Osoo hin qayyabatiin abjuudhaan qormaatatti dhiyaattanii beektuu? kun akkamiin mudata?

Madda suuraa, BBC/ Hazel Shearing
Gurbaan umrii waggaa 17 Oluwatosin kolleejii Leeds Sixth Form jedhamutti gulantaa A irra jira. Bara dhufu yeroo akkanaa qormaataaf taa'a.
Inni yeroo hunda guyyattii sana yaada. Hirriba keessas yaadi kun itti deddeebi'ee yeroo garii bararraaqa.
Oluwatosin galma qormaataa keessattifaa of arga, abjuudhaan. Waraqaa qormaataa gosa barnootaa herregaafaa tasuma of fuulduratti arga.
Garuu barnoota istaatistiksii fi herregaa hin qayyabanne, gaaffileen barnoota kunneen ilaallatan wayita dhihaataniif guddoo dhiphata.
Yeroo garii wayita hirriba keessaa bararraaqee dammaqu dafqi fuulasaarra citeera, mataa bowwuu hamaadhaan dararama.
Boodammoo abjuu ta'uusaa baree tasgabbaa'a.
Waa'ee qormaataa abjootuun nama hunda bira hin jiru, yoo jiraates hundi hin yaadatu. Namoonni waa'ee qormaataa abjootanii dhiphatan garuu mudannoosaanii qoodaniiru.
Kun maalirraa madda? Hambisuun danda'amaa?
Yunivarsitii Oksifoorditti Pirofeesar dawaa hirribaa kan ta'an Koolin Espiin wayita nuti rafnullee sammuun keenya dammaqaadha jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sammuun keenya waan baranne keessa deebi'ee xiinxaluu, yaadannoo keenya cimsuu fi miira keenya hojjechiisuutti ko'oommataa bula.
Kana qofa osoo hin taane qaamni keenya akka hojiitti seenus ni taasisa. Kun abjuu isa jennu.
Abjuun waa'ee qormaataa sammuun keenya osoo nuti hin beeknillee waa barataa akka jiru kan nuuf mirkaneessuudha jedhu ogeessi fayyaa Pirofeesar Espii.
''Wanti hirriba keessa nama mudatu, tarii sammuun namaa 'dhimmi kun si yaachisa' , 'qabiyyeen ati irratti hojjechuu qabdu jira', 'anis irratti hojjechaan jira' jedhee namatti himaa jiraachuusaati,'' jedhu pirofeesarri kun.
''Kana jechuun guyyaa qayyabachuu hin qabnu jechuu miti. Sammuun keenya waan nuti barachuuf yaallu jabeessa malee waan nuti hin beekne miti kan hojjetu.''
Jireenya keenya keessatti waan hedduutu mudata, garuu waa'een qormaataa maaliif akkas nama dhiphisa?
''Waan nama dhiphisu irratti halkan abjootuun waan baratamaadha,'' jedhu Pirofeesar Espii.
''Wanti tokko waan nama sodaachiseef qofa hamaadha jechuu miti. Garuu wanti nutti mul'atu sun qormaata ta'uusaati. Eeyyeen qormaati ammoo mataansaatuu qormaata.''
Namoonni hedduun waa'ee qormaata fudhachuuf deemanii kan hin yaadne, hin dhiphanne jiru, sammuun garuu akkas miti.
''Guyyaas sammuu keenya keessa jira, halkan kanumatti nutti dhufa,'' jedhan Pirofeesar Espii.
Akka pirofeesara kanaatti namni barnoota yookiin leenjii qormaata qaburra jiru kamiyyuu waa'ee qormaataa abjootuu hin dhiisu, garuu abjuun nama hundaa walqixa miti.
''Namoonni gariin xiqqooma abjootu, darbanii darbanii. Kaaniif ammoo rakkoo halkan hundaati.''
Miira ofii abjuutuu

Madda suuraa, BBC/ Hazel Shearing
Shamarreen umrii waggaa 19 Zuhaal ammoo waa'ee qormaatarraa booddeetti hafuu abjuutuun dhiphatti.
''Qormaataaf yeroon ka'uuf jedhee alarmii guuteen rafe. Osoo alarmiin hin iyyin yeroo lama yookiin sadi hirribaa keessaa ka'a. Ammoo wayitan ka'u ammallee sa'atii tokko rafuu akkan qabun hubadha, garuu hin danda'u,'' jette.
Pirofeesar Espii haala kana wayita ibsan, ''hirriba keessaa wareeranii ka'uun abjuu miiraan guutameen kan uumamuudha. Kun kan agarsiisu wayita rafnullee miirri keenya hojiirra jiraachuusaati,'' jedhan.
Sammuun keenya wantoota qoqqoodee ramaduun beekama kan jedhan pirofeesarri kun ''namoonni wayita haala hammaataa keessa seenan wayita isaan rafan sammuun sanuma deebisee mul'isa. Hirriba keessa sanuma yaadu. Kan mana barumsaa fi qormaataas kanumaan walqabata,'' jedhan.
''Bu'aan abjuu qormaataa guyyaa qormaatatti dhihaatanii qormaata fudhachuu qofa miti, walumaa galatti jireenya keessatti qoramuu agarsiisa.''
Abjuu qormaataa jibbisiisaa akkamiin hambisna?
Pirofeesar Espii qormaata qabaannaan dhiphachuu dhiisaatii sagantaa baafadhaa qo'adhaa, qophii ga'aa taasisaa jechuun gorsu.
Halkan wayita gara hirribaa deeman waa'ee qormaataa yaadaa dhiphachuurraa karoora qindaa'aa baafachuun hojiitti seenuun furmaata ta'a jedhan.
''Waa'ee foormulaa herregaa yaadaa yoo rafte halkan walakkaa hirriba keessa waa'eema kana yaadda,'' jedhan Pirofeesar Espii.
''Wayita qormaatatti dhihaattan yeroo tasgabbii (boqonnaa) qabaadhaa. Ammoo wayita abjuu badaadhaan hirribaa kaatan akka hamaatti fudhattanii of hin jeeqinaa,'' jechuun gorsu.
Pirofeesar Espii hariiroo abjuu fi fayyaa sammuu gidduu jirus qo'ataniiru.
''Dhiphinni kan guyyaas ta'e kan halkanii (hirriba keessaa) bu'aansaa tokkuma. 'Osoo akkas ta'eewoo?' yaada jedhutti nama geessa,'' jechuun abjuu fi fayyaa sammuu ibsu.
Kanaafidha kan waa'ee qormaatarraa boodeetti hafuu yookiin ammoo deebii qormaataa wallaaluu abjuunnuuf jedhan.
Shamarreen umrii waggaa 19 Rooz ammoo waa'ee qormaataa abjootti miti-yookiin ammoo hin yaadattu ta'a. Garuu yaaddoon qormaataa hirriba ishee dhorka.
Yeroo baayyee halkan keessaa hanga sa'aatii saddeetiittiyyu hin raftu.
Kana sirreessuuf fiilmii daawwatti. Garuu ofumaa ijibbaatti malee kunis ishee hin fayyadu.

Madda suuraa, BBC/ Hazel Shearing
Pirofeesar Espii akka jedhanitti of raffisuun akka hirriba of qabsiisuu salphaa miti.
Barii sa'atii kudhanitti duddaan ciistee baaxii manaa ilaalta yoo ta'e, bakka ilaaltu sanarraa gargali jedhu Pirofeesar Espii.
Osoo qormaata irra hin taa'in dura yoo xiqqaate sa'aatii sadiif rafuu yaali. Yoo kana gochuu dadhabde mee daqiiqaa kudhaniif bilbilaa fi yeroo ilaaluu malee turi.
Akkasis gootee yoo hirriba rafuu dadhabdehoo?
''Yeroo muraasaaf ka'ii taa'i, hanga deebitee raftutti. Amma gara siree kee deemi, deebi'ii rafi. Erga raftee booda deebitee ka'uun waan sirrii akka ta'es of hubachiisi,'' jedhu Pirofeesar Espii.
''Maraammartoo dhiphinaa keessa of hin galchin. Waan humnaa olii milkeessuuf yaaluutti hin dhiphatin.''












