Maanguddoo Indiyaa waggaa 104tti mana barumsaa seenan

Maanguddoon Indiyaa waggoota hedduuf mana barumsaa galanii barreessuu fi dubbisuu barachuuf hawwaa turan umriinsaanii waggaa 104tti hawwiisaanii milkeessuu danda'aniiru.
Kibba Indiyaa bulchiinsa Keeraalaa keessa kan jiraatan haati waggaa 104 Kuutiyaamaan, umrii ijoollummaasaaniirraa kaasanii mana barumsaa seenanii barachuuf fedhii guddaa qabaachaa turan.
Maanguddoon umriisaanii gara dhumaa keessa jiran kun baratanii barsiisuuf fedhii guddaa qabaatanis, garuu dubbisuu fi barreessullee barachuuf carraa argatanii miillisaanii mooraa mana barumsaa osoo hin ejjetin waggaa 100 caalaa lakkoofsisan.
Waggaa haga kana guutuu garuu abdii osoo hin kutatatin mana barumsaa galanii barachuuf eegaa turan.
Maanguddoon kun, shamarran carraa barnootaa akka dhaban kan godhu, gaa'ila umrii maleedhaan sakaalamanii carraa barnootaa dhabanii umriisaanii guutuu barnoota dheebotaa akka jiraatan himan.
Ijoollummaatti erga heerumanii booda maatii gadi dhaabuuf hojii mana keessaa irratti xiyyeeffataa kan turan Kuutiyaamaan, hojii qonnaa hojjechuunis dirqama waan tureef osoo ifa barnootaa hin argin umriin jaaran.
Haata'u malee erga umriinsaanii dhibba darbeellee miirri isaan barnootaaf qaban gonkumaa hin qabbanoofne ture.
Yeroo kanatti saganataa barnoota bu'uuraa mootummaan Indiyaa qopheessetti gargaaramuun dharraa barnootaa jaarraa tokkoo oliif keessa isaanii ture umriisaanii gara dhumaatti dhandhamaniiru.
Haala kanaan maanguddoon umrii waggaa 104 Kuutiyaanaa, mana barumsaa seenanii barreessuu fi dubbisuu danda'aniiru.
Gara mana barumsaa wayita deemanitti dargaggootaa fi shamarran akkawoo fi akaakileesaanii ta'an waliin barachuun raawwii olaanaa ajaayibsiisaa ta'e galmeessisaniiru.
Jaalalaa fi kutannoo cimaadhaan gara mana barnootaa kan deeman maanguddoon kun, barnoota bu'uuraa barreessuu fi dubbisuu erga baratanii booda qorumsa xumuraan dhibba keessaa qabxii 89 argachuun xumuraniiru.
Yeroo ammaa maanguddoon ganna 104 kun fedhii jaarraa oliif keessa isaanii ture milkeessuun, barreessuu fi dubbisuu danda'anii jiru.
















