasaa irratti akkaan dubbii ijoo ta’eera.
Dhimma kanarratti kan gaafataman Itti gaafatamaan Waajira Abbaa Alangaa Aanaa Diggaa, Obbo Boonsaa Ittaanaa, gocha raawwate kana akkuma nama kaaniitti miidiyaa hawaasaarraa dhaga’uu ibsan.
Haata’u malee, ‘‘lubbuun dubartii eenyummaan ishee hin baramnee tokko Aaanaa Diggaa keessatti darbuu mirkaneessineerra,’’ jechuun BBC’tti himaniiru.
Taateen kun Caamsaa 30 Aanaa Diggaa Ganda Guddisaa bakka Dhagaa Kaabaa jedhamutti raawwate jedhan Obbo Boonsaan.
''Jalqaba aanadhuma keenya keessatti waan raawwatameyyuu natti hin fakkaanne. Boodarra garuu poolisoonni aanichaa dubartii bakka miidhaan itti irra gahee kaasanii gara waajira fayyaa Aanaa Diggaa geessuu fi achumatti du’uushee poolisoota irraa hubadheera,” jechuun dubbatu.
Eenyummaan dubartii kanaa ammaaf akka adda hin baane kan ibsan Obbo Boonsaan “lubbuun namaa darbee waan jiruuf, eenyu akkamitti gocha kana raawwate kan jedhu ammoo qulqullaa’uu qaba,” jedhu.
“Eeruun idilee ta’e nu gahuu baatus, sadarkaa odeeffannootti dubartiin kun du’uu waan dhageenyeef, qaama poolisiitiin bakka itti miidhaan irra gaherraa kaafamtee waajira fayyaatti geeffamuufi achumatti boqochuu waan quba qabnuuf, abbootii alangaa fi qorattoota poolisii irraa namoota lama lama walitti qabuun qorannootti akka seenan murtaa’eera,” jedhan.
Gareen qorannoo hundaa’e kunis, uummata naannoo bakka taateen kun itti raawwatee walitti qabuun, gara qorannootti akka seenamu murtaa’us, haalli naannoo taateen kun itti uumamee ammoo yaaddoon nageenyaa jiraachuu sadarkaa odeeffannootti waan dhufeef, hanga yoonaa qorannoon akka hin eegalle BBC’n odeeffateera.
“Haalli naannichaa qoratamee, rakkoon nageenyaa hin jiru yoo ta’e, bakka sanatti argamanii, akkaataa taateen kun itti raawwate, eenyu akka itti hirmaate adda baasuun gara seeraatti akka dhiyaatan ta’a,” jechuun obbo Boonsaan BBC’tti dubbataniiru.
Ogeessi seeraa dhimma kana irratti gaafataman Abdii Taakkalaa, namni kamiyyuu mirga jiraachuu qabaachuu kaasuun, gochi kun itti yaadamee kan raawwate taanaan yakka gara jabinaatiin akka gaafachiisu BBC’tti himan.
''Seerri ‘gochaan raawwatameera’ jedhamu kunuu yakkadha jedhu hin jiru. Otuma yakka ta’eeyyuu adeemsa seeraa keessa darbee adabbiin itti murtaa’ee malee daboo ykn hoomaadhaan murtiin kennamu seeraan gaafachiisa,'' jedha Abdiin.
Itti gaafatamaan waajira poolisii Aanaa Diggaa, Obbo Tasfaa Jaalataa gama isaaniitiin gocha raawwatame jedhame kana homaa akka hin beekne BBC’tti himan.
Odeeffannoon miidiyaa hawaasaarra qoodamaa ture, Godina Wallagga Bahaa Aanaa Diggaa iddoo Baalasgeerii jedhamuun beekamutti, Caamsaa 30 halkan gara barii dubartiin waraabessa yaabbattee deemtu namoota naannootiin akka qabamtee fi waraabessichi ammoo akka miliqe ibsa.
Suuraa fi suur-sagalee miidiyaa hawaasaa irratti gadhiifames dubartiin kun namoota wacanii fi itti ga’isaniin marfamtee miillishee hidhamee wayita lafa teessu mul’isa ture.












